Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

IBSAA EJJANNOO KONYAA ABO DENVER  FI HAWASAA OROMOO  COLORADO, USA.

Nutii miseensonnii ABO konyaa Denver fi hawaasnii oromoo Colorado ayyana dacha amajjii  (1) tokko  fi guyyaa seena qabessaa  guyyaa WBO   amajjii  1/ 2010 sirna owwaan  kabajannee . Wal gahiin kun akkuma aadaa oromotti eebba manguddon banamee. Dubartonnii fi dargoggonnii oromoo coloradoo qophii kana walaloo gootota oromoo bilisummaaf lubbu of kitimanii farsan dhiheessun qophii kana cululuqsanii jiran.

Ogaden kan magaala coloradoo keessatti argaman  akka dhaaba ONLF tti osoo hin tahin akka haawasatti  ayyanichaa irratti bal’inaan argamanii jiran. Hariiron  ABO fi  ONLF  qofaa irratti osoo  hin olin gadii buunee sadarkaa hawaasattii waan bilisummaa oromoo fi Ogaden shaffisiisu hunda irratti akka waliin  hojjannu murteeffanne. Bakka bu’oonnii  ONLF Ob/ Muhyaddin sheikh Abdii fi  Ob/ Hassan Turkii wal duraa duuba haala dhimma sabaa lamaanii irratti fi haala asitti waliin hojjachuu dendeenyyu iratti haasawanii jiran.

Qophii kana irrattii hoggannii ABO ol aanan argamuun haala seenaa ayyanichaa fi haala qabatamaa yaroo ammaa qabsoon oromoo irrattii argamtuu irratti hawaasa oromoof ibsaa bal’a kennee jira. D/ Taa’aan Konyaa Denver  ob/ Muhamed Aliyye sirna bareedaan wal gahii bane.  Gaafataman aadaa fi beeksisaa kutaa USA Billoo Garbii fi Ab/ Jarmayaa Konyaa DENVER ob/ Iliyaas Ahmed sirna wal gahichaa fi  bara moofaa dabree keessattii konyaan Denver fi hawasnii Oromoo Coloradoo mirgoota heddu gonfataniis ammallee karaan bilisummaa dheeraan fuula keenyaa duraa waan jiruuf yoom irraa illee caalaa harka wal qabannee qabsoo teenyaa akka finiinsuun irraatti ibsaa bal’aa wal duraa duubaan kennanii  jiran.

Heddun ummata Oromoo yaroo ammaa qabsoo adda bilisumma oromoo irraa eega,bilisumma ammoo Rabbi  (Waaqa) irraa eegaa jira.  Hallii kun kan qabsoo oromoo tan ummataa bal’aa oromoo malee fira biraa hin qabnee  gaadi’ee asiin gahee waan taheef  haala  kana gadii fageenyaan eega irratti mari’annee booda .  Injifannoon, jabinni ABO fi WBO akkasuma bilisumman sabas , dhiiga keenya, kiishaa keenya, fi lubbuu teenyaa alatti milkii eeguun abjuu dha.

Kanaaf nutii miseensotaa fi hawaasnii oromoo Colorado guyyaa ayyaana kana project  addaa kan guyyaa tokko waggatti  WBOf hujjannee galii guyyaa kana WBOn bakka jiruttii ayyaana kana akka itti ayyaaneffatu  godhuf murteffannee  jirra. Akka kanaan galii keenya kan guyyaa tokko  USA  $        galii qabsoo ABO goone. Yaalii miseensonni konyaa  Denver gooneen  sabbontonni oromoo  State adda addaa irratii hirmachifnee jirra. Fkn  New York, South Dakota, Teennessee fi   Minnesota  hammii tokko  nu waliin project  kana irraa qooda fudhatanii jiran. Bara dhufuttii hawaasnii biyya ambaa jiran hundii guyyaa kana akka addatti of qabanii WBO bira akka  dhaabbatan  gaafanna. Nutii gara keenyaan   galiin guyya tokko   WBO bara baraan  akka  olu   murteeffannee.

Dhuma irratti murtii fi ejjannoo armaan gadii dabarfanne jirra:

1. Ilmaan Oromoo kennen meeshaa diinaa taatanii  saba keessan  fixxan umrii diinaa dheressitan seena gantoota dabree xinxaltanii  galti keessaniis harkuma diinaa tahuu hubattanii yakka duguuggaa shanyii  M/EPRDF Saba oromoo fi sablammoota biyyichaa irratti raawwachaa jirtan irraa akka if daangeessitan isinif dhaamna.

2. Warreen diinaa kaayoo dhiiftanii moora oromoo keessa  deebitanii hayyota oromoo fi hogganoota irratti duultan amna dogoggoraa kana dhiiftanii duula keessan gara diinattii akka deebiftan wamichaa isiniif goona.

3.Dhuma irrattii  bara kana  bara duraa  irraa adda godhu qabna.  Kanaaf nuus  of jijjiirree akka ofiin feenuu  miti akka qabsoon nurraa feetutti qabsoof of qopheessinee  akka kaanu dhaammanna. Waluma galatti duulli bara kana mooraa oromoo keessaa gara mooraa diinatti akka jijjiramuu  jenna.

Gadaan gadaa bilisummati.

IUOf

Konyaa Denver Colorado.

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net