Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Waggaa tokkoffaa FDG ilaalchisee ibsa Ejjennoo Qondaalota Kutaa Kanaadaa

Fincilli Diddaa Gabrummaa Onkoloolessa 9/2005 irraa jalqabee golee Oromiyaa hunda keessatti boba’e kan eenyummaa fi irree saba keenyaa alagaa fi diina hubachiise caalaa dhageettii fi jaalala dhaabni keenya ABO uummata isaa biratti qabu mirkaneessuun kan diina abdii kutachiise tahuu fira mitii diinniyyuu waan haalu miti. Ummatni Oromoo akkuma ilmi abbaaf dhagahu; gaachana QBO kan tahe waamicha ABOf osoo oolee hin bulin huursee wal kaasee, dhaamee wal dhageessisee deebii quufsaa kenneera. Dhagahi yaa diinaa dhaabni keenyas abdiin keenyas ABO qofaa dha jechuun diinatti bookkisaa jira.

Fincilli kun kan irreen saba Oromoo jabaa tahuu agarsiise, kan ilmaan Oromoo saalaan, umuriin, dandeettii fi beekumsaan utuu wal hin qoodin “Oromoon Oromummaan” waliif birmatee wal jalaa owwaate, kan wal waamee wal dhageessise, kan wal irratti lolee wal irratti du’e, kan dhagaa fi ulee baatee diina rasaasaan dhaadatu abdii kuatachiise waan taheef seenaa diinni tokkummaa saba keenyaa diiguuf jaarra tokkoof irratti badade kan fashalsiisee dha. Walumaa gala FDG itti fufiinsaan bakkayyuutti finiinaa jiru kun qabsoo keenyatti xumura godhee abbaa biyyummaa saba Oromoo kan gonfachiisu tahuu isaa mamii malee itti amanna. Kana irratti hundaa’uunis ijeennoo keenya qabxiilee armaan gadii jalatti ibsanna.

1) FDG sadaasa 9/2005 eegalee hamma ha’raa itti fufiinsaan boba’aa jiru bifa gaddaan gammachuun yaadanna:-

A) Wareegama daa’imman (barattoota) Oromoo irraa kaasee haga manguddoo waggaa saddettamaatti qe’ee fi biyya abbaa ofii irratti mirga abbaa biyyummaa Oromoo gaafachuu qofaan diinaa weerartuun kafalame, lubbuu qe’ee ofii utuu falmattuu akka malee diinaan galaafatame gaddaa keessa keenyaa maddeen yaadanna.

B) Waregama jaallan kun kafalan kan ilmaan Oromoo rifachiisee, jiilchee of duuba deebise otoo hin taane, daranuu qabsoon saba Oromoo osoo wal irraa hin citin galama isaa gahaa waan jiruuf, wareegama qabsaa’ota Oromoo hamilchiisu waan kafalaniif jalalaa fi hawwii saba isaaniif qaban kana fakkeenya godhachuun nu boonsa. Bakka diigni isaanii itti dhanagala’ee fi dachee isaan keessatti awaalaman irratti abaaboon bilisummaa akka lalisu mamii hin qabnu.

2) Qabsoon keenya bifa hundaanuu finiinee ummanni Oromoo haga abbaa biyyummaa isaa gonfatutti waan of duuba hin deebineef dinaan garaa kutadhu, uummata Oromoon ammoo bilsummaa keetti dhihaattee qabsoo kee gootummaan itti fufi jenna.

3) Nuti qondaalotni kutaa Kanaadaa akkuma baroota darban duula ololaa fi diiggaa diinaatiin osoo hin rifatin qabsoo saba keenyaa cinaa dhaabbachaa turre, yeroo itti qabsoon keenya boqonnaa xumuraa irra gahe kanatti ammoo, dandeettii, qabeenyaa, beekumsaa fi waan qabsoon nurra gaafattu maraan daranuu jabaannee QBO ni deggerra.

4) Akkuma dura bu’ummaa miseensota konyaalee Kanaadaatiin ibsa kna baasaa jirru, abdii fi amantaa miseensota kutaa keenyaa irraa qabnurraan maqaa miseensota keenyaan qabsoo walii galatti bifa hundaanuu godhamuu, keessattuu ammoo FDG fi itti fufiinsa qabsoo bifa kanaa ni deggerra, biras ni dhaabbanna.

5) Qajeelfama ogganni dhaaba keenyaa baasu hojii irraa oolchuufis tahe iyyannaa sabni keenya biyya keessaa nutti iyyatuuf birmachuuf qophii tahuu keenya ni ibsina.

 

Gadaa Gadaa Bilisummaatti

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net