Sadaasa 18, 2005

FincilI Diddaa Gabrummaa Oromoo Sirna Cunqursaa irratti malee Ummata irratti hin xiyyeeffatu

Ummanni Oromoo jaarraa tokko caalaaf gabrummaa jalatti kufee miidhaa daangaa hin qabnee fi gadadoo cimaa keessatti sadarkaa dhabamaarraa dandamatee as gahe. Dhabamarraa dandamatee as haa gahu malee ammaas taanaan mirga isaa guututti deebifatee haala iggitii qabu keessa akka hin jirre wanneen maalummaa isaa irratti raawwatanii fi shiroota adda addaa kan ammallee qabsoo isaa gufachiisuuf xaxamaa jiru hubatuun dansa taha.

Akeekni QBO shira bifa danuudhaan irratti xaxamu kana ofirraa faccisee mirga abbaa-biyyummaa isaa fi eenyummaa isaa deebifatuu dha. Kana gochuufiis suduudaan kan irratti xiyyeeffatu mootummaa madda shira akkanaa taatee fi sirna isiin ittiin U/Oromoo fi ummatoota biroo ittiin cunqursitu ofirraa faccisuudhaani, sirna bittaa gabrummaa kana ofirraa kaasuudhaan taha. Xiyyeeffanni fincila amma deemaa jiruus isa kana malee ummatootaa fi saboota biroo walirratti kakaasu miti. Inumaayyuu sabootaa fi ummatoonni cunqurfamoon wal tumsanii sirna abbaa irree Wayyaanee dhabamsiisuu irratti qabsoo godhuutu irraa eegama.

Mootummaan Wayyaanee garuu akka aadaa isheetti qabsoo cunqurfamtootaa amma belblee jiru kana dadhabsisuuf ummatootaa fi saboota wal dura dhaabuun akka wal lolan godhuu irratti bobbaatee jirti. Shira yeroo ammaa kana dabballootaa fi jaleen mootummaa Wayyaanee ummatoota giddutti gaggeessan osoo yeroo hin fudhannee fi hidda hin yaafanne fashalsuun waan yeroon gaafattuu dha. Yeroon ammaa kan gaafatu diina waloo kan tahe sirna Wayyaanee irratti fuulleffatuu taha. Kana daggachuudhan murni kamu diina isa angafticharratti fuulleffatuu dhiisee wal dura dhaabbatutti yoo deebi’e ofiin of miidhuu daran dantaa Wayyaanee kan guutu tahuu isaa ofirratti beekuu qaba. Ummatoonni Oromoo fi ummatoonni kamiyyuu gurmuu wali tahanii diinatti duulu malee ofii walitti duuluudhan diina dhabamarraa oolchuu hin qaban.

ABO gad jabeessee ummataa fi deggertoota isaa kan hubchiisuu barbaadu fincilli diddaa gabrummaa Oromoon gaggeessaa jiru farra Wayyaaneeti malee kan ummata kamuu akka hin taanee dha. Kana faallessee kan dhiheessuu barbaadu diina yeroo ammaa kana sochii ummataatiin hudhamee jiru akka tahe beekuun barbaachisaa dha. Kanaaf ummatoonni fi saboonni Wayyaaneen morman hundi fincilli Oromoon itti jiru kan diina gamtaa ummatoota hundaa waan taheef deeggarsa bifa hundaan sochii kana cinaa akka dhaabbatan ABOn yaamicha dhiheessa.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 18, 2005

 


For more information, contact:
Oromo Liberation Front
Department of Information
P. O. Box 73247, Washington, DC 20056
Tel: (202) 462-5477 ext. 202
Fax: (202) 332-7011