Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu


FDG Marsaa Lammaffaa Amboo fi Oromiyaa Bakka Bakkatti Muldhachaa Jira,

Sadaasa 9, 2006 (Oromiyaa) - Fincilli diddaa gabrummaa Oromiyaa mara keessatti qabatee fufiinsaan waggaa tokko ol ta`e dhaamsuuf wayyaanonni ijoollee keenya ajjeesan, maanguddoo keenya hidhan, qaanessan, maanguddoota keenya eeboon waraananii si dhukkubaa jedhanii gaafachuun itti qoosan, dargaggoo keenya reeban, akka haamlee cabaniif guddoo tattaafatan, garuu Fincilli Diddaa Gabrummaa bilisummaaf godhamaa jiru ittuu jabaate malee hin laaffanne. Gaaffii Oromoo amma belbelaa jiru kana lukkee fi wayyaaneen duubatti deebisuun isaaniif hin dandahamne. Barattoonni Oromoo ibsaa bilisummaa Oromoof qabsiisani diddaa isaanii itti fufan. Wayyanoonnis ibsaa bilisummaa barattoonni Oromoo qabsiisan dhaamsuuf tattaafatanillee diddaan barattootaa fi ummata Oromoo jabaatee itti fufe.

Kunoo hardha sadaasaa 8, 2006 magaalaa Amboo keessa polisatu diddaa gootonni barattoota Oromoo Ambo sad. 2ffaa fi 1ffaa Carii fi Addis Katamaa godhan dura dhaabbachuuf yaalan. Gootonni Barattoota Amboo Sadaasa irraa eegalanii jala bultii  sadaasa 9 tiif diddaa marsaa lammaffaa egalaniiru, Barattoonni ajjeefamuu Jaagamaa Badhaanee, Shibbiruu Damissee fi namoonni mana hidhaa Maa’ikalaawwitti guuramuu balaaaleffachuun FDG jabeessaa jiru.  keessatuu gaafa 7/2006 dhagaadhaan konkolaataa polisii federaalaa isaan to’achuu itti duule irratti haleellaa of irraa ittisaa gochuun ofirraa facisaniiru. Gaafa 8/2006  akkasuma  humna diinaa hunkuraa oolaniiru. Kaannis mootummaan wayyaanee sodaa ummata Oromoo irraa qabuun, human polisii federaalaa dursee Ambo irra kaa’ee ture ummatatti yaasuun namootaa fi  barattoota hidhaa, mana nama sakatta’aa jira. Gowwummaan lukkeele fi wayyaanoota Oromoo hidhaa fi dararaan kan jiilchan sehuun barattoota Magaala Amboo fi Gudar halkan gara mana jireenya barattootaa deemuun hidhaaatti guuruu,  barattooti yeroo mana barumsaa irraa  bahan konkolaataa waraanaa ”Oral” fe’anii massaaraa Mootummaatti guuruun reebuu, hiraarsuu, yoo namni tokko sochoonaan rasaasaan haa rukutaman jechuunis akka ummanni shororkaahee diddaa eegale itti hin fufne ajajjaa sodaachisaa dabarsanii jiru. Garuu uummanni Ammboo fi naannoo ishee kuni nu jabeessa malee duubatti nu hin deebisu  Oromoon naannoo biraas akka jabaatanii didaa isaanii itti fufan dhaamu. Barattootan magaala Gudar keessaa hidhame keessaa barataa Araarsaa Dinqaa Jedhamu akka keessatti argama.

Wayyaanee fi Lukkeen Sodaa Oromoon Biyya Isaa Dhuunfata Jedhu Waan Qabduuf; Akka Oromoon Mirga Hiree Mataa Isaa Akka Ofiin Hin Murteeffatiin Danqaa Itti Ta`aa Jiru. Kanaaf ammoo wayaanee fi lukkeen Oromoo irraa waan Sodaa Qabaniif Dursanii Ilmaan Oromoo Shakkan Hidhaa turan itti fufaa jiru.

Magaallonni Oromiyaa keessa jiran humna hidhataa Tigree fi lukkeetiin qabamanii jiru, magaalaa Gimbii fi kkf keessatti galgala akka namni hin sochooneef nama reebuu fi kkf itti fufaniiru. Biyya kam keessattuu Gabroonfataan ummata guddeessa humna qawweetiin yeroo dheeraaf jilbeenfachiisee bite hin beeku, yoo bites yeroo muraasa qofaafi, amma wayyaanee fi lukkeen yeroo isaanii xumurataniiru, caccabaa jiru, keessumaa ummata Oromoo seenaa dur durii gootummaa cimaa qabu kana bifa kanaan to`annee bulchina jedhanii yaaduun isaanii haga isaan gabaabsanii yaadan muldhisa. Oromoonis dhimma kana hubatee qaanii fi gidiraa keessa jiru kana of irraa kaasuun biyya isaa dhuunfachuuf haa socho`u jechuun sabboontonni Oromoo Amboo dhaamu.

