Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu


Yaadannoon Gootota FDG irratti wareegamanii sirna ho’aan kabajame!

Hawaasni Baqattoota Oromoo Keenyaa dhibba jahaa ol ta’u sirna yaadannoo Gootota FDG irratti wareegamaniirratti argamee guyyaa har’aa(Sadaasa 9,2006) sa’aa 2:00wb-6:00wb tti haala ho’aan kabajee ooleera.Sagantaa kanarratti ibsi adda addaa FDG ilaalchisee bal’inaan kennamee,diraamaan haala qabatamaa Oromoo mirga isaa gaafaterra gahaa jiru ibsu iyyaatee ummatni imimmaan dhangalaasaa wareegama ilmaansaa yaadatee,ofduraafis daandii wareegama isaaniin bal’atte akka galmaan gahu waadaa haaressuun milkiin xumaratee jira.

Ibsa dhiyaate keessatti:

  • Cuunfaa waa’ee FDG walhubachiisuuf bal’inaan kennameera,
  • Dhaamsi bakka bu’ooti jaarmiyaalee (WDO-K,HOK,GTO,SBOBA,WBDO-K,Artistootaa) fi namoota dhuunfaas  haala addaan dhiyaatee jira.
  • Faaruun goototaa haala addaan farfamee,
  • Faaruun alaabaa faarfamee,
  • Diraamaa,walaloo fi akkasumas gorsi jajjabduun manguddootaan kennamee ummati sagalee tokkoon gaddasaa ibsatee,diina balaaleffatee FDG gaggeeffamaa jiruu fi QBO ABOn gaggeeffamaa jiru dinqisiifachaa ooleera.Diraamaan dhiyaate kanaanis rakkoo Oromiyaa akka waan daawwiin ija dura fidanii garaa raasuun imimmaan fuula dhiqaa ture.
  • Barattoota sababa FDGtiin barumsarraa ariihamanii ambaa wareegamtootaa ta’anii biyya ambaatti rakkataa jiraniifis gargaarsa gumaachee ooleera.

Sagantaan kun alaabaa ABOn kan faayamee fi dhaadannoo “Qabsaahaan ni kufa qabsoon itti fufa!; Kaayyoo Goototni keenyi wareegamaniif galmaan ni geenya!” kan jedhuun kan mimmiidhage ture.Dhumarrattis ibsa ejjennoo armaan gadii dubbifamee akkuma aadaa Oromoo eebba jaarsaan jalqabee eebbaan xumurameera.

Ibsa ejjannoo Hawaasa Oromoo Keenyaa

Caayaalee adda addaa QBO gargaaruuf ijaaraman :Waldaan Dargaggoota Oromoo Keenyaa, Galma Tokkummaa Oromoo, Waldaa Baqattoota Dubartoota Oromoo Keenyaa, Sochii Barattoota Oromoo Baha Afrikaa ,Baandii Eenyummaa akkasumas Hawaasa Oromoo Keenyaa magaalaa Naayiroobiitti argaman walta’uun Guyyaa Ayyaana Fincila Diddaa Gabrummaa yaadachuun  ibsa ejjannoo qabxii 12 qabu  baafatan:

  • Gootota FDG akkasumas QBO waliigalaarratti wareegaman yogguu ni yaadanna!Seenaan isaanii bara baraan ni jiraata!Kaayyoo isaan kufaniif galmaan ni geenya!
  • Uummanni Oromoo mirga hiree murteeffanaan isaa akka hojiirra ooluuf gaafataa jiru hojiitti haa hiikamu,mirga haqaa gaafataniif ajjeefamuun haadhaabbatu!
  • Hoggantoonni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa badii tokko malee hidhaman haa hiikaman,waajirrisaa haa banamu!
  • Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo haal duree tokko malee haa hiikaman.
  • Fincilli Diddaa gabrummaa jabaatee akka itti fufu ni deeggarra, ga’ee keenyas ba’uuf waan nurraa eegamu hunda ni raawwanna.
  • Saboonni cunqurfamoon rakkoo wal fakkaataa qaban walcinaa dhaabbattanii mootummaa abbaa irree ofirraa akka darbitan gaafanna.
  • Uummata mirga isaa falmatu irratti tarkaanfiin ajjeechaa, hidhaafi reebichaa haadhaabbatu!
  • Tarkaanfii J. Kamaal Galchuufi J. Hayiluu Gonfaa , Koloneel Abbabaa Garasuu, Koloneel Gammachuu Ayyaanaafi wahiloonni isaanii fudhatan ni dinqisiifanna. Kanneen ammallee mooraa wayyaanee keessa jirtan fakkeenya kana hordoftanii akka qabsoo saba keessaniitti makamtan waamicha isinii dhiyeessina!
  • TBD ni deeggarra, fiixa ba’insa isaafis waan dandeenyu hundaan irratti hojjanna.
  • Shira wayyaaneen saboota nagayaan waliin jiraataa turan walitti buusuun keessa seenuun qabsoo gufachiiftu irratti dammaqamee akka   dura dhaabbatamu ummata Oromoo fi saboota olla keenyaaf dhaammanna!
  • Hawaasni addunyaa rakkoo Oromoo fi Gaanfa Afrikaaf xiyyeeffannoo kennuun akka furmaata waaraa kennuu keessatti gargaarsa barbaachisu akka QBOf godhu gaafanna;
  • Oromoota biyya alaa jirtan kanneen otoo beektaniis ta’e hin beekiin qooda isinirraa eegamu bahuu hanqattan  marti sagalee tokkoon waan dandeessan cufaan FDG cinaa hiriiruun akka qooda lammummaa baatanii gaafatama seenaa jalaa baatan waamicha isinii goona!

Qabsaa’aan ni kufa qabsoon itti fufa!

Kaayyoo Goototni keenyi Wareegamaniif galmaan ni geenya!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Sadaasa 9,2006

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net