(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 12,2009) Gabaasaan Sa’ud Arabiyaa irraa MOA dhaqqabe akka addeessutti miseensonni fi Jaarmiyaan tokkummaa Oromoo Waadi Dawaasa Ayyaana Arafaa sababaa godhachuudhaan dhimmoota QBO hogganummaa ABOtiin gaggeeffamu irratti marii bal’aa taassisaniiru.
Hirmaattoonni walgahii kanaa dhimmoota QBO irratti marii bal’aa erga gaggeessaniin booda WBO jabeessuuf kan oolu Riyaala Saa’udii 4825 gumaachanii, ibsa ijjannoo qabxiilee garaa garaa of keessaa qabus baafataniiru.
Haaluma wal fakkaatuun miseensonnii Adda Bilisummaa Oromoo fi Hawaasni Oromoo bal’aan magaalaa Riyaad jiraatan yaadannoo waggaa 4ffaa FDG sababeeffachuudhaan marii bal’aa gaggeessuun isaanii gabaafameera.
Walgahii kana dubartoonnii fi hawwan Oromoo bal’inaan qooda akka irraa fudhatanis odeessi nu gahe ni hubachiisa.
Waltajjii magaalaa Riyaad kana irratti caalbaasiileen garaa garaas kan dhihaatan oggaa tahu, gurgurtaa caalbaasii kanaa irraas galii argame waliin buusiin taasifame Riyaala Sa’udii 6760 tahuun beekameera.
Walumaagala waltajjiilee lamman kana irraa Riyaalli Saa’udii 11583 QBO hogganummaa ABOtiin gaggeeffamuuf galii tahuu isaa gabaasaan naannicha irraa nu dhaqqabe ni addeessa.
Ilmaan Oromoo kunniin tumsi isaan QBO tiif taassisan jabaatee kan itti fufu tahuus ibsa ijjannoo baafataniin mirkaneessaniiru.
******
Mootummaan Wayyaanee imaammata Oromoo mana hidhaatti naquu hordofu jabeessee itti fufuun Oromiyaa keessatti manneen hidhaa babal’isaa akka jiru MOAn gabaase.
(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 12,2009)Gabaasaan maddeen keenya nuun gahan akka addeessutti sirni Wayyaanee duula isaa waggoota dabranii kan Oromoo mana hidhaatti guuruu itti fufsiisuuf, ammas manneen hidhaa heddummeeffataa jira.
Bifa kanaan Galma Aadaa Magaalaa Buraayyuu kan ture amma gara mana hidhaa godina Addaa Oromiyaa jedhanii jijjiiruuf murteessuu isaanii maddeen keessa beekan gabaasaniiru.
Duulli mana hidhaa babal’isuu kunis sodaa filannoo bara 2010 gaggeessina jedhan irraa qabanii fi diddaa ummanni Oromoo agarsiisaa jiru irraa sodaa itti buleen tahuu maddeen keenya dabaluun gabaasan.
Ummanni Oromoo duula Wayyaaneen isa irratti gaggeessuuf saganteeffatee jiru kana dursee itti dammaquun qabsoo isaatti akka jabaachuu qabus dhaamameera.
MOA