Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu


Ummata Oromoo fi FDG Sadaasa 9,2005 bifa addaan babal'atee

Kabajamtoota bakka bu’oota ABO, kabajamtoota bakka bu’oota jaarmiyaalee Oromoo adda addaa(GTO,WDO,SBOBA,WBDO,Baandii Eenyummaa) ,akkasumas kabajamtoota qaama  hawaasa Oromoo Keenyaa  waliigalaa fi kabajamtoota keessummoota guyyaa har’aa yaroo keessan kennitanii qalbii guutuun gootota kabajamuu mirga saba Oromoof kufan yaadachuuf bakka kanatti argamtanii ,baga nagayaan walitti dhufne!Baga  ayyaana yaadannoo gootota FDG irratti wareegamanii waliinuu geenye!!

Oromoo wareegamee akkanaan walitti nu fide seenaan haa yaadattu!Waaqayyo Lubbuusaaniif boqonnaa haa kennu!!Dhugaa isaan wareegamaniif ifatti haa baasu!

Haala FDG Oromoon gaggeessaa jiru otoo itti hin seenne duubbee seenaa FDG ykn Diddaa ummataa irratti yaada bu’uraa tokko tokko tuquun barbaachissaadha.

Koloneeffattootni ala dhufanii umamata gabroomfataniis ta’e Mootummootni ummatichaa keessa bayanii ummaticha geggeessaa turanii fi ammas itti jiran hedduun isaanii kachachaltoota, ummata akka umataatti kan ilaalan osoo hin taane; warra akka meeshaattii ilaalaa turanii fi jirani dha. Mootummootni akkasii kunis, kan isaani irratti qiyyaafatan haala akkamiin ummata geggeessaa jirra jedhan irratti dararama, hacuuccaa fi dhiibbaa geessisuu dandayanii dha. Yaada isaanii hammeenyaa kana galmaan gayuuf ammoo, humna waranaa, humna tikaa, human poolisaa, fi kan biroo isaaniif amanamoota ta’an ijaarachuu dha.

Haaluma  kanaan Sabootni hedduun mirga umamaa, mirgaa siyaassaa, mirga dimokrasii/ Democracy/ mirgaa hawwaasumaa, mirgaa dinagdee fi kan biroo sarbamuun hacuuccaa fi dararama humna isaan bitaa turee  fi ammas isaan bitaa jiru jala jiru. Ummatni haala akkasii keessa jiru yeroo rakkoon, hacuuccaa fi dararamni adda addaa humna gabroomfataa kanaan irratti fe’ame baachuu dadhaban ba’aa kana of irraa darbuuf sochii/qabsoo/ gochuun isaanii waan jiraati. Kanaaf ammoo,  Ummattootni hedduun toftaa nubaasa jedhanii itti amanan hundaan socho’aa turan. Ummattootni gariin humna isaan bitaa jiru irratti waaraana labsuu, diddaa/fincila ummataa gaggeessuu fi kan biro fayyadamaa turani,fayyadamaallee jiru.

 Haala kanaan toftaa qabsoo diddaa ummataa/civil disobidience/ mormii karaa nagaa ta’e tokkoon mootummaa, dhaabbilee mootummaa fi kan mootummaa tumsan fi kan biroo irratti ummaata isaan jala jiraaniif ummata bal’aan godhamuudha. Diddaan ummaataa kunis, humna gabroomfataa of irraa darbanii bilisummaa isaanii gonfachuu; ykn ammoo mirgii isaanii kabajamee,haqii, walqixxumaanii fi dimokiraasumman akka jiraatu akkasumas akka dagaagu gochuudha. Kun ammoo, kan inni mirkanaayuu dandayu yoo ummatni bal’aa fi caasaan/ijaarsi/ humna bitaa jiruu jala jiran sochii isaanii waliin qindeeffatuun aangoo fi mirga humni kun isaan bituuf qabu yoo gaaffii jala galchanidha. Itti dabaluun hundee aangoo mootummichaa kan ta’e baranii maddi isaa akka jalaa gogu gochuudha.

Diddaa ummataa kana akka toftaa qabsoo isa filatamaatti kan itti gargaaraman saboota danuudha/hedduu dha/. Toftaan bifa kanaan qabsoo geggeessun kun baay’ee isaaniif milkii argamsiiseera, gaarii isaaniif ammo bu’uura qabsoo isaan ittin bilisummaa isaanii gonfatan ta’eera. Qabsoo bifa kanaan kan qindeeffatanii fi ittis milkayan keessaa: Ummatni Hindii Maatamaa Gaandiin hogganamee, Ummatni wayyabni gurraachi Kibba Afrikaa Nilsan Maandeellaa /Nilson Mandella/, Desmond Tutu, fi Alan Boesak qindeeffamee fi Gurraachi Ameerikaa Marthin Luther King qajeelfamee kan jaarraa 19ffaa fi 20ffaa gaggeeffame warra olanoodha.

