Tokkummaan Baratoota Oromoo Jarmanii (TBOJ) kora isaa 34ffaa Onkoloolessa 3 bara 2009 magalaa Frankfurtti geggefate jira.
Kori kun faaruu alaaba Oromo booda barumsaaf, Ibsa haala adeemsa qabsoo bilisummaa oromoo (QBO), bakka bu’aa ABO miseensa GS fi itti gaafatama ABO Godina Awuroppaa JAAL Dr Shugut Geleta dhaan akkasumas ,Qooda baratoota Oromoo adeemsa QBO keessatti Jaal/Dr Mezgebu Iffan keenname walin eega dhagefatan marii godhudhaan sagantan seminaara kana itti fufe jira.
Kana maales gabaasin rawwi hoji bara 2009 hirmatoota kora TBOJfi dhiyatte balinnan gamaggamame booda raggafamerra.
Koreen Hojjii Geggesitu gada itti aanuu filachuun booda ibsa ejjennoo arman gadii kana bafachuun kori 34ffaa milkii gariidhaan xumurame jira.
- Tokkummaan qabsoo fi tumssa qabsawataa dhuga fi kayoo irratti hunda’ee ni deggerra.
- QBO hirmana ummata oromoo fi ogganummaa ABO dhaan geggefamu ni deggara.
- Yakkoota dhitta mirga dhala nama hiriyaa hin qabinee, kan akka ajjeechaa, hidhaatti guruu, reebicha, gudeeddii ,qaama hirrissuu , ukkamisuun dhabamsisuu, aryaatamuu kkf motumman gabromfataa TPLF fin ummata Oromoo irratti geggefama jiru ni ballalefana.
- Ummatin Oromoo warregama lubu gummachuun qabsoo bilisummaa biyya isaa Oromiya keessatti gaggessa jiruuf haala hunda keessa QBO ABOn finissa jiruuf fininsuuf jiru angomsuuf waan qabsoon nu gaafatu hunda akka jabesinee itti fufinu ibsina.
- QBO Oganummaa ABO dhaan gaggefamaa jiru haala hundaa keessatti qabeenya qabnu maraan kan deggaru ta’uu keenya ni mirkanessina.
- Akkummaa sochi yeroo darbe motumman TPLF filannoo sobattin amma oli-antummmaa fi gabreffachummaa ummata Oromoo itti fufudhaaf akka filannoon isaa fixaan bahuuf sochii Oromo hidhuu, ajeesuuf ,dararuu argisissa jiru ni balaleefanna.
- Hawaasotiin adunyaa fi angoo qabeeyan adunyaa,motumma TPLF deggeruu dhisanii haqaa bilisummaa ,demokrasii mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo akka deggaran ni iyyannaa.
- Sababba jibaaf maqaa xureesuu ABO ttin jeqqumssa Wayyannen biyyooti ganfa Afrika irran gaha jirtu ni ballaleffanna.
- Beeli yeroo amma biyya Oromiyaa keessatti diriree ilman Oromo lubu baasa jiru rakkina fi dararrama motumman TPLF qaqqabsisitte ta’uu qamma ilaalu maaraaf ni beeksisnaa.
Gadan Gadaa Bilisummaatti!!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!!
""">.<"""
Kora Tokkummaa Baratoota Oromo Jarmanii(TBOJ)
Frankfurt –Germany
Onkoloolessa 31 bara 2009
|