Gantootiin kaayyoo fi aarsaa qaqalliin Oromoo kitilaa fi kumni itti wareegamanii fi wareegamaa jiran, haqaa fi dhugaa mul'ataa dararamnii fi ifaajjiin meeqa itti bahee fi ba'aa jiru ganuun isaanii hedduu nama ajaa'iba. Seenaa qabsoo saba kamuu keessatti bu'aa bahiin ni jira, jiraachuus ni mala. Diinnii haqumaa gaaffii qabsa'otaa waan beektuuf kana doomsuufi burjaajessuuf carraaqqii godhan waan ta'eef waanuma diinni dalagu dalage. Kanaaf gantootii fi kittilayyootiin meeqa dhufaniis darbaniiru. Dhugaa fi haqani garuu iddootti ni hafa madaalliisaa eeggatee, yoomuu ni wawwaata ni dubbata. Waan Wayyaaneen odeessitus waan yeroo tokko afarfame hafu otoo hin taane lakkuma ABO jabaate olollis jajjabaatee itti fufa. Garuu gaafa sobduu fi sobni itti bari'amee maal akka taatu isaanii fi warra ishee jala deemutu beeka. Maaltus isaaniif dhimmaa.
Lichuunfaa yoo qabsoon bilisummaa Oromoo kan yeroon irra darbedha yoo jedhan, eenyutu gaaffii haqaa Oromoo lafaa ol kaaseeraaf deebii argachuu danda'ee. Isaan warri qabsicha kaasanuu maaliif iddoon hin geenyee moo isaan duraanuu akka tarsiimootti dhimmaa diinaaf hojjechaa turanii gaaffiin jedhu sammuu namoota hedduu keessa jiru dha. Yeroo hamma kana aarsaan itti kanfalamuu ilmaan Oromoo waan dogoggoraaf wareegaman jechuu kajeeluun isaanii wareegama ilmaan Oromoo qabsoo saba Oromoof baasanitti qoosuu dha. Wareegama hanga yoonaa bahe hundaaf isaanuu eenyu caalaa gaafatamummaa fudhatu. Kan gubattee hin beekne abiddatti fiigdiin mammaaksa Oromooti. Waan keessa jiramu hin beekan akka hin jennee quba hin dhaban jenna, horiin haga kana ija nama jaamsuu fi saba ofii nama gansiisuun gochaa seexanummaa yoo ta’e malee dhimma biraa ta’uu hin dandahu.
Yeroon kun yeroo itti dhalli Oromoo akka nama tokkootti biyya abbaasaarratti jiraachuu dadhabee halagaan kijibaan dararamuu fi hadhaan badadamutti isaan bifa kana qabatanii midiyaa diinaatti dubbachuun diinummaa isaan ummata Oromoof qaban ifatti muldhise. Waan badadamni Oromoo qoonqoof of sobanii nyaachuu fi dhuguu malee kan namummaa isa hin quuqneefi kan gaaffiin Oromoo gaaffii buddeena, waan laataniif, waan godhii fi jedhi jedhan ta'ee jiraatu fakkaate kanatti. Waan Oromoon hambaan isaaf beekuu malee inni ofiif hin beekne fakkaate kanatti, akka wallaalaa wallaalaan gadii waan argateefi dhabe wallaalee itti fakkaate kanatti.
waan hundaafuu seenaa fi guyyaan haa dubbatu. haqaa fi dhugaa jaalleen meeqa itti wareegamanii fi itti wareegama jiran waan akkasumaan akka diinnii fi bitamtootiin yaadanitti hin hafu.
kunis gaaffii Oromoo waan boodatti deebisuu danda'u miti. Oromootiinis kanaan hamileen isaanii hin cabdu ittuu daran ni jabeessa malee. garuu waan hundaan kanneen hoogganumaarraa jiranis seeraa fi heera goototi irratti wareegaman eeganii wareegama kamuu baasuun tokkumaa'uu fi gamtoomuu qabaniin dhaamsa sabboontota Oromooti.
Injifannoo Ummata Oromoof!