(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 10, 2010) Barattootni Oromoo lama Amajjii 05,2010 Yunversitii Hawaasaa irraa humnoota tikaa fi poolisoota Federaalaa wayyaaneen ukkaamfamanii eessa akka isaan buufaman hin baramin jira.
Barattootni kunis barataa Civil Enjenering waggaa 2ffaa kan ta’e Naggaa Gizawu fi barataa Managmentii waggaa 3ffaa Dhaabaa Giree kanneen jedhamanii dha. Amajjii 06,2010ttis poolisootnii fi humnootni tikaa sirna wayyaanee kunniin barataa co-oprative waggaa 2ffaa kan ta’e Jaatanii Waariyoo ukkaamsuun fudhatanii jiran.
Barattootni kunniin wayta ukkaamfaman reebichi ulfaataan kan isaan irratti raawwatame oggaa ta’u, haga ammaa eessa akka isaan buufaman hin baramin jira. Barattootni biroo hin baramin jiran ukkaamfamuu akka hin oolles maddeen keenya gabaasaniiru.
Sirni wayyaanee barattoota kana sababa tokkoon maleetti barmoota isaanii irraa qabee hidhaatti darbuun mirga barachuu ilmaan Oromoo qaban mulquu waan ta’eef, cal’isuun hin barbaachisu jechuun sabboontotni dhaamaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun Amajjii 1,2010 sabboonaan Oromoo Obbo Qinaaxii Abdiisaa jedhaman magaalaa Naqamtee keessaa poolisoota wayyaaneen qabamanii hidhaatti darbamuu isaanii maddeen keenya ifa godhaniiru.
Poolisootni wayyaanee mana Obbo Qinaaxii ofuma isaaniin dhoksaan shugguxii erga kaa’anii booda, mana keetti shugguxii argine; ABO waliin hidhata qabda ittiin jedhanii dharaan hojii yakkaa irratti raawwatan.
Wallagga Bahaa Ona Sibuu Sireetti ammoo ergamtootni wayyaanee maqaa qorannootiin namoota nagaa dararaa cimaa irraan gahaa akka jiran maddeen keenya gabaasaniiru.
********
Baqattoota Oromoo Kaaba Somaaliyaatti argaman irra ajjechaa fi dararaa suukanneessaan dhaqqabu akka malee itti himmaachuun gabaafame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 10,2010) Oduun nu dhaqqabe akka hubachiisutti hidhattootni puntlandii fi basaasotni wayyaanee wal ta’uun Amajjii 05,2010 irraa qabanii duula hidhaa, ajjechaa fi saamichaa baqattoota Oromoo Puntland magaalaa Bosaassoo fi naannoo jiraatan irratti geggeessaa jiran.
Haaluma kanaan haga ammaa magaalaa Bosaassoo keessaa baqattootni Oromoo 300 ol ta’an bal’eessaa tokko malee qabamanii hidhaatti darbamanii jiran. Namni Abdallaa Mahaammad jedhamu kana dura bal’eessaa tokko malee rasaasaan dhahamee qaamaa hir’ate kanneen amma hidhaman keessatti akka argamu maddeen keenya gabaasaniiru.
Baqattootni Oromoo hidhaman kunniin irra jireessi isaanii mootummaa wayyaaneef kennamaa akka jiran illee bira gahameera. Kanneen hidhaa fi lubbuu isaanii baafachuuf miliqanis wayyaaneetti dabarsanii kennuuf barbaachi ulfaataan geggeeffamaa jira.
Manneen baqattoota Oromoos hidhattoota Puntlandii fi basaasota wayyaanee dhoksaan socho’aniin sakatta’amaa jiraachuu kan ibsan maddeen, qabeenyi mana keessaa guutummaatti duraa saamamaa jiraachuus ifa godhu.
Somaliland keessattis dararaa ulfaataan baqattoota Oromoo irra gahu sadarkaa yaadchisaa irra gahuu isaa maddeen keenya ni hubachiisu. Dhiheenya kana baqataan Oromoo Yaasin Alii jedhamu hidhattoota Somalilandiin akka malee kan dhaanamee mataan bubburuquunis barameera.
Amajjii 02,2010 ammoo nama Abdulqaadir Mahammadamiin jedhamu ajjeesanii akka bakkeetti gatan bira gahameera. Nama Mahaammad Deeq jedhamus ajjeesuuf mana isaatti wayta itti dhaqan baqannaan rasaasaan akka madeessantu gabaafame.
Jaarmayaan dhimma baqattoota TM UNHCR haala ulfaataa baqattoota Oromoo Kaaba Somaaliyaa irra gahaa jiru to’achuu fi dhaabsisuuf homaa hojjechaa akka hin jirre kan hubachiisan baqattootni Oromoo kunniin, ilmaan Oromoo biyyoota ambaatti argaman qaamota addunyaa gara garaatti akka nuu iyyatan jechuun dhaamsa dabarfatanii jiru.
MOA
|