(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 24, 2010) Gootichi WBO Godina Bahaa Harargee Dhihaa keessa sossohu waraana wayyaanee sochii isaa ugguruuf itti bobbahe of irraa haleeluun loltoota diinaa 145 ol hojiin ala gochuu ajaji WBO Godina Bahaa beeksise. Mootummaan wayyaanee sochii WBO Godina Bahaa tohachuu fi filmaatni isaa naannicha keessatti akka hin gufanne gochuuf duula waraanaa bal’aa jalqaba ji’a kanaa irraa qabee WBO Godina Bahaa, Harargee Dhihaa irratti kan banee jiru oggaa ta’u, WBOn murannoon dura dhaabbatee of irraa ittisuun Bitootessa 10 hanga 21,2010 gidduutti loloota bakka adda addaatti ta’een loltoota wayyaanee 108 ajjeesee, 37 ol madoo taasisee jira. Bitootessa 10,2010 Ona Daaroo Labuu bakka Sakattee jedhamutti lola jabaa waraana wayyaanee fi WBO gidduutti ta’een WBOn diina irraa 52 ajjeesuun 33 ol oggaa madeessu, meeshaalee waraanaa adda addaa, rasaasaa fi qabeenya baay’ee booji’uun dantaa QBOf akka oolche ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera. Ona Baddeessaa bakka Saaqataa jedhamutti, akkasumas Ona Bookee bakkoota Haroo Adii fi Araara jedhamanitti loloota waraana wayyaanee fi WBO gidduutti ta’een diina irraa walumatti 56 ol yeroo ajjeefaman hedduun baay’een madeeffamaniiru. Qawweeleenis booji’amanii jiran. Mootummaan wayyaanee sochii WBO Godina Bahaa to’achuuf ijibbaata godhaa jiraatu illee, yaaliin isaa kun gootummaa WBOn duraa fashalaa akka jiru ajaji WBO Godina Bahaa ifa godheera. Mootummaan wayyaanee guutummaa Dhiha Harargee keessatti WBO deggertanii fi gargaartan jechuun duula hidhaa fi saamichaa babal’isu illee, ummatni tarkaanfii boonsaa WBOn diina irratti fudhataa jirutti gammaduun caalaatti deggersa WBOf godhu jabeessuunis barameera. Ummata nagaa irratti haloo bahuun hojii isaa kan ta’e mootummaan wayyaanee Onoota Galamsoo, Waaccuu fi Bookee keessaa namoota nagaa hidhaatti guuraa jira. Magaalaa Waaccuu keessaa ilmaan Oromoo Kenedii Abbuyyee, Ayyalaa Tagany, Yaasin Kadir, Siisaay Taakkaluu fi Daammanaa jedhaman WBO gargaartu jechuun hidhuun isaas barameera. Gama biraan naannoo Bookee Xiqqaa keessaa wayyaanee irraa maallaqa guddaa fudhachuun hordofsiisaa fi ummata naannootti roorrisiisaa jiru Hamzaa Mohaammad jedhamu ammaa fi ammatti hojii diinummaa itti jiru irraa akka dhaabbatu WBOn akeekkachiiseera. Lukkeen kun obboleessa isaa Ahmadoo Mohaammad jedhamu WBO gargaara jechuun hiisisee akka jirus ifa ta’eera.
MOA