Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

IBSA IJJANNOO KONYAA MUL’IS ABBAA GADAA TORONTOO KANADA


Onkoloolessa 29,.2006 (Toronto) - Nu miseensoonni ABO Konyaa Mul’is Abbaa Gadaa,Torontoo walgahii keenya dhaabbataa kan ji’aa gaggeeffachuuf guyyaa arraa kana walitti dhufne hujii dhaabaa kan konyaa keenyaa, haala yeroo kan QBO fi rakkoo mootummaan wayyaanee yeroo ammaa kana sababa Amantiitiin Oromoo fi Saboota biroo jiddutti uumte irratti marii bal’aa goonee Rakkoo sababaa amantiitiin ummata keenyaa fi Saboota biroo jidduutti wayyaaneen qabsiifteen namoonni nagayaan bara dheeraaf waliin jiraachaa turee hedduun dhumuu hubannee jirra. Gara hundaanuu lubbuu namaa sababaa kanaan gaga’amni irra gaheef gaddi guddaan kan nutti dhagahame ta’uu yoo ibsinu, ummanni Oromoo fi saboonni cunqurfamoon hundinuu Mootummaan Wayyaanee shira ummata walitti buusuu kana karoorfattee wanni irratti hojjachaa jirtuuf maaliif akka ta’e hubatanii wal irratti bobba’uu dhaabuun diina isaanii kan gamtaa irratti qabsoo itti jiran akka itti fufanii mootummaa awwalchi isaa dhiyaate kana qabriin akka gahan dhaamsa qabnuu fi gochaa farrummaa mootummaan wayyaanee ummata irratti raawwachaa jiru kana irratti Ejjannaa qabnu akka armaan gadii kanatti dabarfanna.

  1. Wal diddaan Sababa Amantiitiin ummata Oromoo fi Saboota biroo jidduutti Jimmaa, Iluu Abaa Booraa, wallaggaa fi amma moo baha Oromiyaatti tarkaanfate tun tan ummanni jibbansa amantiitiif if jiddutti uuman osoo hin ta’in kan mootummaan wayyaanee aanggoo harkaa qabu jabeeffachuuf jacha ummata walitti dirTe waan ta’eef jabeesinee balaaleeffanna.
  2. Sababaa kanaan lubbuu ummataa fi qabeenya badeef gaddi guddaan kan nutti dhagahame ta’uu ibsaa lubbuu ummataa kan akka maletti bade kanaafiis kan gaaftama guutuu qabu mootummaa Wayyaanee kan shira farrummaa kana karoorfatee irratti hojjachaa jiru ta’uu hubachiifna. Karaa kaaniin garuu mootummaan kun hammamuu shira xaxaa ooluus qabsoo ummataa kan kokkee isa qabee jiru jalaa baafachuu akka hindandeenye hubatee ibidda hin dhaamne ummata jidduutti qabsiisuu irra akka of qusatu hubachiifna.
  3. Ummanni Oromoo mootummaan wayyaanee aangoo harkaa qabdu turfachuuf ummata Oromoo ummata naannawa san jiran hundaan waliin wal dhabsiisuuf karoora baafttee sossoohaa jiraachuu isii hubatee gochaan farrummaa kun akka hin dhugoomne eeggannaa cimaa gochaa qabsoo diddaa gabrummaa galiin gahuuf halkanii guyyaa hojjachuu akka itti fufu dhaamnaaf
  4. Ummata saba biroo kan Oromoo waliin qubatanii bara dheeraaf Amantii isaanii waliif kabajaa jiraachaa turan kan amma waldiddaan jidduu isaanitti uumamte wal diddaa kana kan isaan jiddutti uume mootumma wayyaanee ta’uu akka hubatan mootummaan kun ammoo kufiinsi isaa kan dhalaawe waan ta’eef kan walitti hafu ummata waliin jiraachaa ture ta’u yaadachuun gochaa wayyaanee kanatti dammaquun ummata Oromoo waliin qabsoo qinddeeffatanii gaggeessaa jiran akka ittifufan dhaamnaaf.
  5. Haalli amma ummata jidduttu dhalate kun itti fufee abjuun mootummaa wayyaanee akka hin dhugoomne manguddoo fi hayyoonni gama lameenii wal arguun rakkoo kana ummata jidduu haasawaan akka fixanii ummanni akkuma dur waliin jiraachaa turetti akka waliin jiraatu akka godhan dhaamnaaf.
  6. Mootummoonni fi jaarmayoonni dhala namaa kan addunyaa haalli amma mootummaan wayyaanee ummata jiddutti uume kun yeroon akka qabbanaa’u yoo hin godhamne balaa hin barbaachifne naannawa sanitti kan uumuu ta’uu hubatanii haala kana dhaamsuu irratti akka ummata kana gargaaran gaafanna. Mootummaan kun ammoo ummata jiddutti hammeenya akkanaa uumuu irraa akka of qusatu dhibbaa barbaachisu akka godhan yaadachiifna.

 

GGB

IUOf

Konyaa Mul’is Abbaa Gadaa, Toronto

30/10/2006

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net