(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 30, 2010) Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Amajjii 21 bara 2010 waraana Wayyaanee maqaa sakatta’aan bobbafamee ummata nagaa hiraarsaa ture Godina Harargee Lixaa Ona Daaroo Labuu, bakka Burqituu je’amtutti haleeluudhaan 3 ajjeesee kanneen biro 4 ol madeessuu ajajni WBO godina bahaa beeysisee jira.
Gootichi WBO haleellaa isaa itti fufuun guyyuma kana Godina Harargee Lixaa bakka Fullaa Gaangee je’amtutti loltoota wayyaanee haleelee 3 yeroo ajjeessu 5 ol madeesseera. Lola kana irratti meeshaalen waraana fi biro diina irraa booji’amuun dantaa QBOf oolfamus ajajni WBO Godina Bahaa hubachiisee jira.
Loltoonni wayyaanee haleellaa WBO irraa lubbuun hafan baqatanii gargara akka faca’anis beekun dandahamee jira.
Dhiheenya kanas WBOn Godina Bahaa Harargee Lixaa fi Baalee keessa sossohu tarkaanfii loltoota wayyaanee irratti fudhateen kasaaraa guddaa oggaa irraan gahu ajajaa humna miliishaa tokkos booji’uun ni yaadatama.
MOA
|