(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 6, 2010)Hawwaasni Oromoo baqattummaan biyya Ugaandaa jiraatan guyyaa Jimaataa Amajjii tokko bara 2010 sirna owwaafi gammachiisaa taheen ayyaaneffatee oole. Amajjiin tokko Oromoo biratti ayyaana dacha tahuun isaa beekamaa dha Kunis:
- Amajjii tokko akkuma hawwasa addunyaatti bara moofaa yeroo gaggeessu rakkinoota dabranfi miidhaa diinni Oromoofi cunqurfamtoota Impaayerittii keessa jiran irraan gahu yaadachaa, barra haaraa yeroo simatnu ammoo rakkinootaafi miidhaa bara dabre Oromoofi cunqurfamtooti keessa dabran bara keessaa baanu nuuf haagodhu, humnaafi qalbii waan kana ittiin dhugoomsinus nuuf haakennu kan jedhuun waaqa keenya kadhatnee bara haaraa simachuuf ayyaneffatne.
- Ba’aa gabrummaa ummatni Oromoo jaarraa tokkoo oliif baacha ture of-irraa buusuuf sabboontotni Oromoo guyyaa qawwee bilisummaa kaasan, guyyaa WBO ta’ee murtaawee baroota kurnan sadiif Oromoota biratti kabajamaa kan ture waan taheef guyyaan kun guyyaa seena qabeessa isa taasise.
Haaluma kanaan guyyaa kana yeroo kabajnu waan hawaasni keenyi biyya keessaa itti jiru yaadachuun ture, Kunis;
1. Uummatni Oromiyaa kan badhaase laggeen, biyyeen, qilleensi, haroowwanii fi kkfn faalamaa osoo jiranii,
2. Akkuma bara nafxanyaa ammas Oromoon lafa isaa irraa ariihamee abbootii qabeenyaa baahar gamaatti gurguramaa osoo jiruu,
3. Uummatni Oromoo lafa isaa irraa buqqa’ee miindaa gad aantii(kiraa) dhaan abbootii qabeenyaaf kulii dalagee jiraachuun dirqii itti tahee osoo jiruu, Kaan ammoo sanumayyuu dhabee lafa isaa irraa ariihamee hojii dhablee tahee hiyyummaaf saaxilamee kadhataa tahee ijoolee isaa fi maatiin isaa manca’aa osoo jiranii.
4. Bosonni Oromiyaa naatoo tokko malee ciramee lafa irraa dhabamee gubachaatti osoo jiruu,
5. Laggeen Oromiyaa kosii warshaa keessaa bahuu fi summii albuuda baasuuf dhimma itti bahaniin faalamaniin loon, bineensotni daggalaa, shimbirreenfi kkf dhumaa osoo jiranii,
6. Summaa’uu laggeeniifi qilleensaa irraa haadholiin(haawwan) keenya ilmeen garaatii osoo bahaa jiruu,
7. Qabeenyi Oromiyaa garaa laafina tokko malee saamamaa, ilmaan ishee hiyyumaafi gadadoof saaxilamanii jireenya du’a irra hin jirre osoo jiraachaa jiranii,
8. Uummatni Oromoo hidhamuu fi ariihatamuun jiruufi jireenya isaa tahee osoo jiruu,
9. Uummatni Oromoo biyyuma isaa keessatti mirga isaa sarbamee akka yakkamaatti caasaa tikaan waan tohatamuuf jireenyi itti hadhawwee jiraachaa osoo jiruu,
10. Yoo miseensa OPDO tahan malee qotanii galfachuun, daldalanii buufachuun, baratanii hojii argachuun, beekumsa qabaniin hojetanii of jiraachisuun sadarkaa hindanda’amnettiifi rakkinoota kana fakkatan hedduu keessa hawaasni keenyi osoo jiraachaa jiruuti ayyaana kana akka ayyaneffatnu beekamaa dha.
Rakkinootni hawaasni keenyiifi cunqurfamtooti biroo irra gahu kun kan dhaabbachuu danda’u hawaasni miidhaa jala jiru kun yoo humna tahee of irraa buusuuf ka’ee dhaabbate qofaa tahuun beekamaa dha. Kanaafis nuti hawaasni Oromoo Ugaandaa hawaasa Oromoo addunyaa kana irra jiru hundaaf dhaamsa armaan gadii kana goona.
- Gandaan, Amantiinii fi Gosaan wal qooduun diinaaf yoo tahe malee Oromoofis ta’e qabsoo bilisummaaf goonuuf waa hin bahu, kanaaf waan goonuu fi waan tolchinu hundaa irratti hubatnoo haaqabaatnu.
- Hawaasni Oromoo bakka jirutti, dhuunfaanis tahe murnaan qoqqodumsa Oromoo keessatti uumanii ulee diinaa warra tahan, qancarsuu qabsoo keenyaaf shoora ol-aanaa waan xabataniif fuuldura dhaabbachuun yeroon isaa amma jetna.
- Oromoon bakka fedhetti haadhalatu, haajiraatus hiree tokkicha qabaachuu hubatnee , hiree miidhaafi rakkinaa kana keessaa ittiin baanu falachuun dirqama sabummaa tahuu hubatamuu qaba.
- Oromoon dhiigaa lafeen tokko akka tahe nama hin mamsiisu rakkina sabaan nutti dhufe kana keessaa bahuuf tokkummaa yaadaa qabaachuun murteessaa dha. Haatahu malee tokkummaan qabaatamuu qabu kan makmaaksa ykn lallbaan yeroof dhufu osoo hin taane kan onnee irraa jaalala dhugaa sabboonummaan nama keessatti biqileen yoo tahe bu’aa xixiqqaan salphaatti diiguu fi sharafuun hin danda’amu, yoo akkasitti hin dhufiin garuu ‘manuma gogaa harreen ijaarame yoo waraabessi yuuse diigama’ jedhee Oromoon makmaaku sana nurraa taha. Kanaaf Oromoon tokkummaa lallabuun dura onnee isaa sabboonummaa dhugaan guutuu qaba, yoo sabboonummaan jiraate tokkummaan fagoo hin jiruu hubachuu qabna.
- Oromoon jiruu har’aa jiraachuuf jecha seenaa dabre faalleessee kan boruus karaa irraa jallisuuf maqaa gosa keessaa dhalatee balleessee kan biro xureessuu irraa of qusachuun boruuf tola. ‘Barri dabartu maqaa hin dabarre namarratti dhiiftee dabartii’ jedha Oromoon.
- Namni hunduu gaachana keenya guyyaa isaa ayyaneffatnu kana akka humna keenyaatti waan dandeenyuun akka bira dhaabbatnu waamicha goona.
Barri kun bara milkii, bara dhugaan itti mul’attuu fi bara hawwasni keenyi waan ofii irratti walii galee waliif dirmatu nuuf haagodhu.
MOA