( Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 17, 2010) Sochii barattootni Oromoo fi ummatni keenya Godina Gujii fi Booranaa godhan waan deggerreef, akkasumas Ayyaana Amajjii waan kabajanneef duulli ukkaamsanii bal’eessuu, hidhuu fi dararuu mootummaan nu irratti banamee jira kan jedhan barattootni Oromoo Yunversitii Hawaasaa, ummatni keenya kan keessaa fi alaa miidhaa nu irra gahaa jiru hambisuuf dirmannaa lammummaa nuuf haa godhu jedhaniiru.
Yunversiticha keessaa ilmaan Oromoo ukkaamfamanii fudhatamaa jiraachuu kan ibsan barattootni Oromoo Yunversitii Hawaasaa, hawaasni Oromoo biyyoota ambaatti argaman dhaabbattoota mirga dhala namaa kan akka Amnesty International, Human Rights Watch, Red Cross fi kkftti iyyatuun barattoota ukkaamfaman lubbuu isaanii baraaruuf akka socho’an waamicha godhaniiru.
Gochaa hammeenyaa kana kan qindeessanii fi nu irratti raawwachiisaa jiran bulchiinsa Yunversitii Hawaasaa, bulchiinsa magaalaa Hawaasaa fi mootummaa lukkee naannoo Oromiyaa ta’uu kan ibsan barattootni kunniin, lammiiwwan keenya alatti argaman walabummaa yaada ofii ibsachuu qabanitti gargaaramuun miidiyaalee adda addaa irratti gocha hammeenyaa Oromummaa keenya irratti dalagamaa jiru akka saaxilan gaafanna jedhaniiru.
MOA