Sadaasa, Bara 2005


11/02/2005

NAGAA FI WAYYAANEEN MANA TOKKO BULANII HIN BEEKAN!

Ummatootni Itoophiyaa nagaa waaraa fi guddina barbaadan dhabuu irraa salphinaa fi qaanii dorgommii hin qabne keessa baroota dheeraaf jiraatan. Bittootni Itoophiyaa furmaatni rakkoo hundaa humna tahuutti amanan biyyattii dhunfatuudhaan ummatoota humnaan bituu fi bulchuu aadaa godhatan, biyyattii biyya beela, dhukkuba, deegaa fi wallaalumma taasisan. Ummatootni hireen kun isaan mudates qaanii fi salphina kana keessaa of baasuuf qabsoo wal irraa hin citne adeemsisaa har’a gahuun isaanii hubatmaa dha. Bittootni Itoophiyaa rakkoo fi gidiraa ummatoota irra gahu irraa kan fayyadaman waan tahaniif gaaffiilee ummatootaaf deebii kennuu wayta didanitti ummatootni mootummoota irratti finciluu fi qabsaa’uudhaan aangoo irraa ari’aa akka turan seenaa biyyattii irraa ni dubbifama.

Mootummaan Wayyaanee har’a biyyattii humna waraanaan bulchaa jirus taanaan kan inni aangootti dhufuu danda’e jibbinsa ummatootni mootummaa irraa qabu kanaan gargaaramanii akka tahe hin falamsiisu. Mootummaan Wayyaanee mootummaa waraanaa/Dargii isa dura ture jaarmoota siyaasaa kan biroo qabsoo hidhannoo fi siyaasaa irra turan waliin kuffisee wayta aangoo dhuunfatetti ummatootni Itoophiyaa nagaan amansiisaan ni argama jedhanii abdachaa akka turan hin dagatamu. Haa tahu malee abdiin ummataa fi kaayyoon Wayyaanee wal fudhatuu hin dandeenye. Wayyaaneenis akkuma mootummoota isa dura turanii rakkoo hundaaf furmaatni humna jechuu irraa babal’atuu beelaa fi hiyyummaaf sababa tahe. Sirni dimokraasii akka hin dhugoomneefis gufuu tahe.

Bilisummaan ummatootaa akka hin mirkanoofneef humna qawween dura dhaabbate. Tattaaffiin bara 1991 Itoophiyaa keessatti nagaa waaraa argamsiisuu, bilisummaa sabootaa dhugoomsuu fi sirna wal qixxummaa mirkaneessuuf godhame sababa Wayyaaneen fashalus ummatootni mirga isaanii karaa nagaa argachuuf tattaafatuu irraa of hin qusanne. Jaarmootni siyaasaa furmaata nagaa argamsiisuuf of kenniinsaan hojjatanis ni turan. Kanneen keessaas tokko ABO tahuun hin haalamu. ABOn rakkoo siyaasaa Itoophiyaa humnaan osoo hin taane karaa nagaa wal haasa’uun kan furamu tahuu waan hubateef dhimma kanaaf hiree kennee furmaatni nagaa akka argamuuf yaalii godhullee gurra dhaga’u hin arganne. Hinumaa iyyuu mootummaan Wayyaanee ABO fi ummata Oromoo diina isa duraa godhatee duula irratti labsuun lammii Oromoo dhiiraa, dhalaa, daa’imaa fi maanguddoo osoo hin jenne ajjeesaa, hidhaa fi saamaa har’a gahe.

