Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Dhaadannoon Ol’aantummaa naannoo fi ummata Tigray, Mallas Ayyaana ABUT Irratti Labse, Ammas Tigroota Qofa Wakkaalu Sirnichaa Dhugoomse!

Ijoo Dubbii (ABO) Gurraandhala 22, 2008:

 
Sirni Faashistii Wayyanee, ayyaana waggaa dhaloota dhaaba nama-nyaataa Adda Bilisummaa Ummata Tigray (ABUT/TPLF), waggaa 33ffaa isaa Finfinnee illee dabalatee, bakka bakkatti kabajatuun hubatameera.
 
Gartuun Wayyaanee fi jalleewwan isaanii kun, akkuma kanaan duraatti, bu’ureeffamuu fi injifannoon dhaaba ABUT/TPLF  jedhamu kun Tigrayif  gonfate ture kan ummatoota biraa illee ilaalu jechisiisuuf dhama’uu itti fufuun ni dhagahama. Soba adii kana ar’aa illee waggoota 17-booda ummatoota biyyattii hafanii fi saboota sirnichii hacuuccaan ukaamsaa jiruu ittiin sobuu yaaluu irraa hin dhabbanne.
 
Hunda caalaa garuu, kan osoo hin tuqamin hafuu hin qabne, dhaadannoo ayyaanichaa bakka waltajjii haadhoo, Shire Endaselassie-Tigrayi irratti mataan ABUT fi Mootummmaa goolessaa Itoophiyaa, Leggessee Zenaawii dhagessisee dha.
 
Guyyaa ayyaanichaa sababeeffachuu dhaan, haasawaan Mallas Tigray Shireetti dhageessisee ture garuu, ibsoota dabballootni sirnichaa ayyaanichaa fi dhaabni ABUT kan ummatoota hafanis laalu jechuu fakkeessuuf, fknf Oromiyaatti dhageessisan irraa adda ture. Ayyanuma dhaaba takkichaa irratti haasawaan Shiree fi Finfinneetti dhaga’ame qabiyyee fi akeekaanis hedduu addaan fagoo akka ture hubatameera. Kun ammoo akeeka akkaan adda fadgoo ta’e kan sirnii ABUT/TPLF ummata Tigrayii fi ummatoota Itoophiyaa naannolee biyyattii keessatti marfamaniittiin qaban kan dhugoomsee dha.
Akkasumaas, Imaammataa fi tarsimoon saaminsaa, ajjeechaa, hidhaa, cunqursaa, fi garagarummaa waliigalaa sirnichii ittiin ummatoota biyyattii kaan ittiin miidhaa as gahees kanuma irraa akka maddus hubatuun nama hin dhibu.
 
Haasa’aan Mataa ABUT/TPLF, Mallas Zenaawii guyya jedhame kanaan Shire Endaselassie-Tigrayiitti dhageessise karoora ABUT ta’uutti ida’e, hayyoota Tigray kan ofiin jedhan, dhaadannoo gartuun abbaa Irree, kan olaantummaa ummataa fi naannoo Tigray mirkaneessuuf akeekkatan kan raggaa ba’u tahuun daawwatameera. Kun ammoo gartuu ABUT/TPLF kan hin baafne tahuusaa fuulleetti kan itti himamuu qabuu dha.
 
Waltajjii Tigray-Shire Endaselassie kanarratti, Mallas ka’imman Tigray waadaa wareegamtoota Tigray bakkaan gahuuf ka’u akka qaban waamicha dabarseera. Itti dabalees, Mallas, ABUT fi ummatni Tigray, akkuma baroota qabsoo hidhannoo isaani sanaatti murannoo dhaan akka tarkaanfatu qaban labsee jira. Mallas bu’aa qabsoon hidhannoo ummata Tigrayiif argamsiifteetti dhalootni Tigray kan boonu tahu dhaadaturara dabre, ammas guddinaa fi badhaadhinna caalu Tigrayiif mirganeessuuf, Tigrootni hundu of kenniinsaan dhaabichaa fi Tigrayiif akka hojjatu qaban gaafatuun dhagahameera.  Kaayyoon ABUT fi Tigray dhaloota haaraatti waan dabarfameef, ABUT ar’as kichuu tahuusaa dura-taa’aan sirna nama-nyaataa ABUT, Leggessee Zenaawii waltajjii Shiree, Tigrayiitti kanarratti dhaadatuun galmaa’eera.
 
Dhugaan jirtu garuu, ummoota Itoophiyaa hafan irra dhokataa miti. Irraa dhokatuus hin qabu. ABUT dhaaba dhaloota Tigrayiin ijaaramee fi isaanuma qofaaf dhabbatee, bilisoomsee dha. Bilisummaan Tigray, akkasuma guddinaa fi misoomni naannoo sanaa, kanuma ummata Tigray qofa malee, kan  ummatoota Itoophiyaa hafan akka hin dabalanne, jarruu hujii dhaan mirkaneessani jiru.
Kanaaf mootummaan gartuu ABUT/TPLF dhaan ijaarames, kanuma murna bicuu Tigray fi dhaloota Tigrootaa qofaa tahu isaa ammaas kan dagatu hin jiru.
 
Dhaadannoon mataa Sirna faashistii Wayyaanee, Leggessee Zenaawii ayyaana jedhamu kanaan dhageessise, akeeka saboonummaa ummata Tigray finiinsuuf fi sabboonummaa dhaloota saboota biyyattii hafani kolaasuu itti fufuu isaanii mirkaneessa. Ummatootni cunqurfamoon biyyattii, wareegamaa fi bilisummaa ummata Tigrayiif quudhaa, wareegama gaafatu mara baasuu dhaan, isaanis bilisummaa mataa ofii qabsoo dhaan gonfachuun mirgaa tahuu isaa hiree kanaan ABUT dabalatee hundumtuu amanuun  haquma.
 
Akkasumaattis, akkuma hawaasa diqqaa bilisummaa ofiitiin boonaa jirani kannaatti, humna tahuu dhaan, keessattuu karaa qabsoo hidhannoo mirgoota abbaa biyyummaa fi namummaa ofii dhugoomsuun alaatti fallii gara biraa akka jirre hundu ar’as dhadannoolee ABUT/TPLF kanaan yaadachiifamaniiru.
  

Waan taheef, ummatootni Itoophiyaa fi dhaabotni walabni mirgoota ummatoota isaaniif falman kamuu, sirna jallaa ABUT/TPLF, kan olaantummaa, guddinaa fi badhaadhinna ummata gola tokkoo qofa mirkaneessuuf dhaabbate, hojjata jiru kanaan bakka bu’amu lagatu feesisa. Sabboontotni ummatoota biyyattii hundi, egeree ummatoota biyyattii dhugaan iggiteessuuf harka wal qabatani falmatuu qaban jenna.

 

Kun Ejennaa Adda Bilisummaa Oromoo ti!

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net