Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

IBSA EJJENNOO MISEENSOTA ABO KONYAA GADAA BILISUMMAA( BIYYA KANAADAA KUTAA ALBARTAA, MAGAALAA - EDMONTON)


Nuti miseensonni ABO konyaa Gadaa Bilisummaa waggaa 1ffaa Fincila Diddaa Gabrummaa uummatni keenya Sadaasa 9, bara 2005 eegale ilaalchisee obboloota kana irratti wareegaman yaadachuudhaan, magaalaa Edimenten(Edimonton) biyya Kanadaa keessatti sirna ho'aan kabajannee qabsoo keenyaaf  qarshii Kanadaa doolaara 1500 oli (kan uummatni keenya gumaache waliin) walitti buusuudhaan Ibsa Ejjennoo armaan gadii dabrfannee jirra:

 1.Fincila uummatni keenya godhee fi gochaa jiru nideggerra, waan barbaachisuun bira nidhaabbanna,

 2.Obboloota fincila kana irratti wareegaman yaadachaa, kaayyoo isaan wareegamaniif bakkaan ga'uuf irbuu keenya nihaaromsina, Sadaasa sagalis bara baraan nikabajna,

 3.Qabsoo bilisummaa ABOn gaggeeffamu waan barbaaschisuun bira nidhaabbanna, dirqama dhaabni keenya nutti kennu kamiyyu nibaana,

4.Gochaa mootummaan wayyaanee barataa Oromoo Shibbiruu Damissee irratti fudhate nibalaalleffanna, Kanneen kana raawawatanis murtiitti akka dhiyaatan nigaaffanna,

 5.Haala mootummaan Wayyaanee uummattoota nagaa amantiin walitti buusaa jiru nibalaalleffanna, uummatni keenyas dammaqee akka ofirraa eegu nibeeksifna,

 6.Sabootaa fi biyyoota ollaa waliin uummata Oromoo walitti buusuuf shira mootummaan shororkeessaa wayyaanee raawwachaa jiru nibalaalleffanna, biyyoonni ollaas tarkaanfii fudhataa jiran akka keessa deebiyanii ilaalan nigaafanna,

 7. Mootummoonni addunayaa mootummaa wayyaanee uummata nagaa ajjeesaa jiru kana gargaaran akka irraa of-qusatan nigaafanna,

GADAAN GADAA BILISUMMAATI

INJIFANNOON UUMMATA OROMOOF

Sadaasa 11, bara 2006

Ediminten, Kanaadaa

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net