Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ibsa fi Dhaamsa Tokkummaa Barattoota Oromoo Yuniversity Finfinnee

Hardhaan tana sabboonummaa fi enyummaan Oromoo dagagee sadarkaa sabaa irra gahuun isaa bu’aa  injifannoo qabsoo Oromoo ABOdhaan hoogganamu keessaa isa guddaa dha. kunis bu’a-bahii(adeemsa) qabsoo  waggoota dheeraaf godhameen kan ammas itti jiruun waan dhugoome dha. Oromummaan, Afaan Oromoodhaan dubbachuun ,ittiin barrachuun , barreessuu fi dubbisuun bu’aa qabsoo wareegama qaqqaalii hayyoonnii fi gootonni Oromoo lubbuu, dhiiga, qaama, yaada fi qabeenya isaaniin godhaniin kan mirkanaa’ee dha. Qabsoon Oromoon hardha mirga hiree murteeffanna fi abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffachuuf /dhugoomffachuuf gochaa jiru dhagaa bu’uuraa lafee gootota wareegamaniin  ijaarame, akkasumas dhiiga isaaniin sararamee kan hundeeffamedha. Osoo akka Goobanaa, akka ayyaanlallattootaa ykn akka yaada warra habashootaatiif tahe enyummaan keenya owwalamee hafa(bada) ture. Garuu, Oromummaan faallaa yaada(karoora) warra inaaftotaa fi diinotaa tahuun lalisee jira. Oromummaan haqa enyummaa Oromoo ti, Oromoon saba guddaa kabaja, safuu fi duudhaa mataa isaa qabu malee Gosa miti; Oromiyaan biyya dha malee Ganda miti.

ABOn jalaqabuma hundeefama isaa irraa kaasee tokkummaa saba Oromoo giddu-galeessa tolfatee(godhatee) kan ka’e dha. Dhaabni kun akka hoogganaa qabsoo Oromootti uummanni Oromoo sadarkaa dagaaginaa sabummaa irra akka gahuuf gumaacha guddaa godhee jira. Oromoon Oromummaa isaatti akka boonu, mirga hiree murteefannaa fi abbaa biyyummaa isaaf akka falmatu daandii haqaa tokkicha Oromoon kamuu beeku ABO qofa dha.

Haatahu malee, yeroo dhiyyoo asitti murnni maqaa’Jijjiirama’ jedhu qabatee Dhaaba irraa foxxoqe olola qabatama hin qabne oliif gad(biyya keessaa fi alatti) qabsoo Oromoo dhabamsiisuuf sochii gochaa akka jiru beekamaa dha. As irratti, ’Jijjiiramni’ qabsoo keenya caalaatti(daran) shaffeessuuf akka barbaachisu  Oromoon kamuu hubachuu qaba. Jijjiramni kunis kan inni nu fayyadu yoo galii kaayyoo qabsoo keenyaa kan dhugoomsu ta’e qofa dha. Tarsiimoon akkasii kunis bifa Dimokratawaa taheen akkasumas Heeraa fi Seera Dhaabaa irratti hundaa’uudhaan kan hojii irra oolu(raawwatamu) tahuu qaba. Gartuun(murnni) jedhame kun garuu daandii araaraa fi nagaa tuffachuudhaan mooraa(dirree) qabsoo keenyaa keessatti jeequmsa tokkummaa Oromoo diiguu irratti fuuleffate  uumaa jiraachuun isaa ol aantummaa Heera fi Seera Dhaabaaf tuffii akka qabu kan ifatti mul’isu dha. Kun ammoo yaada hiphummaa fi gandummaa irraa kan burqee tahuun isaa ifa. Ilaacha akkasiif Oromoon hardhaan tana gurra hin kennu; borus  tahu yaada booddessaa tokkummaa isaa diiguuf akeekame kamiifuu bakka(harka) hin kennu.

Hundumaafuu, murnni kun yoo dhuguma  gabrummaa Oromoof quuqa qaba tahe gara waltajjii nagaatti deebi’uu qaba. Nutis, maqaa hirbuu qabsootiin waamicha dhiyyesinaaf. ’Namni mana tokko ijaaru citaa wol hin saamu’ jedha Oromoon yeroo mammaaku. Kanaaf, nuti sabboontonni barattoota Oromoo Yuunbarsitii Finfinnee Gartuun/Murni kun akka gara daandii dhugaa qabsoo saba isaatti deebi’u maqaa qabsaa’ota Oromoo hundaan hawwii qabnu gamanuman beeksifanna. Garuu, qaamni kun yoo olola diinummaa qabsoo Oromoo irratti gaggeessaa jiru hatattamaan hin dhaabu tahe, nuti gama keenyaan sochii isaan godhan hunda kallattii kamiinu dura dhaabbachuuf ykn mormuuf qophii dha.

Waluma galatti, dhadannoo ‘Jijjiirama’ jedhu dahannoo godhachuun murnni sochii qabsoo Oromoo diigu irratti xiyyeeffate si’a kana gochaa jiru irratti hundaa’uun ejjennoo keenya dhageesifachuuf(ibsachuuf) dhaamsa qabxii shan qabu akka armaan gadiitti saba Oromoo maraaf dabarffanna:

 

1. Ummatni Oromoo yeroo kamuu caalaatti tokkummaa isaa ciminaan tikffachuu qaba.

2. Barattoonni Oromoo sadarkaa barnootaa hundaa irra jiran, keesumattuu kanneen manneen barnootaa sadarkaa olaanaa keessa jiran faayidaa yerootiif jecha tarsiimoo gantummaa(diinummaa) OPDOtiif gowwoomfamuu hin qaban.

3. Hayyoonni Oromoo bakka jiran maratti waa’ee tokkummaa, seenaa, aadaa fi amantii Oromoo irratti qo’annoo gaggeessuu qaban; dhaloota boruuf seenaa dhugaa ol kaahuu qabu; tokkummaa Oromoo walttajjii argame hunda irratti faarsuu qabu; hundumaa olitti dhimma bilisummaa irratti hojjachuu qabu.

4. Oromoon yeroo kamuu caalaa gabrummaa hammayyoomeen dararamaa jira. kanaaf, Oromoonni mooraa diinaa keessaa bahanii mooraa qabsoo saba isanii gabbisuutti akka deebi’an dhamna.

5. FDG Oromoon itti jiru haala yeroo(haala siyaasa yeroo ammaa) jiruun dagatamuu hin qabu; kana hubachuun; sabni Oromoo keesumattuu  barattoonni bakka jiru cufatti wol ijaaree diina irratti duuluu qaba.

 

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Tokkummaa Barattoota Oromoo Yuunbarsitii Finfinnee   


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net