Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ejjennoo Barattoota Oromoo Yuniversity Finfinnee

(Dhimma Yakka Seenaa Gantootaa fi Daldaltooti Siyaasaa Raawwatan Ilaalchisee!)



Seenaa Bilisummaa fi Walabummaa Uummattoota, Sabaafi Sab-lammoota garaa graa irraa huubachuun akkuma dandayamu; tasgabbiin, nagaan, badhaadhinnii fi qaroominni hardhaan tana itti jiran bu’aawwan qabsoo hadhaawaa mirga abbaa biyyummaa fi hiree murteeffannaa isaanii ittiin dhugoomfatan irraa kan maddan dha. Akkasumas, guddinaa fi dimokiraasummaa sirna siyaasaa, bulchiinssaa, diinagdee, hawwaasummaa, seeraa fi heeraa isaaniifis  bu’uura kan tahe injjifannoo qabsoo ittiin eenyummaa fi birmadummaa isaanii addunyaatti mul’ifatan dha yoo jenne dogoggora miti. Akka fakkeenyatti; seenaa walabummaa Afrikaa kibbaa, Hindii, Israa’el, Amerikaa, Aljeeriyaa, Keeniyaa, Eritriyaa fi kkf yoo kan ilaallu tahe; qabsoon isaan godhan baay’ee hadhaawaa fi qormaanni itti heddumaate tahuu irra darbee gar-malee nuffisiisaa fi kan obsa dhala namaa qoru ta’uu seenaan muldhisa.

As irratti, hubachuun ka barbaachisu; jechi ”Qabsoo” jedhu kan inni bakka bu’uu danda’u: morkii, waldhaanssoo, mormii, fincila, ololaa, warraaqssaa fi sochiiwwan fakkaatan biroo Sabni tokko toftaawwan haalli siyaasaa yeroo eyyametti fayyadamuudhaan mirga dhala namaa, dimokraasii, Mirga Hiree Murteeffannaa fi Abbaa Biyyummaa isaa ykn Bilisummaa eenyummaa isaa fi Walabummaa dangaa quubsuma isaa kabajchisiifachuuf godhu dha. Kana jechuun, ”Qabsoon” kaayyoo fi bifa kanaan godhamu hagam tokko qormaataan kan guutame akka tahe xiinxaluun ni dandayama. ’Galiin” isaas dhugoomuu ka dandayu wareegamnni lubbuu, qabeenyaa, qaamaa, yaadaa ykn qalbii, dhiiga, lafee, himimmaanii fi dafqa yoo jiraate qofa dha. Karaa faallaadhaan ammoo, adeemsa qabsoo keessa gama Qabsaa’otaa fi Qondaaltota qabsichaan abdii muruun, wol harccaasuun, waldhabdeen, foxxoqinssii fi ganttummaan mudachuu ni mala. Gufuuwwan akkasii kunis, seenaa qabsoo biyyoota armaan oliitti ibsaman keessatti bal’inaan mul’achaa kan turan dha. Kana irraa hubachuu ka dandeenyu; Qabsoo keessatti Murannoo fi Obsi haal duree qabsa’aan kamuu guutuu(qabaachuu) qabu dha. Qabsa’aan tokko haqa qabsoo isaa galmaan gahuuf ykn dhalootaa dhalootatti dabarsuu ka danda’u yoo Murannoo Obsaan deeggarame qabate dha. Karaa gara biraan Obsaa fi Murannoo qofti gahoo miti; Hundaa-ol, Qabsoo tokko 'Qabsoo Dhugaa' ka jechisiisu yoo Qabsaa’onni qabsicha oofan wareegama barbaachisaa ta’e kaffaluuf qophaa’inaa fi gahumssa isaan irraa barbaadamu qabu tahe ykn qabaachuuf fedha qabaachuun heeraa fi seera dhaabichaa tiksanii tiksiisiisuun jarmayaa cimsan qofaa dha. Kun yoo hin taane Qabsoon godhamu kamuu hiika hin qabu; bu’aan isaas duwwaa taha. Ani Qabsa’aadha jedhanii afaaniin qofa odeessuun ofiin of gowwoomssuuu irra darbee haqa Saba ofii qisaasuu dha.