Baroora as kaluu keessas biyyoti akka Yukireen,Gorgiyaa,Kirgistanii fi kanneen biroos dhimma itti bahaa  turani,dhiyeenyuma kana Awurooppaa Faransaayi keessatti fincilli ummata bal’aa keessumaa mirgi gurraachaa akka kabajamuuf gaggeeffamaa ture,ammallee bakkoota adda addaatti dhimma bahamaa jira.

Kabajamtoota keenyaa!!!

Qaama FDG kana keessatti hirmaatu yoo ilaalle ammoo sadarkaan hirmaannaa isaanii haala keessa jiranii fi aanjahina qabaniin wal haa caalu malee walumaa gala qaama hawaasa tokkootu qooda kennaa ture seenaa FDG/Diddaa ummataa keessatti.Haala kanaan,umriin yoo ilaallee ijoollee,dargaggeessa,manguddoo, jaarsaa fi jaartii,yoo gita hojiin ilaalle barataa,barsiisaa,daldalaa,qonnaan bulaa,tikfattee,waraana,poolisa,tikaa,hojjetoota mootummaa fi miti mootummaa,yoo amantiin ilaalle kiristaana,Isilaama,kan biroo ,yoo saalaan ilaalle dhiiraa fi dhalaa,akkasumas ummata caasaa mootummaa irratti fincilli/diddaan gaggeeffamu jala jiruu fi ummata sanii alaa hundaa hammatee gaggeeffamaa ture.

Qaamoleen kunis tarkaanfilee haala keessa jiranii fi itti walqindeessaniin bu’aa argamsiisa jedhan fudhataa turani!

Yaa ummata keenyaa!!

FDG ummati Oromoo gaggeessaa turetti yoo deebinu;FDG QBO keessatti kan har’a ykn bara darbe jalqabe miti,bifa inni itti gaggeeffamee fi sadarkaa innitti jijjiirama argamsiisaa dhufe akkasumas qaamni qooda keessaa fudhate kan duriirra waan fooyyaheef malee!

FDG seenaa QBO keessatti baroota Oromoon gabrummaa jalatti kufee kaasee haaluma jireenya Oromoo yarosiirratti hundaahuun gaggeeffamaa ture;kanneen keessaa FDG naannoo Walloo,Iluu,Baalee ,Arsii fi kanneen biro maqaa dhahuun dandahama!

Qabsoo bilisummaaf deemsifamaa ture keessatti goototi Oromoo qaqqalii ta’an itti wareegamaniiru. Wareegama isaanii kanatu har’a akka Oromoon Oromummaa isaaf falmatu karaa saaqe. Gootota Oromoo hedduutu dhiiga isaaniin xurree kana saaqe.

Ummatni Oromoo qabsoo hangafooti qabsaawoti keenyi warri akka Jeneraal Taaddasaa Birruu, Baroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu, Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Abbomaa Mitikkuu fi kkf itti wareegaman akka bakkan geenyuuf imaana nutti kennatanii dabran bakkan gayuuf qabsoo hadhawaa gochaa turuun ni beekama.

Kanaaf FDG-Diddaa Ummataa (Civil disobedience) ummatni Oromoo mirga isaaf malu argatuuf gaggeessaa jirudha!

Yaadichis

“Fedhii ummatni mootummaa biraa qabu irra kan mootummaan ummata biraa qabutu caala!” kan jedhurratti hundaa’a.

Akeekni hundee FDG taligaa/bulchiinsa Oromiyaa dhuunfaa mootummaan ala taassisuun Oromiyaa dhuunfatuuf haala aanjessuu dha.

Kunis kan mirkanaa’u:

1.      Oromiyaan kan Oromoo ta’uu mirkaneeffachuu,

2.      Sagalee sabaa Oromiyaa guutuu irratti dhageessissuu,

3.      QBO ukkaamama jalaa baasanii keessaa fi alatti caalaatti dhageessisuu,

4.      Irree mootummaa kan sagalee uummataa  ukkaamsu ofirraa kaasuu,

5.      Oromoota humna milishaa, poolisaa, tikaa fi bulchiinsaa ajaja diinaa jalaa baasanii mooraa qabsootti dabaluu,

6.      Diddaa barattootaa, qonnaan bulaa, hojjattootaa fi kkf adeemsisuu fi bal’isuun aangoo fi caasaa mootummaa ofirraa kaasuu,

7.      Naannolee bulchiinsaa fi caasaan mootummaa dadhabsiifamuun mirkanaa’etti mootummaa ummataa bakka buusaa  deemuu. Kunis bulchiinsa, tikaa fi humna ittisa ummataa ijaarrachuu dabalata.

