Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Ijoo Dubbii

Ergaa Badhaasni Addaa Obbo Mo Ibrahim dhaan Afrikaaf Qophaa’e, Dhageeffatuun Dirqama Hoogganoota Ummattoota Afrikaa ti.

Onkololeessa 20, 2007 (ABO) - Torbee kana, badhaasni ol-aanaan dhimma hoogganummaa, fardeeffamuu bulchiinsa gaarii, Afrikaa afoolummaa fi abbaa Irrummaan barbadeeffamaa jiruuf jedhame, dhalootaa biyyaa Sudan kan tahan, daldalaan telekoms, Obbo Mo Ibrahim dhaan gad dhaabamee fi laatamuun gabaafame jira.

Ergaan bu’ura badhaasa kanaa, nagaa fi seeraan gaafatamaatti dhufuu fi aangoorraa bu’uu hoogganoota ummatoota Afrikaaf kan itti yaadamu waan taasisuuf, akeeka galateeffatamu qabuu fi ebbifamaa dha.

Kennaan badhaasaa bifa maallaqaan ta’e kun, doolara Amerikaa miliyoona shani, kan harkaatti nama laatamuu fi dabalee ammoo bara baraan doolara kuma lama-lamaa itti-fufiinsaan kan kennamu yoo ta’u, sadarkuma adduunyaattu kan jalqabaa fi kophaa ti.

Kabajaa ol-anaa fi badhaasni guddaan Obbo. Mo Ibrahim laate kun, barana yeroo jalqabaaf kan dhihaate oggaa ta’u, presidentii Mozambique kan turan, Kabajama Obbo Joaquim Chissano dhaaf kenname.

President Chissanoon, lola hadhaawaa dhaabotni FRELIMO fi RENAMO jedhamani beekkaman, ummatni Mozambique baroota dheeraaf barbadeessaa ture waan karaa nagaa furaniif, seenaan dubbatuun badhaafaman. Kana malees, President Chissano, akka heera biyya isaaniitti, ergaa waggoota 18-f angora tureen booda, osoo gadaan tokko kan gara biraa hoogganu danda’anii fedhii isaaniin waan angoo gad dhiisani badhaasa kanaaf filatamuun gabaafame.

Ulaagaa hogganummaa, kan bulchiinsa gaarii guutuu, akkasuma fakkii gaarii waan taheef, laatamuufiin labsame jira. Yeroo ammaa Mr. Chisanoon, bakka bu’aa barreessaa duree Tokkummaa mootummoota ta’e dhimma yaalii araaraa Mootummaa Ugandaa fi dhaaba LRA jidduu kan hojjataa jiru, ilma Afrikaa seenaa boonsaan yaadatamanii dha.

Badhaasni bifa maallaqaan nam-tokkeef laatamu kun sadarkaa adduunyaatti kan hunda caalaa guddaa fi jalqabaa ta’e galmaa’e kun, kennaa roga maallaqaa qofaan kan ilaalamuu miti. Ergaan badhaasni hoogganummaa gaarii kun hoogganootaa fi dura bu’oota mootummootaa, akkasuma biyyoota Afrikaaf qabu ifaa fi beekkamaa dha. Kunis, ummataa fi biyyaa tokko hoogganuun hiree fi seenaa hin irraanfatamne ta’u isaa mirkaneessa.

Hiree fi Seenaa tajaajila lammiilee sanaa ammo, ofirratti kabajuun hoogganoota ummatoota Afrikaa fardii ta’u badhaasni kun akeeka. Kanuma waliin, badhaasichi kan mul’isu, hoogganummaan lammii ofii amaanaa ummatoota miliyoonotaan laakka’amani waan ta’eef haqaa fi dhugaan raawwachuun akkaan fardii dha. Dhumarratti ammo bulchiinsaa fi hoogganummaan biyyaa fi lammiilee badaan kan itti nama gaafachiisuu fi abaarsisu oggaa ta’u, innii gaariin ammo kan seeraa fi seenaanis itti faarfaman ta’u badhaasichi Mo Ibrahim kun ni yaadachiisa.

Waan ta’eef, fakkii seenaa qabeessaa kan hubatu, fudhatuu fi akkasuma ittiin buluun ergaa guddaa badhaasichii, hoogganoota biyyoota Afrikaaf dabarsee jiruu dha. Ummata hooggana dhugaa fi haqaan bulchuu, nagaa (Afaan qawween alaatti) fedhiin angoo ummataatti dabarsuu aadeffatuun waamicha badhaasni Mo Ibrahim kun hoogganoota biyyootaa fi ummataaf labsuu dha. Ergicha kan gurraa qaban dhageeffatuu fi qalbeeffatuun dirqama hogganoota biyyoota Afrikaa ti janna.

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net