Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

IBSA EJJENNOO MISEENSOTA ABO KONYAA
Guutamaa Hawaas [WIINPEEG], KAANAADAA

Miseensonniifi deeggartoonni ABO konyaa Guutaamaa Hawaas,[wiinpeeg], Kaanaadaa, FDG bara darbe haalaa boonsaatiin eegalee, injifaannolee gurguddoon itti fufa jiru ilaalchisee ibsa ejjennoo asitti aanu bafannee jirra

1, Fincilli Diddaa Garbummaa halaa haaraatiin Sadaasa 9, 2005 eegalee itti fufee jiru, seenee QBO keessatti iddoo guddaa kan qabu waan ta’eef hedduu ni dinqisiifanna; fincilli kun hanga bilisummaan uummata keenyaa mirkanaaqutti caalaatti jabaatee akka itti fufu , gayee nurraa eegamu ciminaan ni baana!

2, Gootota Oromoo fincila kana keessatti lubbuun isaanii darbe kabaja guddaan yaadanna. Kanneen, qaamni isaanii miidhame, qeyeefi qabenyi isaanii balaaf saxilame, akkasumas yeroo ammaa mana hidhaa diinaa kessatti gidiramaa jiran maraaf, kabajaafi dinqisiifannaa gudda akka qabnu ibsaa gidiraa isaaniirra gayeefi gayaa jiru kanarratti faachi bilisummaa oromoo akka injinnoon dhaabbatu gummaacha qabsoo nurraa eegammu yoommiyyuu caalaa ciminaan bawuuf qophii ta’uu keenya ibsina. Deeggarsa haamileefi maallaqaa qabsoowwonni barbaadan laachuufis waadaa galla!

3, Mootummaa woyyaanee QBOn raafamaa jiru keessa bahanii oggantoonni woraanaa Woyyaanee gara mooraa qabsoo billisummaatti makamaa jiraachuu isaanii heddduu diniqisiifachaa , Oromoonni Polisaafi Woraana Woyyaanee keessa taa’anii uummata Oromoo bilisummaa isaaf qabsaawurratti hanga ammaattuu dhukasaa jiranis yeroon otoo itti hindarbiin gara mooraa qabsoo bilisummatti akka makaman waamicha dhiyeessinaaf!

4, QBO adda durummaan oogganuun, uummata qabsoo keessatti hirmaachisuun gayee ABOn tahataa jiru jajachaa, ciminni oogganummaafi haaxummaan siyaasaa amma mul’ataa jiru jabaatee akka itti fufu yaadaafi beekumsa keenyaan deeggaruuf waada keenya haaromsina!

4, Waa’ee FDG fi QBO uummata alagaatiif ibsuun qabsoon keenya firaafi mararfannoo caalaa akka argatu ni carraaqna!

5, Mootumman Woyyaanee adbii kutachuurra kan ka’e uummata amantiifi qooqa gara garaa dubbatan wol ficcisiisuun yeroo aangoo isaa dheeressachuuf gochaa jiru ni balaaleffanna. Uummanni keenyas kiyyoo diinaa kana keessa akka hinseenne, hojii diinaa dammaqinaan akka fashalsiisu waamicha dhiyeessinaaf.

6, Dhaabbilee barnootaa olaanoo gara garaa keessatti, keessattuu Yuunvarsiitii Maqalee keessatti, ajjeechaafi gidiraa barattoota Oromoorra gayaa jirutti hedduu gaddineerra.. Waanni kun godaannisa kufaatii Woyyaanee booddeellee uummattotaa yidduutii hinbanne waan uumuuf, uummanni Tigiraay itti gaafatamummaan itti dhagahawu gochaa fokkisaa akkasii dhaabuuf akka carraaqan waamicha goonaaf.!

IUOf, GGB, Wiiniweeg, Kaanaadaa

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net