Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Ijoo Dubbii

Guyyaa Kabajamu Odeeffannoo Walaba Adduunyaa Kanaatti Ummatootni Itoophiyaa, Bu’a Ayyaaneffatuuf Tokko illee Hin Qaban!


Fulbana 28, 2007 (ABO) - Ar’a Fulbaanni 28, 2007, guyyaa Odeeffannoo walabaa jedhame sadarkaa addunyaatti kabajame oole. Ummatootni Itoophiyaa garuu, akkuma kabajaa guyyaa kana quba hin qabne, waan ayyaaneffatuufiis hin qabne. Sababni isaa, waggoota 16 guutuu dhaaf, hiree dheebuu odeeffannoo walabaa ba’u sirna Mallas Zenaawiin itti waakkatame waan jiruuf.

Mayii baasiin odeeffannoo Itoophiyaa keessatti argaman hundi sirna Wayyaanee TPLF dhaan kan dhunfatame dha. Tamsaasni Televisionaa fi raadiyoolee Itoophiyaa bahiin isaa ummatoota biyyattiin kan baadhatamu ta’e, odeeffannoo dhugaa fi bu’aa beeksisii ummata barbaachisu laateefii hin beeku.. Buufatootni oduu kan ummataa ta’uun irra ture, sirnichaan dhunfatame qaama tikaa fi dabbaloota Wayyaneen tamsaasa sagantaa sobaa akkasumas gara-tokkee tahe haala gaafatamni hin jirreen kan tamsaasuu dha.

Radiyoolee ar’a Itoophiyaa keessa tamsaafamu hundi dhunfannoo Wayyanee jala jiran. Radiyooleen Itoophiyaa keessa dabran kan amantii illeen osoo hin hafiin dabballootaa fi tika wayyaaneen kan diraamalee fi lallaboota sobaa facaasu ta’e argamu. Mediyaaleen Itoophiyaa irraa tamsa’an hundi meeshaa barumsaa fi beeksisaan kan ummatoota tajaajilu osoo hin taane, xurumbaa party TPLF/EPRDF ti.

Radio Itoophiyaa kan jedhamu-maqaa Mootummaa Itoophiyaan (Wayyaaneen) Afaanota Amhaara, Tigrigna, Oromoo, Inglifaa fi Arabiin, kan TPLF ajandaa ofii ittiin ooftuu dha. Radio Faanaa- karooraa fi ololoota maqaa EPRDF jedhuun, Wayyaneen Afaanota sabootaan oloolattuuni dha.Radio 97.1 FM - Dhunfaannoo Miimii Sebhatu, Miseensa TPLF-n kan geeggeffamu fi Afaan Amhaaraan ittiin oloolamu.Radio Bahardar-ANDM/BIADEN gartuu tolee TPLF wayyanee dhaan Afaan Amhaaraan tamsaafama. Radio Sagalee Wayyanee- Maqqaleerraa kan dabru yoo tahu, tamsaasa Wayyaanee haadhoo ta’e, Afaan Tigrenyaan tamsaasama.

Gaazexaaleen Itoophiyaa keessatti ar’a barreeffamaa jiran hundi akkasuma TPLF fi maatiilee isaaniin kan dhunfatamee fi tohannoon barreeffamani ba’ani dha. Kan barreessu wayyaanota yo tahuu, kan barreeffamuuf ammoo ummatoota bal’aa propagandaa wayyanee dhuguu qabanii dha. Gaazexaaleen kun;

Gaazeexaa Addis Zaman- Maqaa Mootummaan, Wayyaaneen Afaan Amhaaraan barreeffame kan tamsaasu.

Gaazexaa Abiyotaawwii Dimokiraasii-Kan dhuunfaa Wayyaanee ta’e Afaan Amhaaraan faca’u.

Bakur Gaazexaa – gaafatama tolee Wayyanee ANDM/BIADEN jalaatti Afaan Amhaaraan faca’a.

Gaazexaa Sagalee Ummatoota Kibbaa-Maqaa ummataa aguuggii godhatuun Wayyaneen qophaa’e Afaana Amhaaraan faca’a.

Gaazexaa Bariissaa-Maqaa dhaaba maxxannee Wayyanee OPDOtiin kan Wayyaaneen Afaan Oromoon facaaftu. Gaazexaa Iftiin-Baajata Wayyaaneen Minseensa TPLF Miimii Sebhatuun kan Qophaa’uu dha. Iftiin gaazexaa Qaama Tika Wayyanee tiin kan geeggeffamu fi TPLF odeeffannoo kijibaa fi sodaachisa adda addaa irratti baasuun ittiin ummatootaan doorsiftu, Afaan Amhaaraan faca’a.

Reporter Gaazexaa- Miseensa Koree Jidduu TPLF kan ture, Aragahwi Barihee tiin qophaa’e, Wayyaneen kan raabsamu Afaan Amhaaraa fi Igliffaan kan faca’u. AddisLisaan Gaazexaa-Maqaa Bulchiinsa Finfinneen wayyaneen kan qopheessituu fi afaan Amhaaraan faca’u. Wagaagan Gaazexaa-Maqaa Waraanaan dabbalootni Wayyanee kan qopheessani fi Afaan Amhaaraan raabsamuu dha. EthiopianHerald- Kan dhuunfaa namoota miseensota TPLF Afaan Ingliffaan ba’u. Al-Addis-Miseensa TPLF kan qophaa’e ajandaa Wayyaanee afaan Arabiin kan facaasuu dha.

