Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu


Dhaamsaa fi Seenaa Gabaabduu Barataa Shibiru Damissee Barattoota Yuniversty Maqalee Irraa

Baratan Shibbiruu Damisse Baatii bara 1982 godina Wallagga dhihaa  aanaa Hoomaa, ganda Siibaa Yesuusitti dhalate. Bara 1993 barumsa marsaa tokkoffaaf jiddugaleessa lammaffaa kutaa 1ffaa -  8ffaa mana barumsaa 51ffaa Sootakootti barate. Barumsa sadarkaa 2ffaa  mana barumsaa  komprensiivii Gimbii sadarka 2ffaatti bara 2001 – 2004 tti xumure. Bara 2004 qormaata guutu biyyoolessaa fudhatee qaphxii gaarii fiduudhaan bara 2005 yunivarsiitii Maqaleetti barataa mummee Seenaa ta’udhaan  barnoota  sadarkaa ol aanaa hanga sadaasa 4, 2006tti faana bu’aa ture.

Shibbiruun barataa cimaa egereef kan yaadu, tokkummaa barattota Oromoo kan leellisu, Oromo lagaaf amantiin kan hin qoonne, abdii biyyaaf  maatii isaa ture. Yeroo turtii yunivarsiiticha keessatti dabarseen qaphxii gaarii galmeessaa bara itti eebbifamu kana sakoondii, daqiiqaa, sa’atii, guyyaa fi torbaniin lakkaawwatee eegalee ture.

Akkuma hiriiyyota isaa mul’ata eebbaa offulduratti ilaalaa, barumsa isaa ciminaan hojjetee xumurachuuf karoorfatee kaayyoon jabaa itti ture. Kun osoo kanaan jiruu, kaayyoon  isaa marti hafee, abdii haadha isaas kan dukkanoofte sadaasa 4, 2006 galgala lubbuun isaa  harka ilmaan Tigireen dabarte. Shibbiruun nama egeree lammii biyyaaf yaadu, bilisummaa biyyaa isaaf ciisee kan hin bulle, hidda Oromooti.

Nuti hiriyyoonni isaa yunivarsiitii Maqaleetti argamnu; Shibbiruu, nama akkasii  of biraa dhabuun dhabuu keenyaaf gadda guddaa nutti dhagahama: maatii isaa, oboleeyyan isaa, firoottan isaa fi uummata Oromoo maraaf jajjabina isiniif haa kennu jechaa, bilisummaa ummata keenyaaf hawwinaa.

QINDEESSAAN:  ABDII BILLISUMMAA ,

YUNIVARSIITII MAQALEE IRRAA

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net