Sadaasa 5, 2005


Ammatti qabsoo finiinsuu malee filmaanni biraa hin jiru

(Waamicha ABO Haala Ammaa Irratti)

Mormiin diddaa diddaa mootummaa gabroomfattuu Wayyaanee bifa adda addaatiin yeroo babal’ataa jiru kanatti Oromoon qabsoo ofii finiinsuu malee karaa fi filmaanni biraa fedhii isaa ittiin guuttatu akka hin jirre hubachiifna.

Wagootii kudha afran dabraniif murni Wayyaanee U/Oromoo fi ummattoota biraas hacuuccaa fi miidhaa hiriyaa hin qabne irraan geessisaa ture.Saboonni mirga isaanii gonfachuuf qabsoo addaan hin citne gaggeessaa turaniiru. Qabsoo kanarrattiis wareegamni qaqqaaliin baafameera. Mormiin diddaa Wayyaanee kan U/Oromoo dhiiga ilmaan isaa qaqqaaliin qabsiise kunoo ar’a golee biyyattii hundumaa keessatti babal’atee magaalaa fi baadiyyaa raasaa jira.

Kanaaf, U/Oromoo fedhii isaa dhaabbataa irratti hundaawee, murannoon qabsoo isaa murna cunqursaa Wayyaanee kanarratti xiyyeefatuun fincila bifa hundaa gaggeessu qaba. Danqaa biyyattii fi naannoo sana mudate irra aanuuf U/Oromoo wareegama hadhaawaa qabsoon gaafattu kafaluudhan humna murteessaa tahee as bahuun yeroon amma.

Yeroon kan callisanii garaa hiranii taa’anii miti. Wayyaaneen gufuu dimokraasii fi nageenyaa ti. Fedhiin Wayyaanee Oromoo sosobdee hawwii bilisummaa fi mirga abbaa-biyyummaa isaa keessatti kolaasuu dha. Mootummaan kun nagaa dhugaaf qophii miti. Nageenyi dhugaa jabina qofaan dhufa. Kaanaaf, Oromoon qabsoo ofii finiinsee shaffisaan galii isaa gahuu malee kanraa fi filmaanni biraa fedhii isaa ittiin guuttatu akka hin jirre hubachiifna.

Wanti Wayyaaneen dubbattuu fi raawwattu yoomuu wal gitee hin beeku. Araarri isiin baantu araara dhugaa osoo hintahin kan ol’aantummaa TPLF mirkaneessee umrii sirna bittaa isaanii dheeressuufi. Kan isiin Oromoo afaaniin sosobduufis yeroo bitachuu fi qalbii ummata keenyaa hatuufi malee gaaffii Oromoo dhugaan furuufii miti. Soba isii kanaan ummataa fi qabsaawonni Oromoo dagamuu hin qaban jenna.

Ummanni Oromoo gaafa Afrikaa keessatti humna murteessaa tahuu isaa mirkaneessuun boru osoo hin tahin ar’a. Filmaanni tokkichi jiru fincila golee hundatti babal’ataa jiru kana finiinsuudhan akka furmaanni waliigalaa fi nageenyi waaraan argamu taasisuu dha.

Kana dhugoomsuuf Addi Bilisummaa Oromoo wamichaa fi gaaffilee armaan gadii kana dabarsa.

1. Haala ammaa kana dhunfachuu keessatti gootichi gaachana ummata Oromoo WBOn dirqama isaa caalatti finiinsuu akka dandahutti; ummanni Oromoo akka sochii isaa cinaa dhaabbatu waamicha goona;

2. Ummanni Oromoo xiqqaa-guddaan bakka jiru maraa ka’ee toftaalee adda addaatti dhimma bahuudhan fincila isaa daran jabeessee naannoo isaa akka dhuunfatu;

3. Ilamaan Oromoo beekaanis tahe osoo hin beekin mootummaa ummata keenya miidhaa jirtu tana tajaajilan hiree qabanitti dhimma bahuudhan fincila ummata keenyaa utubanii badii darberraa akka if qulqulleessan gaafanna;

4. Sabootni cunqurfamoon fi humnootni mirga dimokraasii kabajanii fi kan dhugoomsuuf warraaqaa jiran hundi qabsoo diddaa gabrummaa hanga ammaa gaggeessaa turanii fi ittis jiran daranuu harka walqabatuudhaan akka finiinsan ABOn yaamicha godha;

5. Mootummaan Wayyaanee dhibdee siyaasaa biyyattiin keessa jirtu karaa nagaa furmaata itti soquu irra humnaan ukkaamsuu waan filateef; waggoota 14n dabraniif biyyattii fi ummtoota nagaa dhoorkateera. Balaa waggoota kana keessatti dhaqqabee fi ammaas dhaqabaa jiruuf kan itti gaafatamu mootummaa Wayyaanee farra ummatootaa waan taheef warri sirna kana deeggaran deeggarsa isaanii akka dhaaban gaafanna;

6. Gaag’amaa lubbuu fi qabeenya Oromoo, Sidaamaa, Anuak, Somalee, Amaara, Shakkoo-majangir ….hanga ammaa gahee fi kan ammaas gahaa jiru komishinni Wayyaanee irraa walaba tahe dhaabbatee akka qoratu gaafanna;

7. Jeequmsa siyaasaa biyyicha raasaa jiruuf furmaata waaraa argamsiisuuf dhaabotni siyaasaa TPLF/EPRDF dabalee marii bal’aa yo deemsisan duwwaa waan taheef kanneen biyyattii balaa irraa ittisuu barbaadan hundi kana dhugoomsuu irratti akka hojjetan gaafanna;

8. Mootummaan Wayyaanee tumsa diplomasii fi deeggarsa diinagddee hawaasni addunyaa itti kennuun bittaa abbaa irrummaa itti fufuun karoora isii ti. Waan taheef hawaasni adduyaa imaammata biyyattiif qabu irra deebi’anii ilaaluun biyyattiin balaa irra hammaataa keessa osoo hin seenne furmaata waliigalaa argamsiisuu irratti akka fuulleeffatan ABOn waamicha isaa dhiheessa.

Injifannoo ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Adda Bilisummaa Oromoo,

Sadaasa, 2005

 

 


For more information, contact:
Oromo Liberation Front
Department of Information
P. O. Box 73247, Washington, DC 20056
Tel: (202) 462-5477 ext. 202
Fax: (202) 332-7011