(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 21, 2010) Wayyaaneen guyyaa Hawaawi Oromoo Australia,Norway fi USA akkasumas Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) hiriira mormii godhchaa mootummaa Wayyaanee bahee adunyaatti saaxiletti maal na dhibdee fi tuffiin guyyuma hiriirri alaa deemu kanaa akkasumsas jibbaa akkaan hadhaawe Oromoof qabdu irraa kan ka'e Oromoota nama 7 irratti murtii du'aa fi hidhaa waggaa dheeraa fudhachuu MOA gabaasa. Akka kanaan Oromoota armaa gadii kana irratti dhadachi mana murtii federaalaa Wayyaanee gaafa Caamsaa 20,2010 ganama murtiin haqa irraa dabe Oromummaan yakkuun itt kennite keessaa maqaan isaanii:-
1. Dirribee Ettaanaa - Du'a 2. Degguu Ettaanaa - Du'a 3. Urgee Abebee- Du'a 4. Girmaa Raggaasaa- Umrii guutuu 5. Endalee Nagarii waggaa 10 6. Werkinesh Duubee- waggaa lamaaf qarshii 2000 7. Daniel Jaalataa- (kan dur du'e jiru) murtii du'aa
Addee Dirribee Ittaanaa fi Degguu Ittaana- Obbolawwani.kana irratti dabalees Urgee Ababeefi Girmaa Ragasaa abba manaafi haadha mana tahuun beekamaa dha.
Sabboontonni ilaamaan Oromoo guyyuu mana murtii wayyaanee keessatti haqaan ala hidhaa fi ajjeechaan irratti murtaawuun araada Wayyaanotaa tahee jira. Kana irrattis Oromoon biyya ambaa jiran biyyoota jiran mara keessatti hiriira nagaa bahuun mormii isaanii dhageessisaa akka jirans beekamaa dha .Akka kanaan gaafa Caamsaa 21, Washington DC,Australia, Adoolessa 20 Oslotti hiriirri duddaa hawaasa Oromoo ala jiruun tahee jira.
MOA