Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oromootni biyya Netherlands jiraatan mirgi uummata Oromoo  akka kabajamu gaafatani, caffee mootummaa Netherlandiitti qaamaan dhiyyaachuun ibsa eejetnoo gamtaan baafatan keennatani jiru.

The Hague, Mudde 10/12/09
.
Kuni kan gaafatame guyyaa mirgi dhala namaa guutuu addunyaa itti yaadatamee oolu deeggaruuf Workshop mudee  09/1209  taa’mee irratti  fi hiriira ngayaa Mudde 10 bara 2009 biyya Netherlands magaalaa  Den Haag ,The Hague keessatti bahani  irratti ture.

Workshop kanaa fi hiriira nagaa kana kan qopheesse dhabata UNPO/Unrepresented Nations and Peoples Organization/ ykn/ Dhaaba ummata fi biyyaa sagalee hin qabneef falmuu/ dha.

Hiriira  nagaa kana irratti kan argaman Afrikaa dabalatee gutummaa addunyaa irraa Saboota  adda addaa  gara 30 ol taéen hogguu taú ,kan mirgi isaanni sarbame sagaleen isaanni awwaalame  cuuftuu  walitti bahannii sagalee mormii  isaanni tokkummaan  dhaggeessisaa olanniru.

Mata duree sagaleen uummata bakka buúmsa hin qabnee haa dhagahamu jedhuun dhaabbati  UNPOn  kan qindaahe hiriiri kun ,uumata, sabaa fi sablammoota biyya isaanii keessatii mirgi isaanii sarbamee  akka kabajamuufii sagalee tokkoon mootummaan Netherlands gaafataniiru.

Oromootni biyya Netherlandii fi biyya Belgium keessa jiraatan hiriira kana irratti argamanii sagalee uummata Oromoo mootummaa wayyaneetiin dhawwaalamee jiru akka dhagaahamuuf qooda gumaachan guddaa ture.

Hirriira kana irratti  sabootni akka Oromoo  rakkina biyya isaanii keessatti qaban walitti dhufuun gaggeeffame kuni  namoota 1000 ol-irratti  kan  hirmaachise yoggu taú dhaamsa cimaas mootumaa Dutch itti dabarfataniru.

Hiriirri  akka lakkofsa biyya Nezerlanditti  sa'aa booda  2:00 irrattii  bakka mana murtii seera aadunyaa hanga teessuma caffee mootummaa Netherlands itti deemuun moormii motummaan wayyaanee dhiittaa mirga ummata Oromoo fi mancahinsa saba Oromoo iraatti raawwataa jiru mootummaan Dutch akka beekuu fi dhiibbaa barbaachisu akka irratti  godhu gaafatameera.

Dhumma hiriira kanaa irrattis  Biyya Oromiyyaa irraa dabalatee namootni 30n biyyoota adda adda iraa bakka  buánii  dhaabbata UNPO waliin gara caffee mootumaa biyya Netherlands seenuun ibsa baláa caffeef kennuudhaan, mootummaan Dutch kabaja mirga uummatattota biyya isaanii keessatti sarbamee jiruf akka qaqqabuu qabuu fi tarkaanfii fudhachu malu irratti barreeffamaa fi qaamaan  dhiheessameera.

Bakka buutuun UNPO fi qindeessituu hiriirichaa kan taan Ms Maggie  caffee mootummaa Netherlandiif  kan dhihaate yaadni furmaataa fi ibsi eejetnoo, kan sagalee Oromoo dhageessisee fi biyaa haaraa Oromiyaa jedhamtu akka jirtu kan hubachiise turee fi bakka bu'aan caffee Dutchis  waaée Oromoo fi  Oromiyaa jala buánii hordofuu akka barbadani waadaa galuu dhaan, nama dhiimicha abbummaan isaan quba qabsiisu  bakka buusifatanii jirani.

Dhumma irrattiis bakka buutuun UNPO Ms maggie  yoommuu yaada isaanni guddunfan Sagaleen fedhiin ummatoota bakka buáa hin qabne dhagahamuun akkaan barbaachisaa ta'u isaa eeranii, Fakkeenyaaf ummani Oromiyyaa akka yadda isaanni ibsatannii fi  heyyama argachuun sagalee isaanni dhaggeessisu qabu jedhaniru. Ummatni Oromiyyaa keessaa dararamaa jira akkasumas uummati  addunyaa ,  kanaaf  dacha dachaan hojannee rakkkolee kana dhabamsiisu qabna  jedhani jiran.

Hiriira kana irratti Oromoon huccuu aadaa Oromoon faayamanii argaman waan ta’eef, hiriira sana keessatti eenyummaan Oromoo caalatti akka mul’atu taasiseera. Namoota hirmaatan birattis aadaan Oromoo  akka hubatamuu fi baramu godheera. Itti dabaluun Hiriira kana irratti waaéen dhimma Oromoo eenyummaan alaabaa ABO gurra namootaa fi sabaa himaalee /media/gara garaa kan hawwatee oole ture.

Magaalaa The Hague kan maadheeffate dhaabbatni UNPO jedhu dhaabbata miti mootummaa ta'ee uummattoota sagaleen isaanii dhukkamsamee jiruuf bakka buée kan falmuufii dha.

Dhaabbatni kuni yeroo amma kana  ummata Oromoo dabalatee warreen mirgi isaanii sarbamee jiru  gara 54 ta'an ardii hunda irraa of-jalatti qabatee sochoáa kan jiru  ta'u isaa ibsamee jira.

Jaallan Workshop kan muddee 09/12/09 UNPOn qopheesse ilaalchisee gabaasa bal'aa qophesseen jira.


Injiffannoo Uummata Oromoof !
Gadaan Gadaa Bilisummaatti!

***
Gabaasaa Qinda'eef D/A/B/ Konyaa Nederlands irraa


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net