*********

Barattootini Yuniversity Bahirdar Sadaasaa 9, 2006 Haala O`aan Kabajatanii Olan!

Guyyaa haar’aa sadaasaa 9, 2006 ayyana FDG waggaa tokkoffaa barattoota Oromoo Yuniversity Bahirdar sirna haala keessa jiranii fi haala mijjatun kabjjatanii oolan. Haala kanaan bakka bakkatti walitti dhufuun haala tokkoti kan kabajjme olle jira ayyanicha irrat seenaan namoota qabsoo irrat warregaman wali ibsu dhan, haala qabsoo ummata keeynaa irrati yaada walii kennuu mari’achudhan akka kabajatanii oolan maddeen Bahirdar irraa nu qaqaban muldhisu. Ibsa ejjenno barattoota Oromoo yuniversity Bahirdar baasan akka nu qaqabeen isinii dhaamna. 

Dhaadannoo baratoota yuniversity

Barataan Oromoo Shibiru Damisee Ajjeefame dhageessisan. 1. Duutii Obboleessa keenya barataa Shibbiruu nu cimsa malee nuu hin laaffisu, tokkummaa keenyallee hin diiguu. 2. OPDOn bakka nuu hin buutu. 3. Oromuummaan yakka miti. 4. Maqalee universiittin bakka itti ijoolleen oromoo hiraarsamtuu dha. 5. Qaamni obboleessa keenya ajjeesiisee nuuf haa gaafatamu. 6. OPDOn diina Oromooti. 7. Mirgi keenya nuuf haa eeggamu. 8. Billisuummaaf aarsaa barbaachisuu kaffalla. 9. Wayyaneen dirqiin nuu hin bulchiittu. 10. Yuniversiitichii gara biyyaa keenyaatti nuu haa deebbisuu. 11. Ragaan baruumsaa baratoota keenyaa haa kennamuuf. 12. Duutii qabsoo itti jiruu irraa duubbatti nuu hin deebbisuu. **********

Gotoonni Oromoo Ona Gindabarat Lukkee Adabuu Itti Fufan!

Gootonni Oromoo Ona Gidabarat Lukkeewwan diinaa irratti tarkaanfii fudhachuun jala bultii guyyaa FDG ayyaaneeffachuu fi kabajachuun hubatame. Akka kanaan Kaleessaa galgalaa (Sadaasa 8, 2006) lukkeen irraati tarkaanfiin lammi boonsufii dinaa akka mallee rifassisee fudhatamee jira.

Inis  lukkeelee bara darbee kaassee yaroo adda adda akkekachifni kara SBOf kara adda adda kenamafii turee irraa kan of qusaachu didaani irra calaa iyyuu angoo dabaalataa argataani itti gafatama damee milishaa ta'uun calaattii ergamtuu wayyaanee  ta'uun jiraattota aanaa Ginda/ti kan rakkissaa turaan ************* kan jedhamaan irraati tarkaanfii boombii lamaan irraati fudhatameen qabenyi issaani akka jirutii barbadahee jira.   Miidhaan qama issaanifi maatii issaani irra gaahen yaroo amma kana hoospitaala Ambooti yalamaa akka jiran hubatameera. Magaalaan guditii aanichaas halkaan sadaasa 8, 2006 qixxee akka dhukassaraa bultee oduun aanichaa irraa nu qaqabe ni addeessa. Kana maleess jirattootaa nagaa fi baratootaa heduu sababa tokko malee walitii qabuun mana
hidhati gura jiru. **********

Yaadannoon Gootota FDG irratti wareegamanii sirna ho’aan kabajame!

Hawaasni Baqattoota Oromoo Keenyaa dhibba jahaa ol ta’u sirna yaadannoo Gootota FDG irratti wareegamaniirratti argamee guyyaa har’aa(Sadaasa 9,2006) sa’aa 2:00wb-6:00wb tti haala ho’aan kabajee ooleera.Sagantaa kanarratti ibsi adda addaa FDG ilaalchisee bal’inaan kennamee,diraamaan haala qabatamaa Oromoo mirga isaa gaafaterra gahaa jiru ibsu iyyaatee ummatni imimmaan dhangalaasaa wareegama ilmaansaa yaadatee,ofduraafis daandii wareegama isaaniin bal’atte akka galmaan gahu waadaa haaressuun milkiin xumaratee jira.