QBO dhaaba siyaasaa addatti gaggeeffamu akkuma jirutti ta’ee FDG qaamolee hawwaasaa sadarkaan walhaa caalu malee hirmaachisaa adda durummaa barattootaan gaggeeffamaa tureera:kanneen egaa bakka(phase) sadiitti yoo hirree  kan baroota H/Sillaasee,Baroota Dargii fi Baroota Wayyaanee kanaati.

Kan baroota dhiyoo yoo ilaalle:

A.    Kan bara 1998-sad 9 2005

Kun rakkoolee yarosii irratti hundaahuun bakka rakkoon ka’etti finciluu fi wal birmachuu ture.Kunis:

1.      Mootummaan Wayyaanee lola Ertiraarratti bane bara 1998  qabata mormii lolichaan barattootni Oromoo sadarkaa Olaanaa biffa addaan walgurmeessuu fi sagalee mormii dhageessisani;kanarraa ka’uun maqaa misoomaan mootummaan wayyaanee barattoota qabachuuf yaalullee barattootni harkatti didanii milkii dhabamsiisani.

2.      Bitootessa 2000 keessa yaroo wayyaaneen bosona Oromiyaatti ibidda shidde barattootni Oromoo sagalee tokkoon iyya dhageessisanii duula abidda dhaamsuu fedhii mootummaa cabsanii bobba’anii bosona Oromiyaa shira wayyaaneen WBO bakka qubannaan dhabamsiisa jettee bosona gubaa turte saaxilani.Yaroo kanatti wareegamni lubbuu barattoota sadarkaa gadiin kanfalame hin dagatamu;Dirribee Jifaarii fi Geetuu Dirribaafaa yoomuu ni qaabanna.

3.      Murtii magaalaa guddittii handhuura Oromiyaa jijjiiruu shira Oromoo lafa gadhiisissuuf wayyaaneen dabarsitee Onkololeessa 2000 keessa mormii gaggeessame.

4.      Mudde 2000 keessa balaaleffannaa eenyummaa Oromoo xureessuu Mooraa AAU keessatti ka’e sababeeffachuun fincila qabateen mormiin babal’achuu,

5.      Bara 2001 gaaffii mirgaa fi miidhaa duraan gahe sababeeffachuun sochiiwwan godhamaa turan.

6.      Bara 2002,bara 2003 barattootni Oromoo waan gaaffii mirgaa kaasaniif jimlaan dhibba sadii ol ariihamuu,

7.      Bara 2004 keessa WMT jijjiirraa handhuura Oromiyaa balaaleffachuun hiriira nagaa qindeessuu;kunis mootummicha waan yaaddesseef Waldicha saamuu,hoggantootasaa hidhuun mirga jaarmiyummaa guutummaan sarbuu,

8.      Qabxiiwwan kanneenii fi kan biroon walqabatee wareegamni lubbuu dhabuu,qaamaa hir’achuu,hidhaan dararamuu ,biyyaa baafamuu fi hojii dhabdummaaf saaxilamuu itti fufuun FDG qaama hawwaasa Oromoo hundatti babal’atee akka itti fufe hubanna.

Kanneen armaan olii bakkootaa fi haala irratti kan hirkatan ta’anii ifa hin baasiin malee gaaffii mirga hiree murteeffannaa fi kabajamuu mirgoota sanii gadiis bifa adda addaan kaasaa turani.

A.    Sadaasa 9,2005 irraa eegalee

FDG Sadaasa 9,2005 irraa eegale kan armaan oliirraa qabxiilee hedduun adda isa taassisu:

v     Waamicha dhaabni Ummata Oromoo ABO Sadaasa 8,2005 dabarseef kan owwaatame ta’uusaa,

v     Rakkoo xixiqqaa fi yaroo fi haalarratti hundaahaniin olitti lafee dugdaa gaaffii Oromoo kan ta’e Mirga hiree Murteeffannaa ummata Oromoo ifatti kan hangafa godhate waan ta’ee fi dhaadannoolee ifoo kan akka:

 

· Mirgi hiree murteffannaa Ummata Oromoo haa kabajamu!!

·  Abbaan biyyummaa Oromoo haa kabajamu!!

·   ABOn kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo ti!

·   WBOn Irree Uummata Oromooti!

