Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Guyyaan Mirga Dhala Nama Sadarkaa Addunyaa: Gabaasa Work shop fi Hiriira nagaa


 
Guyyaan Mirga dhala nama sadarkaa addunyaatti  gaafa muddee 10/12/09 kabajamee ooleera. Addatti ammo biyya Netherlands magalaa Hague tti xiyyeeffannoon guddaan itti keenamuun guyyoota  lamaaf  muddee
(9-10/12/2009) Workshop bal'aa fi hiriira nagaa godhachuun  kabajame  ole jira. Kunis ayyana bakka kanatti kabajamee adda durummaan UNPO (Unrepresented Nations and Peoples Organization) dhaaba biyyootaa fi saboota sagalee hin qabneef dhaabatee fi wahillan isaa GHRD fi DeBrug qophaahuu isaa ti. Dhaaboti kanneen biroon dhimma adda addaa irratti hojjettan hedduunis ayyana kana irratti hirmaatan hedduu turan.
 
Oromoon akka miseensa UNPO tti sagantaa kana  irratti qooda guddaa  qabaataa ture. Addatti ammo miseensotnii fi deegartooti ABO biiyya Netherlands keesa jiranii fi Belgium keessa jiran  adda durummaan Sagantaa kana irratti hirmaanna guddaa godhaniiru.

Hiriira kana irratti Oromoon huccuu aadaa Oromoon faayamanii argaman waan ta’eef, hiriira sana keessatti eenyummaan Oromoo caalatti akka mul’atu taasiseera. Namoota hirmaatan birattis aadaan Oromoo  akka hubatamuu fi baramu godheera. Itti dabaluun Hiriira kana irratti waaéen dhimma Oromoo eenyummaan alaabaa ABO gurra namootaa fi sabaa himaalee /media/gara garaa kan hawwatee oole ture.

 
Workshop gaafa 09/12/ 2009 sa'aa 10:00 irratti eegalamee, gaafatamtuun UNPO Aadde Maggie n haasawa baniinsaa hoggu godhannitti UNPOn uummatoota sagaleen isaanni awwalameef hogguu falmu gammachuu guddaan akka isaannitti dhagahamu ibsaniru ,  Guyyaa kana Oromiyaa  dabalatee biyyooti bakka bu’ummaa hin qabne jedhaman 30 olii fi sabooti  sagalee hin qabnee hedduun hirmaataniiru. Sabooti kanneen ardii Afrikaa( Oromoo, Somalee, Angoolaa), Eeshiyaa, Latiin Ameerikaa, Awustraliyaa (Abborjin) kanneen jedhaman workshop kana irratti  argamaniiru.

Guyyoota kana lamaan keessatti sagantaan adda addaa walduraa duubaan deemaa turan. Maree fi qorannoon dhimmoota qabaa mirga dhala namaa, fayyadama uumama naannoo, olaantummaa seeraa fi kanneen biroo irratti dhihataniiru. Hirmaattoti Oromoo mare kana irratti waraqaa qorannoo dhiheessuun haala miidhaa mootummaan Wayyanee ummataa fi biyya Oromoo irraan gahaa jiru hirmaatotii fi hawaasi addunyaa akka hubannoo argatan taasisaniiru. Mataa dureelee armaan gadii kanneen Hirmaatoti Oromoo irratti dhiheessan keessati.
 

  1. Haala qabaa mirgaa dhalaa namaa irratti

 
Mata duree kana irratti dhaabileen mirga namaaf falaman kan  barruu qorannoo dhiheessan ni turan. Isaan kana waliin haala dhittaa mirga dhalaa namaa saba Oromoo irraatti deemaa jiru irratti ibsa bal’aa kan keennaan J/Dammaqaa Nagaasaa fi  J/ Maatiwoos Bayyanaa Netherlands irra turan. Ibsa kana irraa kan ka’ee namooti hedduun haala Oromoo fi oromiyaa baruu akka barbaadan himanii dhimma Oromoo irratti garafuulduraaf akka waliin hojjetan dhaammatan. Oroomoon dhimma kana irratti qorannoo dhiheessan mootummaan Netherlands mootummaa wayyanee irratti dhiibba gochuu qabuu heeraniiru. Waan akka furmaataatii heeraman keessaa:
 

  • a) Mootummaan wayyanee namoota mirga dhala namaa irratti yakka hojjetan akka seeratti dhiheessu;
  • b) Hawaasi Idla addunyaa mootumma Itoophiyaa akka mirga dhala namaaf kabajaa qabatuuf dhibba gochuun;
  • c) Mirgii dhala namaa akka dagaguu fi hawaasi addunyaa gargaarsa barbaachisu dhaabilee hawaasaaf akka godhu kan jedhu turan
     
  1. Nama daldaluu (human trafficking)

 
Mataa duree kana irratti dhimichi hedduun dhimma irra guddaa Aworoopaatti raawatamu jedhamee kan hubatamu ture. Ta’uus Oromoo bakka bu’uun mare kana irratti kan hirmaatan J/ Daawit Phaawuloos fi
J/ Bakkangahaa Margaa ti. Garuu yeroo amma kana ilmaan Oromoo rakkoon jireenyaa isaan miidhe, rakkoo keessaa waan isaan baasan fakkeessani biyyoota Arabaa fi kanneen birootti kan daldalaa jiran ta’uun akka hubatamuu taasisameera. Keessattuu shammarran Oromoo jireenya irraa aanuuf jechaa kan biyya baafamanii gurguramaa jiran ta’uun beekamaa dha.
 

