Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Ijoo Dubbii

Yakka Sirna Faashistii Mallas Zenaawii-TPLF/EPRDF Irratti Tumsuun Ofiifuu Yakka.


Onkololeessa 5, 2007 (ABO) - Mootummaan Itoophiyaa murna bicuu Wayyaanee, Mallas Zenaawiin durfamu, sirnoota ummatoota biyyattii wal duraa duubaan bitan, kanneen akka mooticha Haile Sillaasee fi Faashistii Dargii caalaatti kan bineensummaan guutamuun galmaa’e dha.

Mootummaan TPLF/EPRDF, waggoota 16-n dabran guutuu hawaasa adduunyaa fi ummatoota ofiin nan bulcha jedhu biratti fuulota gara garaan dhihaatuun beekamaa dha. Wayyaaneen hawaasa aduunyaa biraatti akka mootummaa dimokiraatawaa ta’ee, kan mirgoota dhala namaa kabajuu fi kabachisiisu, mootummaa mirgoota gosa hundaa ummata bulchuuf eeguu fi jireenna ummatootaa ol kaasuuf carraqaa jiru tokkootti of dhiheesaa as ga’e. Mootummaan Wayyanee biyya bulchuutti nagaa kan uumee fi naannoo gaanfichaatti ammo tasgabbii dhalchuuf hojjataa jiruu fakkeessani of gurguruuf hojjataa ar’a ga’e.

Dhugaan jiru garuu faallaa haala kanaa ti. Sirni Mallasiin durfamu, abbaa irrummaa hiriyaa hin qabneen ummatoota biyyattii ukaamsuun beekama. Ummatoota humna qawween of jalaatti dirqiin bulchuu, dhaabota mormitootaa, sabboontota, beektoota, ka’imman biyyaa, haawwani fi maanguddoo ummatoota biyyattii ajjeesuu, qaama hir’isuu, gaaxezeessitoota hidhu fi ajjeessuu akkasumas biyya ari’uun beekkama. Sirnichi keessattuu barattoota Oromoo fixuu, jumlaan hidhuu fi barumsa irra ar’u akkasumas xalayaa raga baruumsaa itti waakkatuun beekama. Wayyaaneen ummatoota biyyatii sabaan, naannolee fi gosaan akkasuma gandaan addaan basuun wal dura dhaabuu, lubbuu ummatoota nagaa ofiif galaafataa jiruutti dabalee akka lammiileen wal balleessaniif waliitti diruun, dhiigaan umrii bittaa dheereffatuu imaammata dhaabbataa taasifatee ittiin deemaa jira. Wayyaaneen ummatoota jumlaan fixee gaara keessatti bineensa nyaachisaa jira. Yakkii sirnichii ummatootaa fi biyyattii irratti raawwate fi raawwataa jiru kan tarrifamee dhumuu miti.

Haa ta’u malee, akkuma “guyyaan hattuu afurtama” jedhamu sanaatti, yakkii sirni Mallas ummatoota, biyyattii fi naannoo gaanfichaa keessatti raawwatu hawaasa adduunyaan yeroo saaxilamuu fi mormamuu geenyee jirra. Qoodni qabsoo ummatootaa fi dhaabota mormitoota sirnicha yakkoota kanneen addeessuu keessatti qaban laayyoo miti. Jaarmayootni mirga namumaaf falman, qaamotni seeraa fi mootummotaa adduunyaa gara garaa akkasuma jaarmayootni namoomaa adda addaa akkasuma mediyaaleen mul’atoon adduunyaa hedduun yakka sirna TPLF/EPRDF kanneen akka daawwannaa hawaasaa adduunyaa argatuu fi ittiis gaafatamuuf dhidhiibaa jiru. Garii murtii adabaa akeekaa jiru.

Kun ummatootaa biyyattii fi naannoo gaanfichaaf abdii guddaa dha.

Garuu Sirni Itoophiyaa balaa biyyaa fi ummatoota nan bulchaa jedhurraan gaha jiru kanneen aguuguu itti fufuu fi itti-gaafatama seeraa fi seenaa jalaa baqachuuf ijibaata dhumaa gochaa jira.

Sirni Wayyaaneen maqaa akka waa’elummaa faallaa lola goolessummaa kan naannoo gaanfa Afrikaa, michummaa mootummoota anga’oota aduunyaa gara garaa fi wakkiilummaa dhuma hin qabne tarrifatuun akka sababa murtiilee dhidhiibamaa jiramu irraa bararamuu qabuufiitti dhiheeffata jira. Sababootni Wayyaneen itti marattee dhiheeffataa jirtuu kuni, fi fuullii of-jajjabeesuu akkasuma sobaa marsaa biraa sirnichii ittiin dhihaataa jirtu kamuu kan fudhatamu hin qabnee ta’e argaman.

Haqni jiru, Ummatootni biyyattii fi gaanfichaa, Qaamotni, jaarmayootaa, mootummootni, biyyootaa fi walumaa gala hawaasni adduunyaa, firummaa fi michummaa Wayyaaneen dhiheeffataa jirtu kanneeniif jecha yakka sirnichii waggoota 16-n dabran guutuuf lammiilee biyyattii fi naannichaa irratti raawwataa jiru awwaalu hin qaban.

Firummaa fi michummaan akkasuma investimeentiin bifoota fedhee Itoophiyaatti godhamu, kan ummatoota biyyattii fi egeree lammiileerratti ta’u qabu malee, sirna goolessituu Mallas bor baka hin jiraanne irratti kan ta’u qabuu miti.

Mootummaa TPLF/EPRDF gartuu iftummaa siyaasaa hin qabne dha; Murna gaafatamni itti hin dhagahamne dha; Wayyaneen bulchiinsa sirna dimokiraasii ummatootaa waakkate jiru, Kan mirga namummaa ilma namaa awwaalee, egeree ummatota miliyoonotaan laakka’amu dukkaneesse jiru waan ta’ef; Itti gaafatamaaf dhiheessuuf hundu yeroon socho’an amma ta’u qaba.

Kana achi Sirna Faashistii Mallas Zenaawii-TPLF/EPRDF, dhiiga lammiilee laaqate, Yakka Irratti Tumsuun, Ofiifuu kan yakkamaa nama taasisu tahuun hubatamu qaba.

 

Adda Bilisummaa Oromoo

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net