Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Sirna Bicuu Itoophiyaa-TPLF/EPRDF jalaatti, Gonkuma Filannoon Dimokiraatawaan Hin Eegamu. Filannoon Dhugaa Hidhannoo Qofaan Dhugooma!

Ijoo Dubbii (ABO) Ammajii 18, 2008:

Sirna Abbaa Irree TPLF/EPRDF jalaatti, biyyattii Itoophiyaa jedhamtu keessatti filannoon dhugaa, dorgommii haqa qabeessi bilisaa fi banaa ta’e dhugoomuu gonkumaa hin danda’u.

Sababni innii bu’uraa amala, seenaa fi aadaa dimokiraasiin kan hin uumamin fi ittiin hin guddatin immaammata ofittummaa sirni TPLF/EPRDF hordofu tahe galmaa’eera.

Bara 1992 irraa kaasee, TPLF/EPRDF aadaa fi seenaa waliin dhahiinsa sagalee lammiiwwanii fi walumaa gala baruumsa hanna siyaasaa gara naannoolee biyyattii qofaatti osoo hin taane, sadarkaa biyyoota ollaa fi naannichaatti babal’isuun beekama. Seenaa keessatti kun, qooda sirni TPLF/EPRDF Muummicha Ministeraa Mallasiin enaawiin durfamu ummatoota naannoo Gaanfichaaf gumaache dabraa jiruu dha.

Caamsaa bara 2005-as, sirni faashistii Wayyaaneen durfamu kun, akkaataa itti filannoo gandaa fi onootaa lallabaa jiru itti moo’atu waggoota lamaa oliif hojjataa as ga’e.

Yeroo kana keessatti dabbalootni Wayyaanee, dhaabota mormitootaa walaba biyyaa keessaa hojjatuu filatan hundumaa naafisuu, diiguu fi dhabamsiisurratti bobba’e. Itti aanee Sirnichii boordii filannoo namoota caalaatti sirnichaaf amanamoo tahan jedhamaniin dhunfachiisuu xumurate. Wayyaneen ulaagaa fi seerota filmaataa jechuun labsoota mormitootaa fi dorgomtoota dhaabota kaanii lafa itti dhiphisuu tumuu hujii taasifateera.

Mootummaan abbaa Irree Mallas Zenaawii, dhaabotni mormitootaa biyyaa keessaa hojjatu filatan kamuu akka ummata isaanii bira hin geenneef karaa gartuu tika isaa uggureera. Bakka bu’oota ummataa kan ta’an, miseensota paarlamaa hordofsiisuu, doorsisuu, tumsiisuu, hidhuu, ajjeessuu fi kaan ammo biyyaa ar’ani jiru.

Gartuun abbaa Irree Wayyaanee, ummatni akka yaada hin bal’ifanneef, mediyaan bilsni odeessaa madaalawaa ummatootaaf keessaa fi alaa illee irraa akka hin dabarsine danquutti hujoome. Mormitootni akka karaa mediyaa yaadaa fi akeeka isaanii ummataatti of hin ibsineef gufachiiseera.

Ummatni bal’aan akka sagalee isaa mormitootaaf hin laanneef mootummaan Wayyaanee namoota jumlaan ajjeessuu fi manneen hidhatti naquutti fuulleffate jira. Waajjiroota dhaabota karaa nagaa dorgomna jedhani itti cufuu, gubuu fi dokkumeentota irraa saamuurratti argaman.

Miseensota fi Dorgomtoota dhaabotni ummataa filannoof kaadhimatan waraqaa eenyumama itti waakkatuu fi hedduu isaanii ammo jalaa hidhaniiru. Naannolee, onootaa fi gandeen ummataa EPRDF hin filan jedhani shakkan gargaarsaa fi tajaajiloota adda addaa irraa muruun jilbeenfachiisuu irratti argamu.

Dhugaan jirtu, sirnii Wayyaanee biyyattii bitaa jiru, aadaa dimikiraasiif qophii miti. TPLF/EPRDF amalaa, aadaa fi mooyxannoo dorgommii siyaasaaf keessummeessuu fi bakka laachuufi hin qabu, qabaachuus hin qanda’u. Sirnii Mallas dimokiraasiin dhugaa, kan isa dhabamsiisuu fi hundee dhaan buqqa’uuf morma kennuutti ilaala.

Kana malees, yakkoota duguuginsa sanyii dabalatu, waggoota 17 guutuuf ummatoota biyyattii irratti raawwataa as ga’eerraa. Hireen isaa kanuma Charles Tailor sana tahuu Mallas tolchee waan beekuuf angorraa bu’uurraa, achumatti dhabamu filatu.

Mootummaan TPLF/EPRDF kan ummatootaan filatame waan hin taaneef, ummataaf dhaabbata jedhani hin eegamu. Sirni kun, mormii tokkoon maleetti, kophaa isaa ofiin dorgomee injifannoo lallabatuu waan aadeffateef, filannoo bilisaa fi banaa ta’e kan hayyamuu miti. Hannaa siyaasaa fi waliin dhahinsa sagalee ummatootaatiin bara-baraan jiraachuu kaayyoo taasifateera.

Sirna akkasii jalaatti dorgommii dhugaa fi haqaa eeguun soba ta’a. TPLF irraa dhugaa fi haqa eeguuf waywaatuun dhaabilee mormitootaa biyyattii, lubbuu lammiilee fi ummatootaa daguutti barbadeessaaf afeeruu qofa argamsiisa.

Filannoo, dirgommii fi baallii dhoksaa mootummaa goolessituu Wayyaaneef galu tokkichuma. Kunis, Filmaata humna ta’ani argamuu, dirree lolarratti waraanaan ittin dorgomuu, fi tarkaanfii irratti fudhatuu qofa akka ta’e ar’a falamsiisaa miti.

Waan ta’eef, dhaabotni mormitoota walaba ta’an hunduu ummatoota biyyattii sobaan abdachiisuu ykn dharaan jajjabeessuun gara yakkaatti kan isaan geessu tahu hubachuu qaban.

Furmaatni jiru takkichii kanaafuu, qabsoo hidhannoo sirna nama nyaataa TPLF/EPRDF dhabamsiisuuf muratuu ta’a. Qabsoo hidhannoo kan farraa sirna gaalessituu Wayyaaneetti hiriiruu fi waan barbaachisuun bakka jiraniitti dirmatuufiin dirqama filmaata gara biraa hin qabne jenna.

Kun ejjennoo Adda Bilisummaa Oromoo ti!

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net