Yeroo ammaas taanaan mootummaan Wayyaanee godinaalee Oromiyaa Kibba, Kibba Bahaa, Dhihaa fi Bahaatti argaman keessatti duula bal’aa banuudhaan Waraana Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo loluu irratti argama. Duula bal’aa Waraana Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo irratti baname kanaanis lammiin Oromoo qe’ee isaa keessatti ajjeefamaa, qabeenya isaa saamamaa fi hidhaatti guuramaa jira. Akeekni kana duubaan jiruus rakkoo bara dheeraaf ummatoota danqaa jirtu karaa nagaan fixatuudhaan xumura itti godhuu osoo hin taane Oromoo akka ummataatti gadi-galoo gochuu fi Adda Bilisummaa Oromoo akka humna siyaasaa tokkotti akka hin jiraanne laamshesuudhaan ofii ammoo aangawaa tahuudhan as bahuufi. Ummanni Oromoo fi qabeenyi isaas dhunfaa fi tajaajila sirna Wayyaanee jalaa akka hin baanetti umrii bittaa ofii dheereffatuufi. Tarkaanfii gara jabinaa fi diinummaa Wayyaaneen kufiinsa irraa ana oolcha jechuudhaan fudhataa jirtu kun garuu bifa kamiin iyyuu dhabama irraa isii hin hambisu. Kan dhabamu Qabsoo haqaa ummata Oromoo ABOn durfamaa jiru osoo hin taane ootummaa Wayyaanee farra nagaa, dimokraasii fi walqixxummaa tahuun hin shakkisiisu.

Waggootni kudha afran dabran maalummaa wayyaanee hubachiisan. Wayyaaneen kan nagaa hin barbaadne, furmaatni rakkoo hundaa humna tahuutti kan amantu tahuu mirkaneessan. Nagaa leellisuun, mirgoota dimokraasii fi dhala namaa tiksuun tasuma Wayyaanee bira hin jiru; kan isiin beektu abbaa-irrummaa dha. Kanaafiis waanneen yeroo ammaa ummata Oromoo fi kan biroo irrattiis goloolee Oromiyaa adda addaa, manneen hidhaa fi daandiilee Finfinnee irratti mul’ataa jiranii ragaa dha. Waan taheef Ummatni Oromoo Wayyaanee irraa furmaatni nagaa akka hin argamne hubatee harka wal qabatuun keessaa fi alaan qabsoo isaa akka finiinsu ABOn waamicha isaa dabarsaaf. Tarkaanfii diina ummata Oromoo kana laaffisu hunda fudhatuun qabsoo isaa cimsuu irratti bobba’uun gaaffii belbeltuu yeroo ti. Keessattuu dargaggoonnii fi barattootni Oromoo qabsoo kana fuula dura furgaasuuf jecha wareegama isin irraa eegamu gumaachaa turtan har’a kan duraaniin caalaatti gurmuu fi tokkummaa keessan cimsuun garee ummataa tahuu keessan aagarsiisuun yeroon isaa amma.

Ilmaan Oromoo beekaas tahe wallaalchaan waraana Wayyaanee keessatti hiriiruun qawwee diinaa hidhatuun diinaaf irree taatanii jirtan, hidhaa fi ajjeechaa ummata keessan irra gahaa jiru callistanii ilaaluun haa gahu. Qawween hidhattan kan ummatni Oromoo ittiin ajjeefamuu fi ukkaamfamu qabu osoo hin taane kan ummatni Oromoo roorroo alagaa jalaa ittiin walaba tahuu qabu akka tahe hubachuun qawwee diinaa diinatti naannessuun waamichaa fi iyyata ummata keessaniif dirmadhaa. Lammii yeroo rakkoo tahuu keessan ummata keessan cinaa hiriiruun agarsiisaa. Lubbuu kee ar’aa illee akkuma kaleessaa, faaruu gabroonfataa ‘Itoophiyaan weeraramte’ jedhu sanaan daangaa Tigraay si tiksisiisuuf jecha dirqii dhaan lolaaf si hiriirfatan jalaa of walaboomsi. Dhaadannoo dharaatiin si kakaasee qarshiin si sosobatee lola si hin laallee fi faaydaa bifa kamiituu siif hin qabne keessatti si lolchiifachuuf karoorfatee jiru dura dhaabbadhu. Biyya, qabeenyaa fi saba biraa ittisuuf jecha lubbuu ilmaan saba keetii, abeenya biyyaa fi saba keetii galataan maleetti balleeffamu kana irraa dammaqiinsaan fashalsii bararami. Mootummaa kufuuf daddaaqaa jiru waliin hiriiruun seenaa kee hin xureessin.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa, Bara 2005


For more information, contact:
Oromo Liberation Front
Department of Information
P. O. Box 73247, Washington, DC 20056
Tel: (202) 462-5477 ext. 202
Fax: (202) 332-7011