Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila Diddaa Gabrummaa #2

Sadaasa 10, 2006 (Oromiyaa) - Ganna tokkoffaa FDG bifa haarayaan Sadaasa 9, 2006 jalqabame ayyaaneefahuun itti fufee olee jira.

Ibsa Ejjennoo Tokkummaa Barattoota Oromoo Yuniversity Maqalee  

  1. Duutii Obboleessa keenya barataa Shibbiruu nu cimsa malee nuu hin laaffisu, tokkummaa keenyallee hin diiguu.
  2. Uumaatni keenyaa (Daldaltootni, baratootni, qonnaan bultootni, hojjatootni, martii) wal ta'uun dabaa obboleessa keenyarra ga'eef gumaa nuuf ba'uu mala.
  3. Hidhaaf ajjeechaan qabsoo itti jiruurraa nuu hin deebbisu.
  4. Du'a baratootaa keenyaa yuniversitii kanatti ta'uuf itti gaafatama isaa DHADHo (Habashoota afaan keenya beekan), ijoollee keenya basasuun harka diinaatti
    dabarsanii isaan kennantu fudhata
  5. OPDOn seenaan bor daba isaan harr`a ijoollee keenya basaasuun hisiisuun ajjeesisuun akkasuumas dokmantii dhowwachiisuun nurratti raawatan seenaan akka isaan gaafattu hubachuun gochaasaniirra akka deebbi'aan akeekkachiifna.
  6. Gumaa barataa Shibbiiruu turtuullee akka baanuuf uumata keenyaa waadaa ni seenna.
  7. Baraatootni keenyaa high school keessa jiran nuti callisanuullee akka darbanii nuu ajjeesan, isaniin illee kunumtii akka isaan eeggattu hubachuun furmaata dhumaa fidhachuuf OPDO ofiirra fonqqolchuuf akka sosso'an ni hubachiisna.

Injifannoon Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 **********

Ibsa Ejjennoo Tokkummaa Barattoota Oromoo Yuniversity Gondar

Tarkaanfiin Habashootni dhalataa Oromoo irratti fudhataa turee fi socho`aa jiru daraan jabaachaa
dhufeera. Shirri isaan Oromoo gabroomfachuuf dhama`anis jalaa fashalahaa akka jiru haala jiru irraa ilaalanii madaaluun nidanda`ama. Bara dhufaa darbaa jibbinsa Oromoo irraa qaban ibsachuudhaaf yaaliin ajjechaa guyyaa guyyaa dhan adeemsifama jra. Dhalataan Oromoo baratee bor nama taha, Oromiyaa haadha keenya guddisa jennee abdachaa jirru bakka jirutti akka hoolaa goorra`amaa jiru. Mirga eenyummaa isaa ibsachuu dadhabuudhaan biyya Ormaatti dararamaa fi doorsisa saba kaabaa jala jira.

Nuy barattootni Yunveristii Gondar keessa jirru tarkaanfii habashootni doorsisa raawwachaa jiran balaalleffachuuf akkasumas barataa Shibbiruu Damissee Bantii ajjeechaa irratti raawwatamee fi gadda lammuummaa isaaf qabnu ibsuu labsii nyaata dhaabuu fi uffata gadda uffachuudhaan guyyaa har`aa jechuun 7/ 11/ 2006 ollee jirra kana irratti illee kan beeksisuu barbaadnu diinni nu barbadu yoo jiraate qopha`aa tahuu keenyas akka addaan baafatan barbaadna. Dabalatas ibsa ejjennoo armaan gadii baasnee jirra.

  1. Uummata Oromootiif duuti barataa keenyaa gadda guddaa tahuu qaba.
  2. Sababiin du`a barata Oromoo Yun. Maqalee yeroo gabaabaa keessatti adda baafamee qaama kana raawwate irratti tarkaanfiin addaa fudhatamuu qaba.
  3. Uummatni Oromoo bakka jiruu dammaqee tarkaanfii ajjechaa fi hidhaa dhala Oromoo irratti fudhatamaa jiru mormuuf nu fana hiriiruu qaba.
  4. Har`a bor otoo hin jedhiin dhimmi ajjeechaa fi hidhaa dhala Oromoo akka dhabbatuu fi  qulqullaahuu akeekkachiisna.
  5. Nuy barattootn Oromoo yun. Gondar akka diinni yaadu adda bahuu otoo hin taane Nuy tokko taanee diina uummata Oromoo of irraa deebisuuf qophaahaa tahuu keenya  beeksifna.
  6. Dinni ijoollee Oromoo adda baasuuf fiigan illee kana adda baafatanii akka irraa of qusatani fi warren gochaa farrummaa kana dalagan akka of eegan akeekkachiisna.
  7. Qomoon kan biraa illee dhoksaan kana duuba jiru maali isa jedhu adda baafachuu qaba jenna, warren farrummaa qabsoo Oromoo irratti oofanis akka shaffisaan gochaa isaanii kana irraa of qusatan akeekkachiisna.

Kaayyoon inni guddaan har`a akka nuyi sadarkaa kana irra  geenyu kan nu taasise gochaa jibbamaa barataa keenya yun. Maqlee irratti tahuu saati. Nuy ammas kan dhaamnu yunversiitotni biraa illee dhimma kana illaalcha keessa galchuuqabu jenna.

Tokkummaa barattoota Oromoo Yun. Gondar irraa
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa bilsummaa ti!!

*********

Maadheen Ona Guduruu Keessatti Wal Gahuun Haala Yeroo Irratti Marihatuun Ibsa Ejjennoo Baafatan !

