Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

GUMAANNI SIMANNAA GOOTOTA QABSOO SABA ISAANITTI MAKAMAANIIF KUTAA USA  KEESSAATTI GODHAMEE INJIFAANNOON XUMURAMEE.

Koreen Kutaa  ABO USA, gotoonni  ilmaan Oromoo qabsoo ABOn hogganamutti makamuu isaani ka dhaageetee ganama koraa guddaa USA/Canada ti ture. Kora barana magaalaa Minneapolis keessatti  ta’ee irratti Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba ennullee  mormee uguruu gayuu hindandenne  tahuu isaa ragaan Oromoota  kora baranaa  irratti argaman mull’isee jira. Koreen Kutaa seenaa gootonni ilmaan Oromoo hojjatan kana dhaageetee osoo gammaachuu kora guddaatuu hinfixatin ture.  Milkiin milkii irratti jechoon akkana.

Koreen kutaa ABO USA, goototaa seenaa adunyaa keessatti ta’ee hinbeeknne hojjatan kanaaf simanaan addaa godhamuufii akka qabu itti amanti. Milkiin qabsoon argame kun miseensotaa fi ummata Oromoo Kutaa USA keessatti argamuun bifa addaatiin ibsamuu akka qabus itti amanuudhaan oltee osoo hinbulle maqaa gootoota kanaatiin gummaachi akka godhamu murteesitee turte. Dhaaduu “Qabeenni Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoof ooluu qaba “ jedhuun Kutaa USA keessa bobbaan godhamee ibsi dhimma kanaa akka kennamuu fi gumaachi qabsoo yoo xiqqaate dollaara kuma dhibba ($100,000.00) argamisisuuf saganteeffatte hujii itti fuufte.

Sagantaa kana bakkan gayuuf Damee Dantaa Alaa wajjiin mari’achuun misseensoota Gumii Sabaa kanneen naannoo kanatti argaman dabalatee Koreen Kutaa USA konyaalee kudhaanii saddii fi cayaa tokko yeroo gabaabaa  keessatti woliin geette. Bakka hundaatti video yeroo gootonni ilmaan Oromoo gara qabsoo saba isaaniitti makamaan mudhisu ilmaan Oromootiif dhiyaatee mudhifamee.

Oromonni video kana argan gammachuun machayaan!. Niboyan !!  Ililchan !!  Gootomaa ilmaan Oromoo wolakaa diinaa taa’anii mudhisan dinqisiifatan ! Tokko t’aanii diina keessaatti icitii akkasii eeggatanii injifannoon xumuratuu isaanii rajjeefatan !! Oromoo ta’uu isaaniittitti boonan !! Bilisummaan Oromiyyaa dhiyaate jedhan !!  Ummanni  Oromoo ummata guddaa fi goota ta’ee osoo jiruu  saba bicuun garboomee hanga ammaa jiraatuu isaatitti aari’iin gubatan !!  Ilmaan Oromoo kanniin fakkataan osoo jiran oromiyaan waanjoo garbumaa jalaatti haga amma turuu isi’ititti gaddaan.

 Dhuma irraatti gaatiin bilisummaa weerregama qaalii ta’uu isaa hubataani waan isaan irraa barbaadamuu hundaa keenuuf waadaa galaan.

KONYAALEE WALGAYIIN KEESSATTI GODHAME

 Konyaalee walgayiin keessaatti godhame : Minnesota,  Denver, Washington DC; Atlanta; Michigan; Dallas; Seattle; Oregon; Chicago; South Dakota; Ohio; Philadelphia; Las Vegas fi California yoo ta’aan tokko tokkoon isaanii badhinaan gabaasa isaanii marssa hundda irratti akka dhiyaatee hin yaadatama.

 GUMMATA ARGAME

 Akkuma asi olitti ibsinetti Konyaalee kaniin irraa dollaara kuma dhibba tokoo ($100,000.00) argamissuuf  saganteefamee turee. Haa ta’uu malee galanni ilmaan Oromo bilisummaa sabaa isaantiif  wereegamaaniif  haa ta’uu dhuma  sangantichaatti woliigalatti  maallaqnni argamee dollaara kuma dhibba tokko fi kuma jahaatamaa ($160,000.00) oltu argame. Waan saganteefamee ala harka jahaatama (60%) caalutu argamee.

Hawaasni Oromoo, deegartoonni dhaabaatii fi miseensonni dhaabaa  maallaqa guruu qofa osoo hintaane dhaamsa jajaboo ilmaan Oromoo hundaaf dhaamanii jiruu.

DHAAMSA GOOTOTA QABSOO SABA ISAANIITTI MAKAMAANIIF KAN DHAAMAME

  • Diina keessatti walgurmeesitanii gara qabsoo saba keessaaniitti makamuu kessaaniif baga gammaddan jedhanii jiru.
  •  Ulfinni guddaan biyya ofiitiif saba ofiitiif falmatuu waan ta’eef baga qabsoo sabaa keessaniititti makamtan isiniin jedhaaniiru.
  • Seenaan isin hojjatan ilmaan Oromoo bakka jirruu hunddatti nu gammachiisee jira baga woliin gammanne jedhaniiru.
  • Seenaan isin hojjattan bilisummaa Oromoo akka saffisiisu abdii qabaataa diina qawe’een ilmaan Oromoo irra jiru akka qawe’een irraa kaftan abdii qabna jedhaniiruu.