Ibsa dhiyaate keessatti:

  • Cuunfaa waa’ee FDG walhubachiisuuf bal’inaan kennameera,
  • Bakka bu’ooti jaarmiyaalee (WDO-K,HOK,GTO,SBOBA,WBDO-K,Artistootaa) fi namoota dhuunfaas  haala addaan dhiyaatee jira.
  • Faaruun goototaa haala addaan farfamee,
  • Faaruun alaabaa faarfamee,
  • Diraamaa,walaloo fi akkasumas gorsi jajjabduun manguddootaan kennamee ummati sagalee tokkoon gaddasaa ibsatee,diina balaaleffatee FDG gaggeeffamaa jiruu fi QBO ABOn gaggeeffamaa jiru dinqisiifachaa ooleera.Diraamaan dhiyaate kanaanis rakkoo Oromiyaa akka waan daawwiin ija dura fidanii garaa raasuun imimmaan fuula dhiqaa ture.
  • Barattoota sababa FDGtiin barumsarraa ariihamanii ambaa wareegamtootaa ta’anii biyya ambaatti rakkataa jiraniifis gargaarsa gumaachee ooleera.

Sagantaan kun alaabaa ABOn kan faayamee fi dhaadannoo “Qabsaahaan ni kufa qabsoon itti fufa!; Kaayyoo Goototni keenyi wareegamaniif galmaan ni geenya!” kan jedhuun kan mimmiidhage ture.Dhumarrattis ibsa ejjennoo armaan gadii dubbifamee akkuma aadaa Oromoo eebba jaarsaan jalqabee eebbaan xumurameera.

Ibsa ejjannoo Hawaasa Oromoo Keenyaa

Caayaalee adda addaa QBO gargaaruuf ijaaraman :Waldaan Dargaggoota Oromoo Keenyaa, Galma Tokkummaa Oromoo, Waldaa Baqattoota Dubartoota Oromoo Keenyaa, Sochii Barattoota Oromoo Baha Afrikaa ,Baandii Eenyummaa akkasumas Hawaasa Oromoo Keenyaa magaalaa Naayiroobiitti argaman walta’uun Guyyaa Ayyaana Fincila Diddaa Gabrummaa yaadachuun  ibsa ejjannoo qabxii 12 qabu  baafatan:

  1. Gootota FDG akkasumas QBO waliigalaarratti wareegaman yogguu ni yaadanna!Seenaan isaanii bara baraan ni jiraata!Kaayyoo isaan kufaniif galmaan ni geenya!
  2. Uummanni Oromoo mirga hiree murteeffanaan isaa akka hojiirra ooluuf gaafataa jiru hojiitti haa hiikamu,mirga haqaa gaafataniif ajjeefamuun haadhaabbatu!
  3. Hoggantoonni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa badii tokko malee hidhaman haa hiikaman,waajirrisaa haa banamu!
  4. Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo haal duree tokko malee haa hiikaman.
  5. Fincilli Diddaa gabrummaa jabaatee akka itti fufu ni deeggarra, ga’ee keenyas ba’uuf waan nurraa eegamu hunda ni raawwanna.
  6. Saboonni cunqurfamoon rakkoo wal fakkaataa qaban walcinaa dhaabbattanii mootummaa abbaa irree ofirraa akka darbitan gaafanna.
  7. Uummata mirga isaa falmatu irratti tarkaanfiin ajjeechaa, hidhaafi reebichaa haadhaabbatu!
  8. Tarkaanfii J. Kamaal Galchuufi J. Hayiluu Gonfaa , Koloneel Abbabaa Garasuu, Koloneel Gammachuu Ayyaanaafi wahiloonni isaanii fudhatan ni dinqisiifanna. Kanneen ammallee mooraa wayyaanee keessa jirtan fakkeenya kana hordoftanii akka qabsoo saba keessaniitti makamtan waamicha isinii dhiyeessina!
  9. TBD ni deeggarra, fiixa ba’insa isaafis waan dandeenyu hundaan irratti hojjanna.
  10. Shira wayyaaneen saboota nagayaan waliin jiraataa turan walitti buusuun keessa seenuun qabsoo gufachiiftu irratti dammaqamee akka   dura dhaabbatamu ummata Oromoo fi saboota olla keenyaaf dhaammanna!
  11. Hawaasni addunyaa rakkoo Oromoo fi Gaanfa Afrikaaf xiyyeeffannoo kennuun akka furmaata waaraa kennuu keessatti gargaarsa barbaachisu akka QBOf godhu gaafanna;
  12. Oromoota biyya alaa jirtan kanneen otoo beektaniis ta’e hin beekiin qooda isinirraa eegamu bahuu hanqattan  marti sagalee tokkoon waan dandeessan cufaan FDG cinaa hiriiruun akka qooda lammummaa baatanii gaafatama seenaa jalaa baatan waamicha isinii goona!

Qabsaa’aan ni kufa qabsoon itti fufa!

Kaayyoo Goototni keenyi Wareegamaniif galmaan ni geenya!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Sadaasa 9,2006

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net