Sadasaa bara 2006 jalqaba kana keessaa ayyaana FDG ganna tokkoffaa sababeeffachuun mandheewwan adda addaa kan mandhee hedduu  of jalatti qabate fi mandheewwan biroo waliin wali ga’ii gaggeefatan milkiin xumuraniru.

Maqaa Mandheewwan kana:

1.     Mandhee Haadhoo Waliin Bilisoomna Horroo Guduruu Jalatti, 2.  Mandhee Torban Guduruu Lakk.1

3.     Mandhee Torban Guduruu Lakk.2, 4.  Mandhee Torban Guduruu Lakk.3      

Mandheen kun kan walitti dhufan Ona adda addaa irraati. Bakka isaan irraa walitti dhufan. Ona GUDURUU, Ona HORROO, Ona JAARTEE fi bakkeewwan biroo irraa kan walitti bahaani dha. Haala sochii  adda addaa  kanneeen  akka tarkaafi FDG  kan OPDO fi Wayyaanee irraatti qindeessuu fi Uummatni  akka mirga fi bilisummaa isaaf  hiriiruu  wal hubachiisanii jiru. Mandheeleen adda adddaa walitti bahaan kun haala yeroo qabsoo bilisummaa Oromoo irraatti mari’atan  IBSA EJJENNOO qabxii saddeetti of keessa qabu  basaaniru.

  1. FDG dhaaba keenyaa ABOn darbe hanga bilisummaatti Uummata ciina   dhaabachuun ni qabsoofna.
  2. Gumaa Sabboontota Oromoo qabsoo irraatti dhumaan hanga baasinutti kaayyoo keenyaa irraa of duuba hin deebinu.
  3. Tarkaanifilee adda  addaa lukkee Wayyaanee kan taaatee OPDO iraatti tarkaafi  barbaachiisuu fudhachuuf qophii dha.
  4. Ijaaramu TBD itti gammaneera. Galmaa gahuu isaaaf ciimsine dhaaba keenyaa ABO waliin ni hojjenna.
  5. Ergaa dhaaba keenyaa ABOn nuf darbu hojii irraa olchuuf murannoon sochoona.
  6. Gaffii keenyaaf deebi diina irraa akka hin argane hubanne hanga SABBOONTOTNI mana hidhaa hiikamanitti, hanga mirgi abbaa biyyuummaa  keenyaa kabachiifnutti fi birmaadomnutti qabsoo keenyaa itti fufna.
  7. Ilmaan Ormoo waranaa Wayyaanee keessatti  haftan tarkaanfii J/Kamaal Galchuu faa fudhatan akka fudhatan dhaamsa lammummaa isiniif dabarsina.
  8. Dhuma irraatti yeroon kun yeroo gara dukkaanatti deeman osoo hin taane yeroo dukkaana irraa gara ifaatti  bahaa jiran ta’uu isaa ilmaan Oromoo diina ciina jirtan hubattanii akka gara qabsoo saba keessanitti deebitan  dhamsaa lammummaa isiniif dabarsina.

*********

Ibsa Eejjenno Waldaa Tokkummaa Barattota Oromoo Yunversitry Bahirdar!   Nuti barattoti Oromo yunvceristy baahirdaar barannu eergi ayyana FDG Sadaasa 9, 2006 kabajjenne booda ibsa eejjenno armaan gadi baafanne jira:   1.     ABOn kalacha qabsoo Orommoti! 2.     Sabbonton keeyna qbo irrat kufan yoom iyyu ni yaadanna gumaa isaanis dacha dachaan baasina! 3.     Qabsoon Fincila Diddaa Gabrummaa goodhamaa jiru cimsnee ni degara! 4.     Faana goottota darban hoordofun qabsoo keeyna daraan finninsuf waadaa nigalla! 5.     Tarkaannif gootot keeyn kan akka b.j Kamala Gallichu, Hayyilu Goonfaa fuudhatan dhimma yeroon gaffatu waan ta’ef ni dinqissifan, looltoti waraana wayyanne keessatti haafan meeshaa isaan harka jiru akka diinaa dhiiga ummata isaaniitti baachaa kanatti naanneeffatuu fi akka tarkaannif wal fakkataa ta’e fudhatan waamicha dabarsina. 6.     Hidhamtooti siyaasaa Oromoo haal dure tokko male akka hikkaman gaafana! 7.     Dulla mallas zeenaawiin Ummat Oromoo irrat labsamee akka jagnumman of irra deebsnu Ummata Oromoo maraaf waamicha goona! 8.     Loolton, poolisin naanno Oromiyyas ta’e kan dhalan Oromoo hin taane FDG ummata keeyna goodhu irrat akka hin dhukkasne akka fuldura hin dhaabanne waamicha seena qabbesa dabarsina! 9.     Looltoti, poolisin dhalan Oromoo ta’an hundi meeshaa isaan gara diinaatti gara galfatan waamicha seena qabbessa goona! 10.Fiixa baahinsa TBDttif kan nuura eegammu mara niraawwana ! dhaablen TBD keessa jiran ille wanta isaan irraa eegamu akka gummachan waamicha goonaf! 11.Ummatoota waliitti buusu shiira wayyaneen dalagu ni balaalefanna ummata biyyat marti ille akka gochaa wayyaanee kana hubattanii dura dhaabatu waamicha goona!!    Gadaan Gadaa Bilisummati!! Injiiffanno ummata Orommof!!

Waldaa Tokkummaa Barattoota Oromoo yunverisity bahiir daar irraa.

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net