 DHAAMSA ILMAAN OROMOO WARANA WAAYYANEE KEESSA JIRANIIF

  • Salphinii guddaan diina saba ofittif jaarraa 21ffaa  keessaatti qawwee battuu ta’uu beektanii osoo ooltanii hinbulle gara qabsoo saba keessaniitti makamuun karaa gootonni  ilmaan Oromoo akka  B/Jeneraal Kamaal Galchuu, B/Generaal Hayiluu Gonfaa fi hogganootaa fi humnoota woraanaa tarkaanfii boonsaa fudhatan duukaa buutan isinitti dhaamanii jiru.
  • Oromiyaa Biyya Abbaa keessanii keessatti waayaaneef ergamuun du’a seenaan dhifama namaa hingonee ta’uu beektanii ooltanii osoo hinbulle qawwee keessan gara waayyaannee akka deeffattan jedhaniiru.

 UMMATA OROMOOTIIF

  ·        Ilmaan Oromoo amaantiin, gandaan, kuta’aan  fi laalicha siyaasaatiin osoo adda hinqoodamine harka wolii qabannee bilisummaa saba keennaatiif haa kanuu jedhaaniiru.

·        Farra qabsoo Oromoo ka tatee Mootummaa Waayyanee Oromoo amaantiin, gandaa, fi kuta’aan  addaan qooddee wolnyachisuu irrratti hojjataa jirtu balalefataa, Oromoon tooftaa diinaa kana hubannee kiiyyoo diinni  nuuf  qopheesse kana akka keessa hinseenne jabeessinee wolittidhamanna jedhaniiru.

·        Rakkoon  jiddu Oromootitti yoo dhalate aadaa Oromootiin hiikatuu malee mootummaa waayyaannee akka  oftti hinseensine  jabbeessinee wolitti dhaamana jedhaniiru.

·        Gocha mootummaan waayyaanee ilmaan Oromoo amantii isilaamaatiif kiristaanaa hordofan  wolitti buusu’uun bakka adda addaatitti miidhaa irraan gayaa jirtu balaaleffataa ilmaan Oromoo summii wayyaaneen qopheesite kana irraa akka ofeeggannu jabeesinee wolitti dhaamna jedhaaiiru.

DHAABA KEENNA ABOf

  • Mootummaan abbaa irree kan qabsoo Oromoo humnaan ukkaamsee mirga ilmaan Oromoo sarbaa jiru human qawwee malee akka hinkaane hubatamee qindoomnni barbbaachisu karaa hundumaan akka ta’u akka gootan abdii qabna.
  • Mirga keenna kan sarbamnne hanga deeffannutti waan barbbachisu hundumaan qabsoo teenna bira dhaabbachoof waadaa yoo seennu hogganoonni ABO haala qabsoon teenna caalatti cimtee yeeroo dhiyoo keessatti mirga abbaa biyyummaa keenna dhuunfannu akka nuuf mijeesitan isin gaafanna.
  • Yaanni keenna Oromoon akkuma daangaa hundumaan falmaa diinaa itti fuufaa jiru kanaan qabsoo hindhannoos cimsee wayyaanee sabaaf sabllammoota biyya Itoophiyaa jedhamtu keessa jiran hundumaan tufamtte tana gadaan isii akka xumuramu qabsoo fuula adda addaatiin godhamaa jiru irratti qabsoo lola fardii yeeroo dhiyoo keessatti akka jalqabu akka gootan isin gaafanna.

 XUMURA

 Oromoonni kutaa Amerikaa Kaabaa keessa jiran  simannaan isaan gootoota ilmaan Oromootiif godhan seenaa qabataa. Afaaniin baga gammadinne jechuu qofa osoo hintaane, gammachuu isaanii yeroo xiqqoo keessaatti mallaqa guddaa burqisiisuun mirkaneessanii jiru. Ammallee hanga Oromiyyaan bilisoomtutti akka gumaachi isaanii hindhidhanne waadaa yoo seenan, ilmaan Oromoo bakka jiran hundatti Abbaa Biyyummaa isaanii kan qawween sarbaman qawween deeffatuun isaan irra akka jiru beekanii falamaa keessa jiran akka jabbeeffatan dhaamaniiru. Irra deddeebi’anii  gootota ilmaan Oromoo ka akka B/Jeneral Kamaal Galchuu; Jeneral; Hayiluu Gonfaa; Koloneel Abbabaa Garasuu; Koloneel Gammachuu Ayyaanaa, ajajoota kumaa; ajajoota dhibbaa fi woliigalatti gootota ilmaan Oromoo qabsoo saba isaaniititti makaman hundaan baga gammaddan jedhaniiru. Gaammchuun guddaan falmaa  mirga ofiitiif saba ofiitiif godhamu ka caalu waan  hinjjirreef, lubbuu darbituun seenaa hindarbine dalagnnee haa darbinuu jedhaniiru.

Injifannoon Ummata Oromootiif!

Gadaan Gadaa Bilisummaati !

Kutaa ABO USA

ka’uun  ammas walitti bu’iinsa gidduu isaanii jiru cimee itti fufee jira.


Kanaaf egaa hunduu Oromoo kan ta’e Oromummaa isaatiif dhimmee gaaffii abbaa biyyummaa isaa Ormaan mulqamuu akka hin qabne gaafataa jira. Nutis gaaffiin akka kanaa waan jajjabaachuu qabu waan ta’eef cimuu qaba jenna.

IJIFANNOON UUMMATA OROMOOF!!!
GADAAN GADAA BILISUMMAA TI!!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net