Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ayyaana Sadaasa 9, 2006 kabajuu Midaa Qayyii fi Sagantaa Mallasaa

Sadaasa 14, 2006 (Oromiyaa) - Egaan akkuma beekamu FDG guutummaa oromiyaa keessatti sadaasa 9 irraa eegalee itti fufaa jiraachuun isaa ni beekama. Haaluma kanaan gaafa Sadaasa 9, 2006 guyyaa yaadannoo qabsaa’ota Oromoo godhachuudhaan gaafa Kamisaa guyyaa guutuu gabaa lagachuun hojjettooti, barattooti, qonnaan bultootii fi hawaasi garaa garaa aanaa midaa Qanyiitti argamu fincila diddaa garbummaa dhageessisaniiru. Itti fufuun sabboontoti aanicha keessa jiran hundi gabaa guddaa aanaa sana keessatti torbanitti guyyaa tokko dhaabbatu lagachuun oolaniiru. Barattooti sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa aanicha keessatti argaman hundii fi sabboontoti hojjettoota mootummaas osoo hojiin hin seeniin oolaniiru. Hanga ammaattis wayyaaneen aanicha keessatti FDG ka’e kanaaf nama himaattuu fi dhiiftu wallaaltee guyyaan halkan waan itti ta’eef  rakkataa jirti.

FDG aanicha keessa jirus itti fufee kan jiru yommuu ta’u wayyaanee jala galuun qabsoo uummata oromoo waan duubatti deebisan itti fakkaatee garaa isaaniif jedhanii lukkeewwan aanicha keessatti argaman kanaan duras ofeeggannoon garaa garaa itti kennamaa ture ammas wayyaanee diina Oromoo wajjin ta’uun namoota hedduu moonaa hidhaa wayyaaneetti guursisaa jiru. Kanneen keessaas :- Suufaa UUmmataa  fi Silashii Tankaraa kanneen jedhaman isintu qindeesse jechuudhaan dararaa guddaa argaa jiru.

 Lukkeewwan sabboontota irratti hojjetaa jiran kunis:-

            1ffaa Siccaalaa Dheeressaa ( gurmaa’ina uummataa Aanichaa)

            2ffaan Baqqalaa Bantii ( Itti Aanaa Bulchiinsa Aanichaa)

            3ffaa Alamaayyoo Xaafaa ( I/G/ Waajira Ijaarsa Dandeettii Aanichaa),

           4ffaa, Abbabaa Leellisaa( Qindeessaa Misooma Baadiyyaa Aanichaa) yommuu ta’an kanaan duras ofeeggaannoon itti kennamaa turuun isaa kan turee qabsoon Oromoo garuu haala cimaa ta’een itti fufee jiraachuu isaa arganiiru.  Ammas qabsoo Oromoo gufachiisuu irra akka of eegan yoo kana ta’uu baate tarkaanfiin qabsoo hadhaawaan kan irraatti fudhatamu ta’uu isaa fi FDG diinna irratti taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu isaa sabboontoti aanicha keessa jiran ibsaniiru.

Gama biraan ammo mallasiin kan qindaa’aa jiru leenjiin dheeraan tokko guutuu impaayerichaa irraa kan walitti ba’aniif lakkoofsi leenjitootaa heddummina kan qabuuf magaalaa Adaamaatti qophaa’aa akka jiru keessa beektoti wayyanee ibsaniiru. Maalirratti akka leenji’anii fi maaliif akka barbaachise wayyaanotuma mataa isaanii kan wal mormisiisaa jiru leenjiin kun yeroo dhihoo keessatti akka jalqabu hubatameera.

 ***********

Gootonni Barattoonni Amboo Diddaa Isaanii Itti Fufan!

Guyyaa sadaasa 13/11/2006 gootonni barattoonni sad. 2ffaa Amboo eegumsa humna poolisii federaalaatiin cimee yoo jiraate iyuu Diddaa isaanii muldhisuun FDG itti fufanii jiru. FDG kun hanga bilisummaati  kan itti fufuu fi tasgabboofnee nagaan barachuun hin danda’amne jechuudhaan goolii isaani itti fufaniiru. Kanaaf gara sa’a booodaa sirin baruu fi barsiisuun cite jira. Afeera mootummaan wayyaanees barattootaaf uummataa afeeraa jiran ummata nagaa fi barattoota hidhuu fi reebuu itti fufaniiru. Ummannii fi Barattooti gochaan isaanii kun yakka lukkeeleen dalgan irratti fuddisa malee furmaata hin ta`u jechuun gochaan isaanii kun FDGtti nu cimsuun bilisummaa keenya akka yeroo gabaabaa keessatti goonfannu nu gargaara jechuun dhaamsa isaanii ummata isaaniif dhaamaniiru.

**********

Walitti Bu`iinsi Mooraa Yuniversity Dillaa Keessaa Barattoota Oromoo fi Barattoota Tigree Gidduu Jiru Jabaatee Itti Fufe!

