(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 13,2009)Maddeen keenya baha Oromiyaa irraa akka gabaasanitti imaammata sanyummaa bu’uura godhate Oromoo barnoota irraa fageessuu kan hordofu sirni Wayyaanee TPLF godina Harargee Bahaa Dhangaggoo fi Dirre Dhawaa irraa barattoota Oromoo 145 ol barnoota isaanii irraa ari’eera.
Umar Muhaammadee, Yaasuun Abdallaa, Qaasiim Huseen, Fu’aad, Abdii Muhaammad, Jamaal Abdallaa fi Hamzaa Aliyyii barattoota Oromoo Oromummaadhaan yakkamanii barnoota irraa ari’aman keessaa kanneen maqaan isaanii yeroof nu gahee dha.
Barattoonni Oromoo kunniin barnoota irraa akka ari’aman kan taasise ergamaa Wayyaanee gaafatamaa mana barumsaa kan tahe Asaamminoo jedhamu akka tahe maddeen keenya dabaluun gabaasaniiru.
Kana malees kanaan dura naannichatti barnoonni tola barsiifamaa kan ture oggaa tahu yeroo ammaa kana barattoonni ji’atti qarshii 50 kafalanii akka baratan waan itti murtaaweef barattoonni hedduun barnoota addaan kutanii taa’uuf dirqamuu isaaniitu gabaafame.
Sab-boontonni Oromoo naannichaa gama isaaniitiin dhaamsa barattoota Oromoo fi ummata Oromoo maraaf dabarsaniin, sirna Wayyaanee TPLF Oromoo lafa irraa dhabamsiisuuf hojjataa jiru kana hundeen buqqisuuf QBO hogganummaa ABOtiin gaggeeffamu jalatti hiriiruun falmaa taasisan akka dachaan dabaluu qaban hubachiisan.
********
Guyyaa Sabaa fi Sab-lammootaa Wayyaaneen Lallabuun wal qabatee magaalonni baha Oromiyaa hidhattoota sirna Wayyaaneetiin goolamaa jirachuun ibsame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 13,2009)MOA akka gabaaseetti akka lakkoofsa Habashaatti Sadaasa 29 ni kabajama kan jedhamu guyyaa sabaa fi sab-lammootaa Wayyaaneen lallabaafii jiruun wal qabatee magaalaa Dirre Dhawaa dabalatee magaalonni naannawaa sana jiran hunkuramaa jiru.
Magaalaa Dirre Dhawaa keessatti namoonni sababaa beelaa fi hongeetiin qe’ee isaanii irraa buqqa’anii jireenya kadhattummaa irratti bobba’an Poolisoota Federaalaa sirna Wayyaaneetiin guuramanii manneen hidhaatti naqamuu isaaniitu gabaafame.
Haalli kadhattoota karaa irraa maqsuu kun ona Haramayaa magaalota Haramaayaa fi Awwadaay keessattis bal’inaan itti fufee jiraachuu gabaasaa nu gahe irraa beekuun danda’ameera.
Haaluma wal fakkaatuun magaalaa Harar keessattis keessummootatu qubata kan jedhuun namoota hiyyeeyyii karaa irraa guuruun manneen hidhaatti naqaa akka jiran oduun kun dabalee hubachiisa.
Hanga sagantaan guyyaa sabaa fi sab-lammootaa jedhamu kun raawwatutti kadhataan tokko karaa irratti akka hin mul’anne akeekkachiifni kan laatame oggaa tahu, kanneen karaa irratti argaman haala sukkanneessaan tumamaa kan jiran tahuutu gabaafame.
Kana malees seensaa fi baha magaalota kanneenii irratti sakattaan bal’aan adeemsifamaa jira.
MOA