Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ibsa ejjannoo – Seattle


Ummanni Oromoo finqila diddaa gabrummaa eega jalqabee gadaan heddu lakkayatee jira. kuni raga kan tahu keessaa osoo qabsoon Oromoo Haala dhaaba siyaasaatiin hin utubamin Oromoonni Wolloo ,Baalee Maccaa fii Tuulama harargeefii Kkf yoo tahu akka mataatitti ammoo Jaallan heddu qabsoo kanaaf wareegamanii jiru. yoo hanga takka hangafoota keessaa maqaa dhooyne kan akka Taadasaa Birruu Maamoo Mazamir Elemoo Qolxuu Guutamaa Hawwaasiifii J/Waaqqoo Guutuu faa jiran.

Dhaloonni Haaroni ammo faana isaani bu’uudhaan Adda Bilisummaa Oromootiin Hogganamuudhaan Finqila Diddaa Gabrummaa eega jal qabee kunoo ar’a ganna tokko tahee jira. FDG baatii 12 dabran keessa odoo addaan hin citin bahaa-dhiha akkasumas kaabaa-kibaa barattonni wal waamuudhaan qabsoo fniinsaa turan ammas irruma jiru

Finqilli kuni waamichaafi hogganummaa dhaaba keenyaa ABOn tahuun isaa waan dagatamuu miti Finqilli kuni lafa (biyya) Oromiyaa hundattii ba’balachuudhaan

ar’a qotee bolaa, daldalataa dalaydootaafii Waraanaa keessa nam’uudhaan (seenuudhaan) ilmaan Oroomoo heddu waraana Diinaa

 Keessa jiran kan dhalootaan Oromoo tahan Moonaa diinaaa diiguudhaan gara waraana Bilisumaa Oromootitti Dabalamanii jiru.ammas dabalamaa jiru.

Ganna tokkoo darbee keessa Fiqila Diddaa Gabrummaa irraa qooda fudhachuudhaan Barattonni heddu Diinaan waliin wal hudhanii wareegamanii jiru hedduun isaanii ammoo yoo hidhaman gariin hanga ammaa bakka bu’an hin beekkamne

 Mirga namummaa (dhalootaa) dhabuudhaan mana barumsaa irraa ari’amanii jiru dargagoon ganna 16 irraa jalqabee yaroo silaa isaan baratanii ufiifii saba isaaniille gargaaruu danda’an manatti galanii jiru, barattootaafii ilmaan Oromoo kan qabsoo kanaaf wareegaman hunda yaadachuuf nuti Miseensotaafii deegarttoon ABO kan Magaalaa Seattle jirru Guyyaa ar’aa Sadaasa 9 bara 2006 nyaataafii dhugaatii lagachuudhaan (soommanuudhaa) guyyaa kanaa nyaataafii dhugaatii keenya kan guyyaa kanaa akka Qbsoo finqila Diddaa Gabrummaatiif Oolu yoo murteesinu yaadadannoo kanaaf wal gahii kanarratti waa’ finqila Diddaa Gabrummaa haa soyni adda addaa godhamee jira walgahiin tuni saa’atii sadihii yoo deemu Viidiyoon (agarsiisni) ayaana Irressaa (Irrechaa) kan bara kanaa 2006 kan ummanni oromoo miliyoona cinaa tahu irraa qooda fudhate daawatamee jira dhuma wal gahii kanaa irratti ibsa ijjannoo keennaa akka asii gadiititti ibsina

 1. Nuti Miseensotaafii Deegartoonni ABO konyaa Seattle jirru Finqila Diddaa Gabruummaa kan ABO dhaan hogganamu kaleennaan (dhiyaanaan) jala deemaa turre. haala Barattoonni Oromoo Dhakaadhaan rassasa dura dhaabachunn diinaa keenna kuffisanii kufan dinqi’sefacha ajjechaa wayyaanee gara laaffinna malee isaanirratti rawwatteef gadda keenna ni ibsina.

2. Qabsoon Finqila Diddaa Gabrumaa akka itti fufu akkuma armaan dura godhaa turre ammas waan dan deenne hundaan bira dhaabana Akkuma darggagoota biyya keessa dargagoon biyya alaa hubbannoo FDG kana rratt argatanii akka Obboleeyyan isaanii kan biyya keessa jiran bira dhaabatan waan dandeeneen irrati hojjanna.

3. Galiin keenna kan ABO Bilisumma qofa waan taateef hanga ummanii keenna Kaayoo isaa gayutti yaroo,umnaafii qabeenya keennan osoo uf hin qusatin qabsoo Bilisummaa Oromootiif ni Oolchina dirqamaa nurraa eegamu bahuuf irra deebinee waadaa sienna.

Gadaan Gadaa Bilisummaati

Sadaasa, 2006

Seattle , Washington

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net