Oromoo fi Oromiyaa Melbournetti: "Oromoo fi Oromiyaa Baruuf Dirqiitti Oromiyaa deemuu hin barbaachisu"
MOA-Agarsiisi aadaa fi ayyaaneffatni Hawaasa Oromoo Australia magaalaa Melbourne keessatti sirna miidhagaa fi hedduus hawwataa taheen doa'atamaa ooluu isaa oduun torban kana Madda Oduu ABO (MOA) dhaqqabe ibsee jira. Akka oduun MOA dhaqqabe kun ibsetti walakeessaa magaalaa Melbourne bakka "Federation Square' jedhamutti hawaasni Oromoo dhibboota hedduun lakkaawwaman argamanii ayyaana kana sirna irra miidhagaa taheen kabajataa oolaniiru. Alaabaan Oromiyaa magaalaa keessatti guyyaa guutuu fannisamee balaliyaas ooleera.
Akeekni irra guddaan agarsiisaa fi ayyaaneffata bara 2009 kun hawwasni Australiyaa waa'ee Oromoo fi Oromiyaa baruuf gara Oromiyaa deemuun hin barbaachisu. Bakkuma jiranitti Oromoo fi Oromiyaan maal akka fakkaattu hawaasa magaalicha keessa jiraatan waliin wal barsiisuun ni danda'ama kan jedhu irraa ka'amee akka tahe maddi oduu kun ibsee jira. Akkuma akeekames hawaasni adda addaa, imaltootni biyyoota gara garaa irraa dhufanii Melbourneen do'ataa jiran hedduun Oromoo fi Oromiyaa waliin wal baruu danda'uu isaanii kan ragaa bahan hedduu tahuu maddi kun dabalee beeksise. Sirboota aadaa golee Oromiyaa hunda keessaa kan dhihaate irrattis namootni alagaa illee osoo hin hafin akkaan shubbisaa fi dhiichisaa akka oolan oduun nu dhaqqabe beeksissee jira.
Agarsiisi fi ayyaaneffatni Mudde 20 bara 2009 guyyaa guutuu magaalaa Melbourne keessatti sirna ho'aan kabajamaa oole kun itti fufa bara 2008 jalqabamee akka tahe odu-gabaasaan MOA ibsee, qaamota damee mootummaa keessaa dhimma bulchiinsa hawaasaan wal ilaalu haasaa jajjabinaa fi waan hawaasa kanaan dalagamaa jiru irraas gammachuu guddaan akka qabaatamaa jiru dhugoomsamee jiraachuu maddi oduu kun ibse.