Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Sadaasa 7, 2006 (Oromiyaa) - Barattoti Oromoo Yuniversity Gondar Ajjeechaa Wayyaanoonni Barataa Oromoo Yuniversity Malqlee Irratti Raawwatame Ilaalchisee Nyaata Lagatan!   Guyyaa sadaasa 6, 2006 baratootni Oromoo yuniversiitii Gondar gochaa ajjeechaa barataa yuversiiti Maqalee irratti ilaalchisee gadda itti dhagahame ibsachuuf, nyaataa dhaabuu isinii beeksisan.     Obbooleessi keenyi barataan Oromoo yuniversity Maqalee Shibiru Damisee hudhamee ajjeefamuu isaaf gadda itti dhagahame ibsanii gochaan kun barattoota Oromoo kaan irratti fuulduratti raawwatamuu waan maluuf wabiin barattoota Oromoo yuniversity maqalee akka eegamuu dhaamanii jiru.   Gamtaa barattoota Oromoo yuniversiitii Gondar irraa.   Injifaannoon Uummata Oromoof!! Gadaan Gadaa Bilissumaati!!

*********

Godina Baalee Kolleejjii Roobee Keessatti OPDOn Rakkoo Uumaa Jirti!

Godina Baalee kolleejii barsiisota roobee keessatti OPDOn Barattootaa fi barsiisota tokko tokko garaaf bulan kaadhimatuun saaxilame. Barattoonni kaadhimamaan kuni Lakkofsaan 12 yemmuu ta’an  armaan duras bakkuma turanitti Sochii barattoota Oromoo basaasuun Diinaaf kan saaxilaa turan ta’uun beekkame lukkeen barattoota kana bifa haarawaan Kaadhimaa jiru. Armaan duras kolleejicha keessatti ergamaa OPDO ta’uun sochii barattootaa gufachiisaa ture I/A Diinii Kolleejichaa kan ta’e Tasfaayee Girmaa nama jedhamu dha.

Barattoonii fi barsiisonni Kolleejii kana keessatti bifa haarawaan kaadhimaaman kuni akkuma armaan dura Sochii barattoonni Oromoo kolleejicha keessatti godhan akka jala bu’anii basaasan ta’uun irra gahamee jira. Isaanis:

  1. Xigaabuu Tufaa, 2. Seeyifuu Ogatoo, 3. Kamaal hajji, 4. Katamaa warquu, 5. Fireehiyoot Lamaa 6. Anwaar Muhaammad, 7. Nuuhoo Amaan, 8.amariyyaa Ahmad, 9. Burtukaan raayyaa 10. Addunyaa Xurii yemmuu ta’an

Lamaan hafan kan Dirqamaan kadhimamani. Lukkeewwan kuni Dirqama Gooftolii isaanii irraa itti
kenname kana osoo hardha boru hin jenne lagatuun gara qabsoo barattoonni Oromoo gaggeessaa jiraniitti akka deebi’an barattoonni Kolleejii barsiisota Roobee waamicha Godhaniifii jiru kana didanii sochii biraa godhu taanaan Balaa isaan irra gayuuf itti gaafatamaan matuma isaanii ta’uu hubachiifna jedhu sabboontonni barattoonni barsiisota roobee.

********

Wayyaaneen Godinaa Arsii Ona Sahashamannee fi kuyyaraa keessa Ummata Ukkamsuutti Jirti!

Godina Arsii Ona shaashamannee Magaalaa Shaashamannee fi kuyyaraa akkasumas Naannoo baadiyyaa irraa sabboontota ukkaamsanii hidhaa jiru sadaasa 3 irraa kaasee hanaga ammaatti sabboontonni 14 yemmuu hidhaman kanneen biros barbaadamaa jiru Sabboontonni naannoo kanneen irraa qabamanii waraana wayyaaneetiin fudhataman hanga ammaatti tana buuteen isaanii kan hin beekkamne yoo ta’u yeroo halkan mana isaaniitti itti seenanii ukkamsan deeggartoota ABOti jechaa akka ukkamsanii lixanii maatiin isaanii ni dubbatu  sabboontonni kunis badii biraa dalaganii osoo hin taane sabbonaammaa fi hawaasa naannoo isaanii jiru biratti jaallatamoo waan ta’aniif qofa dha jedhama.

Gama biraan Sadaasa 3  irraa egalee  Naannoowwan tokko tokko keessatti  sakattaa gaggeessaa jira keessattuu Seensa Awaasaa irraa gara shaashamannee, shaashamannee irraa gara mojoo, mojoon irraa hanga bushooftuu fi Bushooftuu irraa kaasanii Duukaamii  hanaga finfinneetti sakattaa godhaa jiru sababni isaanii ABO meeshaa waraanaa biyya keessa galfataa jira kan jedhuudha. Sakattaan kuni ammaas jabaatee kan itti fufe yemmuu ta’u hanga ammaatti wanti isaan itti milkaayan akka hin jirres odeessi isaan keessaa bahe ni hubachiisa.

Gama biraan sakattaa hammeessuun Ummata hujii isaaf sardamu irraa yeroo gubaa kan jiru yemmuu ta’u akkana ta’uun isaa kuni sodaafii kufaatii isaa mirkaneessa jechun namootiin tokko tokoo ibsu, barri baruma kufaatii dargii jala gahe fakkaata jedhu.

Sabboontonni Oromoos hidhaa fi ajjeechaan hamlee nu cabsee duubatti nu hin deebisu jechaa qabsoo isaanii akka itti fufan akeeku!

*****

Wayyaaneen Sakkatta`aa fi Doorsisaan FDG Marsaa Lammafaa Dhaamsuuf Tattaafatuun Abjuu guyyaa dha!

Fincila Diddaa Gabrummaa marsaa lammaffaa, bifa haaran waggaa tokkoffaa isaa kabamuuf jedhu kana gufachiisuuf asiif achi kaachaa jiru. Haaluma kanaan Poolisoota Oromiyaa akkasumas Lukkeelee OPDOtti dirqamni addaa tokko itti kennamee jira. Kunis Lukkeeleen kun yeroo barbaadanitti nama shakkan sakatta'anii hidhuu, dararuu, akkasumas doorsisuu fi reebichaan gidirsuu of keessatti qabata. Dhimma kana ol-aantummaan kan hogganu Namoota dhimma Nageenyaa  Wayyaanee ta'an yeroo ta'u isaan kunis yeroo barbaadanitti ajajaa dabarsuun dhimma kana raawwachiisu. 

Bakkoonni amma sakatta'amuuf irratti xiyyeeffatames

1. Manneen Amantii Ummataa, 2. Waajjira Mootummaa, 3. Mana Nama dhuunfaa
4. Suuqii fi bakka kuusa meeshaalee namoota dhuunfa akka ta'e beekamee jira. 

Haaluma kanaan har'a karaa adda addaa cufun naannoo magaala Naqamteetti skatta'umsi kun eegalee jira. Naannolee birootti illee haaluma kanaan  akka itti fufu jedhamee jira. Kun yaaddoo wayyaanoota qaban irraan yeroo ta`u Oromoon marti warra saba miidhuu fi hidhee gidiru kana adda baafachuun tarkaanfii qabeenyaa fi lukkee dhimma kana raawwatu irraan geessisuun gumaa bahuun barbachisaa dha jechuun sabboontonni Oromoo dhaamu.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net