Gara ijoo dubbii bareeffamnni kun itti akeekametti yoo deebinu; haaluma seenaa qabsoo saboota gara garaa irraa adda hin taaneen, Uummatni Oromoos Mirga Hiree Murteeffannaa fi Abbaa Biyyummaa isaa dhugoomfachuuf hoogganssa ABO jalatti qabsoo isaa sadarkaa hardhaan kana irra jiruuf dhaqabsiisuu ka dandaye gufuuwwan jajjaboo hedduu dandamachuudhaan dha. Kana jechuun, qabsoon keenya sadarkaa hardha jiru irra gahuu kan dandaye Obsaa fi Murannoo cimaa Qabsaa’onni godhan irraa kan ka’e dha jechuun ni dandayama. Haa tahu malee, bara 2008 keessa Murni tokko waraanaa zoonii kibbaa/WBO kibbaa irraa foxxoqfachuu fi of labsuun  yaada gandummaa fi gosummaan sochii diree qabsoo Oromoo diiguu fi jeequu irratti qiyaafate gochaa akaa ture ni yaadatama. Gochaan akkasii kun yaada dhiphummaatiin kan oofamaa ture akkasumas Heeraa fi Seera Dhaabaa ka faallessu waan taheef, murni kun akka gara kaayyoo dhugaa qabsootti deebi’u yeroo gara garaa qaamolee qabsichaa adda addaan waamichi araaraa godhamaaf tureera. Garuu Murni kun mata jabina isaa irra kan ka’e waamicha kabajaa tuffachuudhaan haga yeroo taheetti sochii isaa itii fufuun isaa ni beekama. Adeemsa keessa, kallattii gara garaan Qabsaa’otaa fi Uummata irraa mormiin waan itti cimeef akkasumas kaayyoon qabatee ka’e eessayyuu akka isa hin geesifnne waan hubateef dhiyyoo kana (torbeewwan muraasa dura) Mootummaa Wayyaaneetti faayidaadhaan dabrsee of gurguruun isaa ni yaadatama. Murtiin Murni kun gareeddhaan fudhate yaada gantummaa, ayyaanlaallattummaa fi daboorummaa isaan qabsoo keessatti qabaachaa turan kan ifatti mul’ise dha.

Ejjennoon goobantummaa/Daboorummaa Murni kun fudhatan mammaaksa Oromoo “Yoo Bora’e Malee Hin Calalu” jedhuun kan sirriitti ibsamuu danda’u dha. Kana jechuun, jarri kun maqaaf qabsa’aa fakkaatanii Qabsoo Sabaa ugguruu irra diinummaa qaban ofumaa of saaxiluun isaanii Qabsoon keenyi daran qulqulinaan fuulduratti akka tarkaanfatu ni dandeesisa. Tahuyyuu, murni kun shira raawwateefis tahe kan raawwachaa jiruuf libsuu ijaafillee itti gaafatama seenaa jalaa miliquu akka hin dandeenye gamanumaan mirkaneesina. Hardhaan tana yerootti Oromoon damaqinssa cimaa fi tokkummaadhaan diina irratti qabsaa’aa jirutti bifa faallaa taheen ‘Murni’ jedhame kun Miidiyaa(sabquunnamttii) diinaatiin olola afaanfaajjessuu irratti xiyyeefate ofaa jiraachuun isaa mul’achaa jira. Uummatni Oromoo garuu olola kijibaa akkasiif hardhas tahe boru hin gowwomfamu. Gochaa gantummaa, yakka qabsoo Oromoo irratti raawwatanii fi daldala siyaasaa itti jiran irratti dammaqee jira.