·   ABO malee OPDOn nu bulchuuf mirga hin qabdu!!

·   Waldaan Maccaa fi Tuulamaa haa banamu!! Hooggantooti isaas haa hiikaman!!

·   Gaaffiin Oromoo gochaa kabeebsaan hin furamu, hiree murteeffannaan malee!

·   Hidhaa fi Ajjeechaan Oromoo irraa haa        dhaabbatu!!

·   Hidhamtooti Siyaasaa Oromoo hundi haa hiikaman!!

·   Namooti Oromoo Ajjeesanii fi akka malee miidhan hatattamaan seeraaf haa dhiyaatan!!

·  Bakka bu'iinsa ga’aa malee gibira hin kanfallu (No taxation with out proper representaion)!

             bifa qindaaheen waan qabateef,

v     Bakkoota muraasatti kan hin daangofne golee Oromiyaa maraatti kan taassifame waan ta’eef,

v     Qaama hawaasa Oromoo barataa hanga Waraana diinaatti kan babal’ateef

v     Injifannooleen jajjabduun diina mogolee jalaa butan waan argamsiiseef,

v     Ummata Oromoo abbaa qabsoo fi murteessaa ta’uusaa Oromoos,firas diinas waan hubachiiseef,

v     Firaa fi diina biratti sagalee Oromoo sadarkaa addaatti waan olkaaseef,

v     Walumaagala FDG Sadaasa 9,2006 as gaggeeffame milkii jajjabduu QBO sadarkaa haaressatti tarkaanfachiisee fi guyyaa bilisummaa kan as hiiqse waan  ta’eef,

v     Wareegama qaqqaalii kan lubbuu Oromoota hedduu dhibbootaan lakkaahamanii,hidhamuu Oromoo kumaatamaa,biyyaa ariihatamuu Oromoo kumaatamaa,hojiirraa ariihamuu,murtiilee jajjabduu kan akka Waraana diinaa keessaa cabsanii WBOtti makamuufaa waan dabalatuuf adda ta’ee mul’ata.

Kanaaf egaa kan Sadaasni 9,guyyaa ka’umsa FDG seenaa qabeessa kanaa taatee argamtu.

Injifannoo fi wareegama FDG Sadaasa 9,2005 hanga har’aa(Sad 9 ,2006) yoo ilaalle:

· Barattootnii fi daragaggoonni adda durummaan FDG irratti qooda guddaa kennuun wareegama yoomuu hin dagatamne kanafalanii jiru;lubbuun ajjeefamaniiru-Kan akka Jaagamaa Badhaanee,Yaasiin Mohaammed,Alamaayyoo garbaa ,Gaaddisaa Hirphasaa fi qacalee oromoo dhibbaan lakkaahamu,amma yaroo as jirru kanallee kan biyyeen itti dacha’aa jiru Barataa Shibbiruu Damissee Maqaleetti Tigireen ajjeefamee reeffisaa deebi’e keessa jira.

· Qonnaan bulaan oromoo otoo jiruu fi jireenya rakkataa itti saaxilamee jiruu fi sossobbaa diinaan hin sobamiin gara jabinaa fi gootummaa abbaasaa duriin ka’ee wareegama yogguu yaadatamu kanfalee jira,Fakkeenyaaf kan jimlaan bakka tokkotti 25 ol Gudurutti ajjeefaman waan bira taraman miti.

· Hojjetootni mootummaa fi jaarmiyaalee hidhata mootummaa qaban fedhii yaroo fi dhuunfaaf jecha mootummaa saba isaanii hacuucaa jiruuf hin hojjennu jechuun namtokkee fi murnaan FDG keessatti qooda fudhatanii jiru,kanneen keessaa kan waajjiroota misoomaa fi bulchiinsaa akkasumas qaama seeraa kan jireenya fooyyee bobaa  diinaa jalaarra qabsoo sabaa wayya jedhanii itti makaman lakkoofsaan hedduudha.

· Waraanaa Wayyaanee keessaa ija jabummaa fi murannoon cabsanii bilisummaa sabasaaniif qabsaahuu filatanii WBOtti makaman kan B.J.kamaal Galchuu fi murna isaan eegalame B.J.Haayiluu Gonfaa fi miiltoosaan dabalamee kanneen hafan kumaatamaan walijaaranii bobaa diidaa keessatti qabsoo sabaatti fuula deeffatanii jira milkii guddaadha.

· Qaamni adda addaa mooraa diinaa keessaa qalbii gara qabsoo sabasaa deebifatee haala keessa jiru keessatti QBO gumaachuuf ofkenninsi kan argamaa jiru FDG kana keessatti ta’uu wal nama hin gaafachiisu!

