Adooleesaa 15, 2005


Aangoo Irra Turuuf Jecha Ummata Nagaa Wal ficcisiisuun Daba Dhiifana Hin Qabnee dha.

Mootummaan EPRDF/TPLF aangoo humnaan qabate turfachuuf waggooti kudha afuran dabran keessa shira hin dalagin hin qabu. Kan ummataaf yaaduu fi dhimmu fakkaatee daba hiriyaa hin qabne ummatoota irratti dalagaa ture. Tooftaa dullomaa kan adda qoodanii bituu jedhus fufiinsaan dhimma itti bahaa ture amma illee itti jira. Shirri Wayyaanee kun daangaa Itophiyaa illee tarkaanfatee ummata nagaan biyya ollaa keessa jiraatu wal lolchiisee nagaa dhabamsiisaa jira. Kaaba Keniyaa keessatti lolli hamaan Boranaa fi Gabra gidduutti kan deemaa jirus kana irraa kan maddee dha. 

Amman  dura mootummaan EPRDF/TPLF Oromoo fi Oromoo, Oromoo fi ummatoota ollaa isaa jiran bakka hedduutti walitti buusee, dhiiga dhangalaasee qabeenyaa herreguutti rakkisu dhabamsiiseera. Baha Oromiyaatti ummata Oromoo fi Iisaa giddutti walitti bu’iinsi marraa hedduu ka’ee lubbuu  nama hedduu galaafate, qabeenya barbadeesse shira Wayyaanee irraa kan ka’e ture. Mootummaan Wayyaanee waraana isaa bobbaasaa gama tokko goruun, rasaasaa fi meeshaa lolaa garee tokkoo kennuun dhiigni ummataa akka bilaashatti dhangala’u taasisee jira. Bifa wal fakkaatuun walitti bu’iinsi Oromoo fi Geeda’oo, Garri fi Boorana, Gurraa fi Arsii, Gujii fi Gabra, Gujii fi Boorana, fi kkf yeroo adda addaatti dhalatee ture hundaa keessa harki mootummaa Wayyaanee akka ture ragaa hedduutu jira.

Mootummaan Wayyaane filmaata Caamsaa 15, 2005 booda isa yeroo kamii caalaatti  ummataan jibbamuu fi tufamuu isaa hubatee gochaa aarii fi hijaa bahuu irratti bobba’ee argama. Mootummaan abdii kutatee fi ummata biraa deggersa hin qabne gochaa sukanneessaa fudhachuu irraa of duuba hin deebi’u. Seeraan osoo hin taane ummata sodaachisee irree isaa itti agarsisee bulchuu irratti bobba’a. Ummatooti tokkummaa isaanii jabeessanii akka qabsoo farra faashistummaa fi abbaa irree akka hin fininsineef tooftaa dullachatti dhimma baha. Kibba Oromiyaa fi Kaaba Keniyaa keessatti haalli gosoota Oromoo Booranaa fi Gabra gidduutti amma tahaa jirus kanuma mirkaneessa. Gochaan kun nagaa jaallattootaa fi qabsaawota bilisummaa hundaan balaaleffatamuu fi abaaramuu qaba.

Gosti Booranaa fi Gabri gosoota Oromoo bara dheeraaf waliin jiraatanii dha. Walitti bu’insa isaan giddutti dhalatu seeraa fi aadaa hawaasichi qabuun furataa har’a gahan. Aadaan ummataa kun garuu har’a harki Wayyaanee keessa seenee waan jiruuf laaffataa jira. Ummatni keenya qaawwaa diinni ittin nu gidduu seenee nagaa nu dhoorkee bittaa isaa itti fufuu barbaadutti dammaquun fashalsiisuuf hojjachuun barbaachisaa dha. Akeeka diinaa karaa hundaan doomsuun gurmuu keenya jabeessa, qabsoo finiinsa, bilisummaaa dhiheessa. Kanaaf ABO ummatni keenya gosa Booranaa fi Gabraa kana hubachuun walitti bu’iinsa hin barbaachifne dhalatee jiru kun osoo kana caalaa hin babal’anne akka karaa aadaan maanguddoota baasuu dhan xumuratan waamicha dabarsina. Miseensoti keenya, deggertooti keenyaa fi hawaasi Oromoo hundi shirri diinni nuyi wal lolchiisaa jiru akka fashaluuf kan isin irraa eegamu akka gumaachitan asumaan dhaamsa dabarsina. Nuti wal loluun diina keenyaaf aanjaa uuma waan taheef shaffisaan akka dhaabbatu gad jabeessinee dhaamna.

Mootummaan Wayyaanee ABO sobaan yakkuu fi maqaa balleessuu baroota 14 guutuu kan hojjataa turee fi har’a illee itti jiruu dha. Hammeenya hiriiyaa hin qabne ummata irratti dalagee ABO tu dalage jedhee dharaan yakkaa ture. Ummata keenya Gujii fi Gabra dura Oromiyaa keessatti dhimma filmaata Caamsaa 15, 2005 hundee godhachuun wal lolchiisee amma immoo daangaa tarkaanfatee Gabraa fi Boorana wal lolchiisuun media biyyoota ollaa dogoggorsee ABO maqaa balleessan bal’inaan irratti bobba’ee jira. ABO akeeka ummata wal lolchisuu fi miidhu hin qabu. Gosoota  Oromoo lamaan kanas sababa itti wal lolchiisuus hin qabu. Kanaaf ammoo seenaa isaatu ragaa dha. Kanaaf mootummooti ollaa fi hawaasi addunyaa shira Wayyaanee kana beekanii akka nuu wajjin abaaran waamicha goona. Mootummaan Wayyaanee ummata wal ficisiisuun ofii aangoo irra turuuf shirri dalagu dhaabbachuu qaba. Medialeen dhara Wayyaanee  hafarsaniis gaafatama isaan irra jiru beekanii akka of qusatan gaafanna. Lubbuu ummata nagaa fi qabeenya sababa lola kanaan dhabameef gadda keenya ibsachaa, gaafatamni isaa mootummaa Wayyaanee fi kanneen Wayyaanee irraa maallaqa nyaatanii lubbuu ummata dhibbaan lakkaawamutiin nagadaa jiran irraa akka hin buune beeksifna.

 

 Injifannoo Ummata Oromoof!!

Adda Bilisummaa Oromoo

Adoolessa 15, 2005

 


For more information, contact:
Oromo Liberation Front
Department of Information
P. O. Box 73247, Washington, DC 20056
Tel: (202) 462-5477 ext. 202
Fax: (202) 332-7011