(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 16, 2010) Gootichi WBO Godina Bahaa Harargee dhihaa keessa sossohu gaafa Amajjii 10,2010 waraana wayyaanee ummata hiraarsuu fi saamuuf bobbahe Ona Daaroo Labuu araddaa Raphee naannnoo ganda 26 jedhamee waamamutti haleeluun 3 yeroo irraa ajjeesu 5 madeessuu isaa ajaji WBO Godina Bahaa beeksise.
Lola kana irratti meeshaaleen adda addaa diina irraa kan booji’aman oggaa ta’u, loltootni wayyaanee hafan faffaca’anii baqaan akka baqatanis gabaafameera.
Haaluma wal fakkaatuun WBOn Godina Baalee keessa sossohu miliishota wayyaanee maqaa WBO deggertu jedhuun ummata dararuu fi sakattaaf bobbahe haleeluun kasaaraa guddaa oggaa irraan gahu ajajaa humnichaa Commander Ziyaad Ahmed jedhamu irraa booji’uu oduun tarkaanfii waraanaa nu dhaqqabe ni ibsa.
Tarkaanfiin waraana wayyaanee fi lukkeelee isaa irratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uus WBO beeksisee jira.
MOA