Waliti bu'umsi mooraa diillaa keessaa guyyaa sadaasa 13, 2006 haalaan cimatee jiraa ijooleen keenya hedduun madhaniiru kaan ammoo bakka buuteen isaanii dhabamee jiraa. Ijoolleen keenya moraa keessaa gara itti bahan dhabanii jiru kan ilmaan Tigree garuu mooraa gad dhiisanii adeemaniiru.

Kaleessaa Mooraa Yuniversity Diillaa keessaatti baratootni Oromoo mooraa sanaa keessa jiran barattooti Tigreen gaafa sadaasa11 galgala jechuun sanbata xiqqa galgala saa'aati 3 ti reebamuun isaanii walii gabaasnee ture. Sababa kanaan waliti bu'umsa ta'een namooti miidhaman ni turan. Gaafa qidaamee galgala sana polisiin federaalaa moraa senuun dhukaasa banee waliti bu'umsa kana qabaneessuu yaalee barattootni gama lachuu galgala sanaaf galma adda addaa keessa kan isaan bulanii hara'a ammoo jechuun dilbata doormiin isaanii akka sakata'amuuf ajaji darbee jennan wari tigiree nii didanii ha ta'u malee polisiin dirqiin dormii barataa tigiree ta'e tokko shakkee gaafa sakata'u meeshaa waraanaa tu lokaarii isaa keessati argamee wari kaan ammoo nii didani sakata'aamu kana irraan kan ka'e ijooleen Oromoo meeshaan kan bira ille ni jira jechuun otoo polisatti himanii polisiin osoo hin sakatta`iin akka hafee fi ilamaan tigrees meeshaa waraanaa dormii keessaa qaban akka baasanii dhoksan yeroo kennuun isaanii hin oolu jedhamee himama.

 **********

IBSA EJJENNOO GUMAA BARATTOOTA OROMOO WAREEGAMANI DAMEE LAMMAFFAA {GBOWDL}

Nuti Miseensotni Mandhee GBOWDL hanga Oromiyaaan bilisoomtutti walii gallee qabsaa`uuf ibsa ejjennoo qabxii armaan gadii qabu baafanneerra.

  1. Tumsa bilsummaa fi Dimokiraasii ABOn Dhabbilee siyaasa biro Wajjin godhe ni deeggarra.
  2. T arkaanfii sabboontotni Oromoo waraana Wayyaanee jalaa bahanii gara qabsoo bilisummaa sabasaaniitti dabalaman ni deeggaara warra hafan illee akka bilsummaa keessaniif falmitan dhaamsa dabarsina.
  3. H ojii OPDOn wayyaanee ilmaan Tigiree walaan walii galtee Uummata Oromoo Gosaa fi Amantiin ni mormina irrattis ni qabsoofna.
  4. Dhugaa awwalamee jiru ifa baasuuf ABO kallacha qabsoo keenya bukkee buunee ni falmanna.
  5. W aldaan Maccaa fi Tuulamaa hatattamaan akka deebi`u fi hogantoonni isaa akka gadi lakkifaman [murtiin yeroo gabaabaa keessatti akka isaanif kennamu] jenna.
  6. Tarkaanfii fi dhaamsa ABOn nuun gahu fudhachuun hojii irra oolchuuf qophoofneerra.
  7. Ajjeechaa barattoota Oromoo keessumattuu wayee Yunv. Maqalee baay`ifnee fi jabeessinee balaaleffanna.
  8. Shira OPDOn Dallaa yunv. Keessa deemtee barattoota tokkummaa keenya dhabamsiisuuf rakkachaa jirtuu fi kan OPDOn muuddee nutti ergite lukkittii Wayyaanee of eeggadhu tarkaanfii sirraatti fudhatamuuf itti gaafataman isinuma jenna.

*********** 

  Dhaamsa Maadheen Riqicha Bilisummaa

Haala yaroo amma ilaalchisee dhiibaa wayyaaneen Ummata Oromoo irratti gocaa jirtu ni balaalefanna!

Yaroo ammaa kana lukkeeleen sababa filannoo aanaa fi gandaa darbuuf jecha uummata hidhaa fi sodaachisaa jiru! Kun ammoo kan irratti rawwatamaa jiru barsiisota Oromoof yaadanii fi quuqaman, barattoota, jiraattota magaalaa, hojjettoota, paartii mormiitootaa irratti t’aa jira. Ilmaan Oromoo nu bulchuu qaban mana hidhaatti guuramuu fi biyyaa arihamuu balaaleffanna! Kunis waan nu hubachiisu yeroo ammaa wayyaaneef ergamtootni uummatarraa abdii waan kutataniif; akkasumas amantaa dhabeefii dha.

Jecha mataan wayyaanee mallas lalabse ni balaleeffanna! Mataa wayyaanee mallas Sodaa fi jibaa uummata Oromoorra qabu ifaan ifatti dubbatee jira! Kuni nuuf haaraa miiti garuu asirra waan tokko hubanne, innis wayyaaneen daran abdii kutachuu isaanii nutii mui’isa! egaa nutiis maandheen riqicha bilisummaa jecha wayyaanee kan haalaan balaaleefanna, akkasumas wayyaaneetti farra ni taana isaanis farra uummata Oromoo ta`uu isaanii ifaan duula nurratti labsanii jiru!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net