(Madda Oduu ABO/MOA/Onkololessa 27,2009) Obbo Ballaxaa Ittaanaa dhaamsa dhihoo kana SBOf erganiin akka hubachiisanitti, cunqursaa fi roorroo mootummaan wayyaanee ummata Oromoo irraan gahu mormuun sirnichaaf tajaajiluu didanii biyya Ingilizitti koolu galtummaa gaafatuu beeysisan.
Miseensa paarlaamaa fi Itti`aanaa walitti qabaa koree Bulchiinsaa fi toohannoo baasii mootummaa mana maree bakka bu`oota Ummataa ka tahan Obbo Ballaxaa Ittaanaa Disaasaa, Godina Jimmaa Ona Limmuu Kossaatti dorgomuun moyatanii paarlamaaf filamuu isaanii addeessan
Sirna wayyaanee mormee biyya gadhiisee akkan bahu kan na dirqe gadi qabaa fi hacuuccaan ummata kiyya irra gahu hammaachuu dha kan jedhan Obbo Ballaxaan kana malees, biyyattii keessatti mirgi lammummaa fi dimokraasii kan hin kabajamne tahuu addeessan.
Seeraan ala ilmaan Oromoo akka hidhaman, ajjeefamanii fi gidirfaman kan ifa godhan Obbo Ballaxaa Ittaanaa roorroo akkasii jiru cal’isee ilaaluu hin dandeenye je’an. Malaanmaltummaan hoogganoota wayyaaneen maallaqa irratti godhamus daangaa kan hin qabne tahuus mirkaneessan.
Dhaggeeffattoota keenya Obbo Ballaxaa Ittaanaa waliin gaaffii fi deebii goonee isiniif dhiheessuuf kan yaallu ta’uu garanumaa isin beeksifna.
******
Godina Harargee Lixaa Ona Bookee keessaa Oromoonni Wayyaaneen qabaman 42 gara magaalaa Ciroo geeffamuun dararri irratti raawatame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Onkololessa 27,2009) Sabboontonni Oromoo kanneen, sababa ABO deggartuu fi WBO nyaachiftu je’uun yakkamanii wayyaanen kan qabaman yeroo tahu, wayta ammaa gara mana hidhaa Godina Harargee Dhihaa magaalaa Cirootti geeggafuun dararaan ulfaatan irratti raawwatamaa jira.
Haaluma kanaan tumiinsa hidhamtoota kanneen irra gaheen namoonni 6 yeroo ammaa du’aa fi jireenya jiddutti argamu. Keessattuu Sabboonaan Oromoo Ahmed Ibroo je’amu tumiinsa irra gaheen if wallaalee haal sodaachisaa keessatti akka argmuu dha maddeen kan gabaasan.
Ummanni Oromoo fi dhaaboleen mirga dhala namaaf falman marti hidhamtoota Oromoo kanneeniif akka darmatan Sabboontonni Oromoo dhaamsa dabarsanii jiru. |