Kanaaf, nuti Sabboontonni Barattoota Oromoo Yunbarsitii Finfinnee kan Tokkummaa Barattoota Oromoo Yuniversity Finfinnee jalatti ijaaramnee jirru kan jennu yoo jiraate Gartuun/Murni kun badii raawwachaa tureefis tahe kan ammaan tana itti jiru cufaaf yoo itti gaafatama seenaa jalaa of baasuu fedhe hatattamaan gara daandii dhugaa Qabsoo Saba isaatti deebi’ee badii qabsoo Oromoo irraan gaheef akka dhiifama gaafatuu fi bu’aa qabsoon wareega guddaan argamte kana akka dura hin dhaabbatne maqaa wareegamtoota Oromoo Qabsoo Oromoo irratti wareegaman hundaan hawwii qabnu gamanumaan beeksifna. Garuu, yoo olola diinummaa gaggeessaa jiran  itti fufu tahe nuti gama keenyaan sochii isaan godhan hunda kallattii kamiinuu dura dhaabbachuuf akkasumas adeemsa isaan godhan fashaleessuuf qophii dha.


Ejjennoo Keenya!

Walumaa galatti, olola kijibaa fi diinummaa gantootni kun si’a kana Qabsoo Oromoo irratti geggeessaa jirn cimsinee ni balaaleffanna. Shira isaanii kana ilaalchisee akkasumas Qabsoo Oromoo ABOdhaan hoogganamu irratti ejjennoo qabnu akka armaan gadiitti beeksifanna:

Shira gantoonni harka diinaa dahoo godhatanii rawwachaa jiran ni fashaleesina; kana gochuufis gahumsa qabnu hojiin ni mul’isna!

Dhaaba ABO jalatti hiriiruudhaan qajeelfama barbaachisaa tahe fudhannee hojii irra oolchuuf qophii tahuu keenya irra deebinee ni mirkaneesina!

Daandiin haqaa tokkichi Oromoon mirga hiree murteeffannaa fi abba biyyummaa isaa itti mirkaneeffachuu dandayu ABO qofa tahuu isaa shakkii tokko malee itti amanna. Kanaaf, kallattii barbaachisaa tahe hundaan sirna gabroomsituu Wayyaanee of irraa fonqqolchuuf
tokkummaadhaan kaanee jirra! ABO akka diinni odeessu otoo hin taane hin taane tokkicha kan seeraa fi heera dhaabaa qabatee waliin jiru fi qabsootti jiru dha!

Sochii Uummatni keenya sirna wayyaanee irratti gochaa jiru cufa dura bu’uudhaan ni tumsina. Haga kaayyoon qabsoo keenyaa galma gahutti qabsoo irraa duubatti hin deebinu; Qabsoo fi Ejjennoon keenya yeroo kamuu caalaatti itti fufa!

OPDOn jala deemtuu Wayyaanotaa fi lukkee Sirna warra Habashootaa tahuudhaan gochaa shororkeessummaa Oromoo dhabamsiisuu irratti xiyyefate fi shira saamichaa qabeenya  Oromoo irratti raawwachaa jirtu hatattamaan dhaabuu akka qabdu akeekkachisna!

Dargaggoonnii fi Dardaroonni Oromoo, keesumattuu Barattoonni Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi Ol-aanaa irra jiran faayidaa yeroof jecha haqa eenyummaa isaanii diinaaf dabarsanii kennuu hin qaban. As irratti, hardha  Oromoon diinummaa OPDO caalaatti mirkaneefatee kaayyoo Qabsoo isaa dhugoomfachuuf ABO jalatti hiriiruudhaan wareegama barbaachisaa tahe yerootti gumaachuu qabu akka tahe dhaamna!


**<.>**


Tokkummaa Barattoota Oromoo Yuunvarsitii Finfinnee.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Guraandhala 2010.

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net