(Madda Oduu ABO/MOA/01/11/2009) Korri 34ffaa TBOJ Onkoololessa 31 bara 2009 magaalaa Frankfurt Goethe Universitii keessatti geggeefame. Korri kun akka aadaa Oromoo itti eebba jaarsaan eegalame. Itti fufuun faaruun alaabaa Oromoo erga faarfatamee booda qabsaawota Oromoo qabsoo Bilisummaa Oromoof jecha wareegaman daqiiqaa xiqqoof yaadatame. Kana itti fufuun dura ta´aan TBOJ, J/Wayyeessaa Bobbaasaa, hirmaatotaa walgahii kanaaf tartiiba sagantaa walgayii erga ibsaniin booda J/Dr. Shugux Galataa , Miseensi Gumii Sabaa ABO fi Itti-gaafatamaan Birkii Diplomaasii ABO Godina awurophaa, akka seminaraa fi kora qophaahe kana bananif afeeraman.
J/Dr. Shugux Galataas seminaraa fi kora erga sirnaan bananii booda „Deemsa qabsoo bilisummaa Oromoo“ irratti barumsa ballaa kennanii jiru. Barumsa isaanii keessatti bu`aa ba`ii qabsoon bilisummaa Oromoo keessa darbe, injifannoolee galmaahanii fi akkasumas wareegama kanaaf kafalame eerani jiru. Itti fufuunis qabsoo bilisummaa Oromoo qabsoolee walfakkaatoo ummatooti biraan ardii Afrikaa fi Asia keessaa itti geggeefamaa turan walcina qabuun ibsanii jiru. Kana malees haala amma mootummaan Wayyaanee itti jiru, haala mormitoota siyasaa impaayera Itophiyaa, fi mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ilaalchisee ibsa quphasaa kennanii jiru. Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo angessuu fi tokkummaa qabsaawotaa fi saba Oromoo tiksuuf qabsoo hogganummaa ABO dhaan geggefamaa turee fi jiru ibsuun hirmaatoti hubannaa quphasaa akka argatan godhameera.
Ibsa J/Dr. Shugux Galataatti aansuun kan mata duree „ Qooda Baratoota Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti „ jedhu irratti barumsa kennan J/Dr. Mazgabuu Ifaati. J/Dr. Mazgabuunis ibsa isaanii keessatti Mootummoota Itophiyaa haga ammaatti jijjiirraa maqaa malee jijjiirraa sirnaa buqqaasa tahe kan mirga saboota impaayera Itophiyaa fi adda itti ammoo mirga saba Oromoo kabaju waan hin turreef sirnoota Itophiyaa keessa turanii fi jiran jijjiiru irratti adda durummaan qooda baratooti Oromoo qabachaa turanii fi jiran ibsaanii jiru. Baratooti Oromoo gaaffii mirga hiree murteeffannaa saba Oromoo kabachiisuuf wareegama isaan baasaan fakkii kennuun eeranii, keessumatti mootummaan TPLF humna waraanaa qofaa itti amanaa jiraatee kana irra itti qabsoo bilisummaa baratooti oromoo geggeessanii fi geggeessa jiran ballinaan ibsanii wereegama qaqqaalii barattooti Oromoo mana barumsaa irraa arihamuu, barnoota xummuru irraa qoqqobamuu, biyyaa harihamuu, hidhamanii murtii dabaan irratti jiguu, hidhamanii reebichaa fi dararama gara garaa irra gahuu irra darbee kan lubbuu isaanii wareegaan heedduu tahuu isaanii golee oromiyaa mara irraa fakkiilee kaasuun ibsanii jiru. Akkasumas qabsoo bilisummaa Oromoo kessa itti gaheen TBOJ hagam akka guddaa turee yaadachiisaniiru.
Ibsaa fi xinxala barnoota qabessa kanaan booda hirmaattooti koraa gaaffiilee fi yaada ijaaroo dhiheessuun mariin ballinaa fi haala mirqansaan geggefameera. Walumaa gala galmi walgahichaa hirmaatotaan guutuun isaa hunduu dhimma saba Oromoo yaaduu irratti akka xiyyeefate agarsiise.
Keessumatti yeroo ammaa yeroo itti motumaan TPLF ummata Oromoo irratti duula karaa hundumaa bantee jirtu kanatti tokkumaan kaanee sagalee barattoota Oromoo fi ummata Oromoo gara jaarmiyoota hawaasa adunyaa fi motumoota angawoo itti dhageesisuu jabinaan itti fufna jechuun saganteefataniru. Dhuma irratti barumsa keename fi marii geggeefame irratti hunadaahuudhaan murtii ejjennoo dabarfachuun korri 34ffaa TBOJ sirnaa fi milkiin xumurameera.
Onkoloolessa 31 bara 2009
Jarmanii, Frankfurt
MOA |