Hangam akka gartuu Wayyaanee walabummaa preesii sarban kan mirkaneessu keessaa tokko Gaazexaalee Walaba tahan, odeeffannoo qabatamaa ibsani fi hujiilee wayyaanee saaxiluu irraa cufaman;

Urjii Gaazexaa Afaanota Oromoo fi Amhaaraan barra’aa ture. Minilik Gaazexaa Afaan Amhaaraan kan facaa’a ture. Asqual Gaazexaa Afaan Amhaaraan kan ba’aa ture. AddisAdimaas Gaazexaa Afaan Amhaaraan barra’aa ture. Natsannat Gaazexaa Afaan Amhaaraan kan faca’aa ture. Ethiopis Gaazexaa Afaan Amhaaraan kan ba’aa ture. Wancif Gaazexaa Afaan Amhaaraan kan faca’aa ture. Seefenebalbaal Gaazexaa Afaan Amhaaraan barreeffamaa ture. Xoophiyaa Gaazexaa fi Masteet Afaan Amhaaraan kan faca’aa ture fi Nation Gaazexaa Afaan Amhaaraan kan barreeffamaa turee fi hedduu biro illee dabalata.

Ar’a buufatootni TV, Radiyoo fi gaazexaa TPLF irraa walaba tahanii ummatootni odeessa fi xiinxala haalaa sirrii tahe irraa hordofan tokko illeen hin jiran. Sirnii hedduu duubaatti hafaan Wayyaanee kun, waan hunda caalaa mediyaa akka sodaatu mirkanaa’e jira. Sababuma kanarraa kan ka’e buufatoota walaba tahanii fi Itoophiyaa alarraa ummatootaaf odeeffannoo dhugaa, xiinxalaa fi hubannaa adeemsa sirnichaa isaa dhugaa, haalota naannoo gaanficha afi adduunyaa dabarsan hundas danqurratti argama.

Sirnii Wayyanee marsaalee Internet (Websites) odeeffannoo dhugaa facaasan kanneen dhaabota ummatoota biyyattiif qabsaa’ani hunda akka biyyattii keesatti hin saaqamneef itti danqaree jira. Kana malees, yeroo baatii tokkooti as sirnichii radiyoolee akka SBO, Radiyoo Hurriyyaa fi radiyoo Tinsaa’e qilleensarra itti banuun ukaamsuutti fuulleffatuun akka qulqullinaan hin dhagahamne taasisaa jira. Radiyoolee VOA fi DW illee bararaa hin jiru. Hujii abaaramaa kana milkeessuuf, qabeenna ummata biyyattii qisaasuu dhaan buufata radiyoolee kanneen ukaamsuu doolara miliyoonotaa kan ittibafame Finfinnee fi naannooleesaatti ijaaruun baramee jira.

Sirnii faashistii mallas Zenaawii kun, gaazexeessitoota odeeffannoo dhugaa waliitti qabanii dabarsuuf tattaffatan hedduu murtii maleetti jumlaan hidhee jiru. Kaan ajjeefamani, gariin yeroo qaama naafifaman, hedduun ammo akka biyaya baqatan dirqisiisee jira. Gaazixeessitummaan waardiyaa ummata bal’aatti. Ijaa fi gurraa hawaasa tokkooti. Odeeffannoo dhugaa ukaamsuu jechuun, ilaa fi gurraa hawaasa tokkoo jaamsuu jedhama. Kun amaloota beekkamoo sirnoota abbaa irreeti. Walabummaan preessii bulchinsa ummataa gaariitti ilaalama. Mootummaan TPLF/EPRDF walabummaa pressii sarbuun, sagalee ummatoota biyyattii awwaaluu waliin, mootummaa bulchiinsa badaan ummatoota dhamaasaa jiruu dha.

Ummatootni Itoophiyaa, ummata mirgaa ofii hin beekne, kan dirqama sirnichii itti laatu qofa dirqiin raawwataman tahe jira. Itoophiyaatti lamiilee mootummicha qeequu fi hooggana TPLF/EPRDF gaafatuun akka yakkaatti fudhachiifamani jiru. Hiree fi buufatni odeeffannoo kana haala kana jijjiiruu, iyyattuu, marihatuu fi wal dhaqqabsiisuuf isaan dandeessisu tokkolleen hin jiru. Ololaa fi diraamaalee sirnichaa gara tokkee dirqiin obaafamaa as gahan.

Kanumaaf ummatootni Itoophiyaa ar’a kabajaa guyyaa Odeeffannoo walaba adduunyaa akkuma quba hin qabne, waan ayyaaneffatuufis hin qabne. Jaarraa 21ffaa keessatti faashitummaa fi bineensummaan sadarkaa kanaa mootummaa abbaa Irree TPLF/EPRDF Mallas Zenaawiin durfamuun, hawaasa biyyatti irratti raawwatamu kun roga seenaa fi seera hundarraa, guyyaa kanaatti kan abaaramuu fi mormamuu qabu ta’e galmaa’ee jira.

Adda Bilisummaa Oromoo

Fulbaana 28, 2007

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net