Ummatni Oromoo harki guddaan qonnaan jiraata. Waan qonnaan jiraatuuf imaammatni qabiyyee lafaa jireenya Oromoo kallachaan tuqa. Imaammati waa’ee lafaa yoo sirritti tumame jireenya ummata Oromoo fooyyeessuu danda’a. Yookan jireenya isaa miidhee hiyyumaa fi gadadummaatti itti fiduu danda’a. Kanaaf imaammati waa’ee qabiyyee lafaa ummata Oromoo biratti guddaa qirqirfachiisaa (Sensitive) dha.
Warri Habashaa yeroo Oromiyaatti duulanii qabatan dura kan isaan godhan lafa ummata Oromoo fudhachuu dha. Sirni qabiyyee lafaa naannoolee humnaan cabsanii qabatanii “Gabbaar Mareet” ykn laga gabroome jedhamee beekama. Lafa Oromoo erga fudhatanii “Rista Gulti, Ixaan mareet fi siisoo” jedhani bakka saditti qooda. Rista gulti lafa gabroonfattootatin qabamee dha. Ixaan mareet lafa bataskaana aangoo isaanii tiksuuf qabanii dha. Siisoon lafa harka sadee kan namoota isaaniif amanamoo ta’aniif kennanii dha. Sirni qabiyyee lafaa kun haga gaaffii barattooti Oromoo fi sabooti cunqurfamoo lafti qotataaf daabboon kan beelaheef “Meret Larashu, Dabbo Leterabew” jedhu kaasanii fi Dargiinis yaada kana fudhatee labsiidhaan qabeenya abbaa lafaa fi lafa gabroome kaasutti mootummaan Itophiyaa dhimma itti bahaa ture. Jireenyi ummata keenyaa sirna kana jalatti jireenya gadoo fi gad-aantii keessa ture.
Labsii lafaa kan Dargiin osoo hin jaallatin baase ummata keenya harqoota abbootii lafaa jalaa bilisa haa baasu malee jireenya ummata keenyaa wayyeessuu hin dandeenye. Dargiin lafti kan mootummaatti waan jedheef lafa Oromoon lafa isaatti ajajuuf mirga itti hin qabu. Dargii akka barbaade ummata bakka biraa irraa buqqisee fidee lafa Oromoo irra qubachiisaa ture. Oromoon osoo lafa qabuu itti ajajuu dadhabe.
Addi Bilisummaa Oromoo haala qabiyyee lafa Oromoo irratti qormaata guddaa godhuun sagantaa siyaasaa isaa keessatti imaammata ifaa tumee jira. Sagantaa ABO kan 1976 ragga’ee, bara 1998 Kora Sabaa Hatattaamaan wayyaawe irratti qabxii qabiyyee lafaa kana ilaachisee “Lafti Oromiyaa kan ummata Oromoo ti.” Jedha. Sagantaa siyaasaa bara kora sabaa 3ffaa ABO kan bara 2004 irrattis “Lafti, qabeenyi uumamaa fi kan biraa, inni lafarraa akkasumas lafa-keessaa hundumtuu qabeenya gamtaa ummata Oromiyaa ti. Akkaataa ittiin tajaajilaman murteessuuf ummatichi aangoo ol’aanaa qaba. Dhimmaa fi dantaa dhaloota ammaati fi kan hegeree ilaaluu dhaan, akkaataa qabeenya isaatti dhimma bahamu ummatichatu sirnaan murteessa. Seerri akkaataa qabaatuu fi dhimma bahiinsa lafaa namoota seeraatii fi manguddoota hawaasaatin aadaa naannoo fi fardoomina dinagdee ilaalcha keessa galchuun murtaawa. Jedha.
ABO sirna dhimma bahiinsa lafaa hundeen dimokraatawaa ta’e hojii irra oolcha. Jechooti gabaabaan kun dhibdee lafaa ummata Oromoo ni hiika jedhamee itti amanama. Lafa Oromiyaatti kan ajajuu danda’u ummata Oromoo duwwaa dha. Kan isaaf ta’uu fi hin taane kan beeku ummaticha waan ta’eef lafa isaa irratti ajajuuf mirga guutuu kan qabu uummata Oromoo duwwaa dha.
Har’a mootummaan Wayyaanee maqaa Albuuda saamuun, maqaa investmentiin, lafa Oromoo biyyoota hedduuf Afrikaa irraa kaasee haga Awropa, Awropaa irraa haga Asiyaatti biyyoota arabaa dabalatee warra qabeenya qabna jedhanitti fknf Nigeriya, UK, Saudi, China, India … osoo ummatni Oromoo irra jiruu fi dantaa uummataa ilaalcha keessa hin galchiin abbootii maallaqaaf lafa Oromoo fi saboota cunqurfamoo gurguruun qe’ee isaani irraa buqqisaa jira. Lafti Oromoo hardha abbootii qabeenyaaf kennamu gochaa abbaa lafaa Oromootti deebisuu irraa kan adda baafamee ilaalamu miti. Biyyooti fi abbootiin qabeenyaa biyya alaa fi keessaa lafa uummata Oromoo irratti wal saamaa jiranis Oromoo jireenya isaa irraa buqisaa fi lafa dhablee isa gochaa jiru.
