Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Walgahiin Tokkummaa Afrikaa Finfinneetti Deemaa Jiru, Akkuma Kanneen Asiin Duraatti, Ummatoota Afrikaaf Jijjiirraa Argamsiisu Tokko Illee Hin Qabu.

Ijoo Dubbii (ABO) Guraandhalaa 1, 2008

Walgahiin matootii biyyoota Afrikaa-kan walgahii baraa Tokkummaa Afrikaa jedhamuun handhura Oromiyaa-Finfinneetti geegeffamaa jiraachuun ni beekama.

Akkuma walgahiilee maqaa biyyootaa fi ummatoota Afrikaan dahatamee adeemsifamaa turameetti, walgeettiin matoota biyyoota Afrikaa baranas, bu’a qabatamaa biyyootaa fi ummatootaaf fidu tokko illee hin qabne.

Kaayyoon matootii tokkummaa Afrikaa jedhaman kanaa, kan baranaa ‘Industrialization’ jedhamee lallabamuun ni dhagahama. Sadarkaa duraatti kaayyoon barana walgahiin tokkummaa Afrikaa kun qabate ka’e kun, kan dogoggoraa tahuu isaas bira gahuun nama hin dhibu.

Tokkummaan Afrikaa barana ‘Industrialization’ haa lallabu malee, galii Mileeniyaami kan bara 2015-tti iyyummaa balleessuu karoora jedhuus harka biraan itti ol-kaasuun waltajjii kanaas ni beekama. Dhugaan jirtu garuu, ‘galii mileeniyaami’ fi ‘kaayyoo baranaa 2008’ jedhaman kanneen, Tokkumman Afrikaa, gonkuma dhugoomsuu akka hin dandeenne amma falamsiisaa miti. Biyyoota Afrikaa kamuu laaluun kanuma hubachiisa.

Guddinni-baraa biyyoota Afrikaa waliitti qabaatti, waggaa waggaan 7% tahuun karoorfamuu illee, yeroo ammaa garuu waggaatti 5.3% qofa galmeessaa akka jiru hubatameera. Herrega kanaan, Afrikaan kaayyoo ‘Industrialization 2008’ fi ‘galii millennium 2015-tti iyyummaa dhabamsiisuu ittiin dhaadatu kana hin dhugoomsu.

Kana caalaa iyyuu, dhimmota jarjarsoo tahanii fi danqaalee ulfaatoo irraa aanamuun hin salphanneettu Afrikaatti argamu. Matootiin biyyoota Afrikaa jedhamani walgahan kun, haalotni siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi kkf biyyoota Afrikaa hedduu keesatti kan wal hin fakkaanne tahu isaa kan dagatan fakkaata.

Harkii caalaan biyyoota Afrikaa fi ummatoota Afrikaa, haalota siyaasaa danqaa tahaniin hudhamani jiru. Ummatootni Afrikaa biyya-biyya isaanii keessaattis tahe, ummatoota akkasuma biyyoota ollaa isaani jidduu, yaaddoo nagaan dhabamuu fi wal diddaa ulfaataa waadamaa jiraachuu keessatti argamu. Fakkii dhiheessuun ni danda’ama.

Rakkina siyaasaa fi hawaasummaa akkasuma dinagdee Zimbaabwee fala dhabee jira. Balaa barbadaa’insa lubbuu ummataa, qabeennaa, dinagdee fi qe’ee, kan ummataa fi biyyaa Somaliyaa weerarrii sirna goolessituu Itoophiyaa ddhalche jiru, ‘Industraliazation’ caalaatti fardeeffamuu ture. Yaaddoon lolaa Ertiraa fi Itoophiya kan murtii aduunyaa diduu murna mootummaa Itoophiyaa dhunfateerraa maddee, kan illaacha walgahii Afrikaa kana irratti ilaalcha guddaa argatuun irra turee dha. Dhibdeeleen siyaasaa fi waraanaa Sudanitti, naannolee biyyattii Darfur, Bahaa fi Kibbaa Sudaniitti mudataa jiru matoota biyyoota Afrikkaa jedhaman kanneeniin fardeeffamuun ni eegama ture.

Wal diddaan Sudani fi Chaad, lollii Somalilaand fi Puntland jidduu akkasuma balaan oowwaan Filannoo biyyattii booda Kenyaatti ummata wal nyaachisaa jiru kan ‘Industrialization’ caalaatti farjarsaa ta’uuttu eegame. Gaaffiin mirga hiree murteeffannaa, iyyannoon kabajamuu mirgoota dhala namaa kan ummatootni akka Oromoo, Ogaaden, Sidaamaa, Gaambeelaa barootaaf kaasaa jiran, akkasuma gaaffileen ummatootni Itoophiyaa kaanis deemaa as gahan silaa kan hiree tanaan waltajjii maqaa ummatoota Afrikaa kanaatti dhagahamu qaban turan.

Walgahii Tokkummaa Afrikaa baranaa kun kan hubatuun irra jiru, bakka nagaa fi tasgabbiin hin jrreetti; bakka haqaa fi dimokiraasiin hin argamneetti; kaayyoon ‘Industrialization’ jedhamu yoom illee dhugoomuu hin danda’u. Bakka wal diddaan ummatootaa finiinaa jiruutti, qabsoon mirga hiree murteeffannaa akkasuma mirgoota namumaa kanneen hundee hin kabajamneetti galiin mileeniyaamii 2015, kan iyyummaa balleessuu jedhamu mirkanaa’u hin eegamu.

Biyya-biyyaatti, jireennii ummatootaa Afrikaa wayyeeffamuu, domokiraasiin dhugaa osoo hin gadaagin; mirgootni namummaa fi kaani illee lammiileen heeraan qabaachuu qaban osoo sarbamani, dhaadannoon kaayyoo walgahii babareedaa dhiheessuun qofti, baranaas tahe kan baroota dhufuus ummatoota Afrikaaf hiikkaa hin qaban.

Sababni kana hunda fide, Tokkummaa Afrikaa akeeka hundee baroota jahatamootaa keessaa qabatee ka’e irraa maqee jira. Tokkummaan Afrikaa waltajjii daldalummaa siyaasaa murnoota olaantummaa siyaasaa dabaan barbaadani taheera. Walgahiileen matootii Tokkummaa Afrikaa battala dhaadhessaa abbootii irree Afrikaatti of-jijjiire jira.

Tokkummaan Abootii Irree Afrikaa kun, kanaafu umrii bittaa dheerrefachuu irraa kan hafe, jijjiiraa hundee fi isa dhugaa ummatootaa Afrikaaf argamsiisu tokkoo hin qabu.

Kun ejjennaa Adda Bilisummaa Oromoo ti!

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net