· Farreen qabsoo ammoo qaaniin mataa gadi qabachuu fi abdii kutatuun otoo hinjaalanne ummata bal’aa QBO ABO jalatti hiriiree bilisummaasaaf qabsaahaa jiru taa’ee ilaaluuf dirqisiiseera.

· Artistootni Oromoo dura bu’ummaan karaa qabsoo ummata agarsiisaa,ejjennoo jabeeffatanii sossobbaa fi faayidaa motummaa balfatanii QBOtti cichanii jiraachuu fi kkf ni hubatamu.

Walumaagala wareegama sabboontota Oromoo  qaama hawwaasa hundaan addatti ammoo barattoota Oromoon FDG kun ija seena qabeessa argamsiisee jira!Diina raasee yaaddessaa jira.

Kan kanarraa ka’e Wayyaaneen:

· Waamicha Sad.9,2006 n dura sabboontota Oromoo bakkoota hedduutti jimlaan hidhaa jirt,

· Oromiyaa bal’oorratti sakattaa walfakkaataa karaa,mana jireenyaa hojii,mana amantii fi bakka irraa soda qabdu gaggeessaa jirti,

· Oromoota armaan dura hidhaa turanii dhiyeenya bahan hedduu deebistee sababa tokko malee hidhaa jirti,

· Kaan ammoo gowwaa fi yaroo kana kan hubatee sabasaaf yoo hafe hegereesaaf hin yaadne faayidaan sossobdee lukkee taassifachuu yaalaa jirti,

· Naannoo manneen  barnootaa fi bakkoota ummati fincila jettetti waraana,poolisaa fi basaastotashii heddumminaan bobbaaftee jirti,

· Mallas soda kanaan waraana ifatti Oromoorratti labsee jira,

· Sodaa keessa barattoota seensisuuf barataa keenya Maqaleetti ajjeeftee jirti jala bultii Ayyaana kanaatti,

· Ummatoota bara dheeraaf nagaan amantii adda addaa  qabaatanuu nagaan waliin jiraataa turan walitti buusuun keessa seentaa sababa saniin ummata qorqalbii dhahuu fi jimlaan hidhuu babal’istee jirti,

Harka biraan ammoo qalbii ummataa gara dabarsuuf waraana/lola haajaa ummataa hin taane biyyoota ollaa irratti banuuf qophii bal’aa gochaa jirti .

FDG ummata Oromoo ammoo haalleen kanneen damdamatee daran tarkaanfachuu fi  g alma isaa gahuu waan maluuf Oromoon Oromoo fi Oromiyaaf yaadu FDG kana cinaa hiriiree gahee lammummaan irra jirtu bahuu akka qabu hubatuun barbaachisa!

Gama biraan hanqinoota mul’atan fooyyeffatanii,keessumaa deeggarsa Oromoo biyya alaa fi hirmaannaa bifa adda addaan kan akka hiriira bahuu,barreessuu fi qaamota adda addaa dubbisuun rakkoo Oromoo fi sochii FDG kanatti akkasumas QBO waliigalaatti sagalee horuu irratti jabinaa fi bifa addaan akka hojjetamuu qabu dagatamuu hin malu!

Akkasumas ammoo Oromoota sababa FDG kanaan qe’eerraa buqqa’an,biyyaa baafaman,hidhaman,hojii fi barnootarraa ariihamanii biyyaa biyya olla keessatti rakkataa jiran gargaaruu fi hamileen jajjabeessuurratti hojjechuun fardii taati.

Dhumarratti gootota FDG irratti wareegamanii  yaadachaa,kaayyoo isaan wareegaman walhubachiisaa ofduraaf waadaa haaressinee ija akka itti goonu imaanaa jaallen kufaniiti haa fudhannu!

Yaa ummata keenyaa!!!

Irree tokkoon diina mirga keenyarra ejjetetti haa deebifannu!

Dandeettii qabnuun FDG gaggeeffamaa jiru cinaa haa hiriirru! Sochii wareegala lubbuu geeddaraa hin qabnee gaafataa jiru kanatti sagalee itti haa horru!

Kanneen wareegamarraa hafan hanguma walirra jirruun haa gargaarru;hunda caalaa ammoo  kaayyoo isaan kufaniif galmaan gahuuf waadaa keenya haaressinee xiiqiin hojjechuuf haa kaanu! Iyya isaanii bakka jirrutti haa dhageessifnu!

Qabsaa’aan ni kufa qabsoon itti fufa!

Kaayyoo goototni keenyi wareegamaniif galmaan ni geenya!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net