Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Dhaamsa Bara Haarawaa Tumsi Bilisummaafi Demokrasii Ummata Itophiyaa maraaf Dabarse

Bara 1998 xumurree, jalbultii bara 1999 jirra. Bilisummaafi mirgoota dimokrasii kee harkatti galfachuuf murannoo bara 1997 keessa moggaalee biyyaa mara keessatti kaatee garsiifatte bara 1998 keessattis caalatti cimfattee itti fuftee jirta. Bara 1999tti waldhaansoo hadhaawaa irra jirtu galmaan ga’uuf ka’i.

Ummanni bilbilli bilisummaa qalbii isaa keessaa qillisuu jalqabe galma yaade sun gayuurraa humni isa ittisu akka hinjirre irreen-bultoonni biyyattii bitaa jiran kan hubatan hinfakkaatan.

Ati nageenya yoo jettuun waraana sitti labsan; araara yoo jettuun isaan lolatti gaman; walqixxummaa yoo jettuun isaan golistummaa siransan; tokkummaa yoo jetteen qoqqoodamuudha siif filachuun waanjoo gabrummaa fi hiyyummaan xaxamtee akka jiraattu gochaa jiru.

Jechoota dabsanii nama garadabarsuun, soba dhugaa fakkeessanii nama afanfaajjeessanii hidhaatti guuruun, sossobanii nama hawachuuf yaaluun, sun bira taree qawwee naaduura qabduun biiflatanii nama ajjeesuun, hiriira bilisummaa ummataa akka of booda hin deebifne bittoonni waan hubataniif ati sanyiidhaan, qoonqaafi amantiidhaan walqoqqooddee akka walfixxu yaadaniiti turan. Ati akka walfixxu si godhanii akkuma baran sunitti “Yoo nuti bitne malee biyyi kun nagayaafi tasgabbii waan hinqabaanneef cal’isii nu jalatti buli” jechuudhaan aangoo isaanii tan jiguuf gatantaraa jirtu jabeeffatanii sirra ejaajjuuf hedduu tashatanii socho’aa jiru. Ati garuu gameessa qaroo waan taateef jaalaa owwaachuu nididde. Injifannoo guddaan bara 1998 keessa goonfattees kanuma.

Milkiin barri xumuramaa jiru kun ummataaf badhaase, kan seenaa keessattis iddoo ol’aanaa qabaatu bara Tumsi Bilisummaafi Dimokrasii (AFD) itti hundeeffame. Barri 1998 kuni bara shirri dhumaatii ummataa Wayyaaneen karoorfatteef furmaata waaraa argamsiisuuf, demokrasiifi walqixxummaa haqaa mirkaneessuufi tokkummaa hundee sunirratti ijaaruuf bu’urri itti lafa kaayame tahuu isaatin barabaraan yaadatama.

Hundeeffamni Tumsa Bilisummaafi Demokrasii waan isaan bir’achiifteeefii mudhii kuteef saba tokko kaanirratti kaasanii walficcisiisuufi umrii aangoo ofii dheereeffachuu kan kajeelan qondaaloonni wayyaanee gidiraa adda addaa raawwachuuf wixxifachaa jirani..

Barri kuni bara irbuun Tumsi Bilisummaafi Demokrasii hojiitti itti fassaramtee shirri Wayyaanee itti masheenfamu qofa osoo hintahin bara wayyaanee dirquudhaan warri sobaan yakkamanii hidhaman hundi akka hidhaarraa bahan, warri biyyaa baqate akka deebi’an, kanneen cubbuudhaan ajjeeffamanis waa’een isaanii murtii seeraa akka argattu, bilisummaafi demokrasiin ummanni keenya dhiigaafi lubbuu itti wareege dhugoomsuuf qabsoon kan itti finiintu taha.

Ammallee rakkoofi gadadoo ummata keenyaa qofa osoo hintahin kan bittootaafi jaldeemtoota isaaniitiifillee furmaata tahu karaan tokkichi qabnu waamicha araaraafi nagayaa TBD waameefi kora humnoonni siyaasaa, hawaasummaa, amantii fi jaarmonni ogeeyyota adda addaa hunda hirmaachisu hojiirra oolchuu qofa taha. Barri 1999 bara qabsoo humnoonni bilisummaafi Dimokrasiitiifi ummata tumsa kana deeggaru godhuun bilisummaafi mirgoota mulqamne kan ittiin goonfannu akka tahu jaarmonni miseensota tumsichaa fi deeggartoonni isaanii marti, jaarmotaa fi namtokkeen nagaya jaallatan cufti harka wolqabatanii qabsicha finiinsuun shira Wayyaanee fashalsuuf akka socho’an waamicha goonaaf.

Barri 1999 bara ummanni dharraa bilisummaaf, dimokrasiif, walqixxummaaf, tokkummaafi nageenyaaf qabu itti guutuamu taha.

Barri haarawni ka gammachuu haatahu

Tumsa Bilisummaafi Demokrasii



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net