Addi Bilisummaa Oromoo haalli akkasii ummata Oromoo irra akka gahu tasa hin haayyamu. Har’a lafti bittaa fi gurgurtaaf banaa haa ta’u yoo jedhame ummata Oromoo irra miidhaan gahu guddaa dha. Ummatni keenya kaappitaala gahaa waan hin qabneef lafa isaa kan bitan humnoota alaa qabeenya qabanii fi namoota alagaa warra maallaqa qaban ta’a. Kun yoo ta’e Oromoon osoo irra jiruu lafti isaa gurguramee qe’ee isaa irraa buqqa’ee fi lafa dhablee ta’ee jiraata jechuu dha. Oromoon lafa isaa dhabuu jechuun ammoo biyya isaa dhabuu jechuu dha. Uummati lafa hin qabne bakka aadaa, afaan, seenaa, amantii, falaasamaa fi fedha siyaasa isaa irratti shaakalu dhabuun biyya dhablee ta’ee hafa jechuu dha.
Kanaaf Addi Bilisummaa Oromoo imaammata lafa ilaalchisee abbaan dhimmaa ummatni Oromoo akka murteessuuf mirga olaanaa akka qabaatu sagantaa isaa keessatti kan lafa kaa’eera. Sirni qabiyyee lafaa ABO ummata Oromoo akka hordofu hawwu lafti kan uummataa waan ta’eef akkaataa itti dhimma bahiinsa isaas kan murteessuu qabu uummata malee mootummaa miti, akkaataa itti dhimma bahiinsa isaas kan murteessuu uummata qofaa dha.
Miidhaa ulfaataa kan Oromoo biyya dhabsiisuu kana of irraa kaasuu kan danda'us ummata keenya itti roorrifamaa jiru qofaan akka tahe hubatamuu qaba. Ummatni yoo ka'e mootummaa kamuu jilbeenfachisuu danda'a. Kanaaf, mootummaa Wayyaanee of irraa darbachuuf ummatni keenya bahaa- dhihaa, kaabaa - kibbaa fi gidduu galeessa tarkaanfii qindaawaa fi wal fakkaataa, kan wal utubee humna waliif kennuu danda'u akka tahutti tarkaanfiileen fi diddaatti jabaachuu qaba.
Kanaaf, maadheeleen ABO haala jiru hubatanii tarkaanfiilee fudhatamuu qaban irratti ummata keenya, keessattuu dargaggoo Oromiyaa bakka hundaattii ijaaruu fi kakasuun irraa eegama. Ofii isaaniis godina, kutaa, konyaa, fi ona hundaa waliin gahuun tarkaanfiilee akkasii irraa qooda fudhachuus qaban. Tarkaanfiileen fudhataman warra lafa isaa bitanii Oromoo lafa dhabsiisaa jiran kana mormuun lafa isaa irraa akka hin buqqaane mormuu fi of irraa kaasuu fi wayyaaneen gochaa isaa biyya gurguruu kana akka dhaabdu dirquu dha.
Dhimmi gurgurtaa lafaa kun kan raawwataa jiru otoo uummata hin mariisiisiin fi akkaataa dantaa uummataa hin tiksine dha. Kunis tuffii wayyaanoti uummataaf qaban irraa ka’a. Tuffii fi murteessummaa uummataa wayyaanota hubachiisuuf karaan jiru diddaa fi mormii muldhisuu qofaa dha. Waan ta’eef Oromoon diddaa isaa fi gaaffii isaa jabeessee itti fufuu dalagaa godhachuu qaba. Kunis hojjettoota abbootii qabeenyaa lafa bitan fi qabeenya isaanii irrati takaanfii fudhachuun, daandii qunnamtii geejjebaa irra deeman ciruu, gaaffiilee Oromoon qabu kan hidhamtooti siyaasaa haa hiikaman, gaaffii mirgaa Oromoon finfinnee irratti qabu seeraan haa mirkanaahu, gaaffii Oromoon mirga hiree murteeffannaa isaa haa dhugoomsatu, Oromoon biyya isaa irratti abbaa biyyaa haa ta’u, gaaffiin bilisummaa, demokraasii fi mirga dhala namaa qabu Oromoof haa mirkanaahu jedhu irra deebihanii kaasuun akka biyyittii keessa hojiin saaminsaa, kan dantaa uummataa hin tiksinee fi haqa irraa fagaate raawwataa jiru addunyaatti hubachiifachuun wareegamaa kamuu baasuun dhaloota biyya dhablummaa irraa baraaruun hojii murteessaa fi kan yeroon gaafatu dha.
Sabboonaa Oromoo irraa
Injifannoo Ummata Oromoof!