  1. Wal-qixummaa Saalaa (Gender Equality)

 
Mata duree kana irratti hirmaatota keessa dubartooti 15 filamanii yaada akka dhiheessan kan godhaman yoo ta’u isaan kana keessa dubartooti Oromoo lama hirmaataniiru. Dubartooti  kunis J/Hangatuu Baalchaa fi Adde Sa’idaa Ibiraahim jedhamu. Akka waligalaatti kan dhihaate miidhaa dubartoota irra gahuu kanneen akka humnaan heerumsiisu, dirqiin gudeeduu, dhaqna qabaa dha. Yeroo amma kana dubartooti Oromoo Oromiyaa keessatti humna waraana wayyaneen humnaan kan gudeedaman yeroo ta’u kun ammo dhukuba daddarbaa kanneen akka HIV AIDS kan isaan saaxilaa jiru ta’uun hirmaatota kanaan ibsameera. Kanuma waliin walqabsiifame ejjennoon armaan gadii akka Paarlamaa Netherlandiif dabarfamu taasisaniiru.

  • a) Gamtaan Awurooppaa fi mootummaan Netherlands  mootummaa abba irree kan akka Mallas Zenawii gargaaruu dhaabuu qaba;
  • b) Dhabileen miti-mootumma, waldaan gargaarsaa gargaarsa godhaan kallattin uumata akka gahutti gochuu qabu;
  • c) Dhabilee mirga dhala namaaf falmanii fi waldaan fannoo diimaa hidhamtoota karaa karaa maatii isaanii odeessa guurachuun akka hordofu kan jedhu ture.

  

  1. Qooduu (Balfachuu fi maraarfachuu) (discrimination)

 
Maree mata duree kana irratti geggefaameen isa  tokko balfaachuu fi kaaniin ammo ufitti qabuun siriitti kan ilaalamee dha. Oromoon yeroo amma kanatti gamma hundaan (i.e. Dingadeen, hawaasumaan, siyaasaan, fi kanneen biroon) kan dhiibamee yemmu ta’u; faalla isaa ammoo ummatooti biroon addatti ammo ummati Tigiraay warra kunuunfamaanii dha. Naannoon Tigiraay yeroo misoomaa jirtutti Oromiyaan ammo saamamaa jirti. Kun bal’inaan kan ibsamee J/ Biraasaa Ayyaanaan ture.

J/Biraasaan  gama  isaniin qabxileen armaan gadi akka hojiitti hiikamuu fi  paarlamaa Netherlands akka dhiibba mootumma Ithoophiyaa irratti godhu dhiheessaniiru:

  • a) Olaantummaa seeraa akka jiraatu;
  • b) Mirgii namnuu qabeenya horachuu akka kabajamu;
  • c) Mirgii gurmaahuu, waldaa ijaarachuu akka jiraatu;
  • d) Gargaarsi Ameerikaa ,Aworoppaa fi Chinan Ithophiyaaf godhan akka dhaaban;
  • e) Namoota beelahaniif kallattiin gargaaruu malee mootummaatti kennuun akka dhaabatu kannen jedhanii dha.

 

  1. Dagaagina hawaasaa fi dinagdee fi fayyadama uumama naanno: Indaastrii Abaaboo Oromiyaa keessa ilaalchisee (Socio-Economic Development and Environmental Exploitation, the case of flower industry in Oromia , Ethiopia)

 
Mataa duree kana irratti kan barruu qorannoo bal’aa dhiheesse J/ Hundee dhugaasaa yoo ta’u biyya Beljium irraa dhufan. Barroon kun waan qabataa fi waan mul’ataan kan deegaramee waan tureef hirmaatoti hedduun xiyyeeffannoo kan itti kennan ture. Kanaaf namooti barruu qorannoo J/ Hundee  dhihaate dubbisuun hubannoo caalatti argattu jetne abdanna.

Guyya itti aanu gaafa 10/12/2009 ganama irraa kaasee hirmaattoti bakka kanatti argaman hiriira nagaa gochuun mootummaa abba irree balaaleffachuu fi gochaa gara jabeenya isaan ummatoota nagaa irraan gahan abaaraniiru.  Namooti  kumaa olitti herregaman Den Hague lafa “ Peace Palace in The Hague ,” bakka jedhutti walitti qabamuun boda dhaadhannoolee mirgaa ilma namaa leellisanii fi mootumoota abba irree balaaleffattan dhageesisaa haga waajira Paarlamaa Netherlands tti  deemameera. Erga achi gahamees bakka bu’ooti hirmaatota hiriraa fi biyyootan naamoti 30 filamanii Paarlamaa Netherlands tti seenuun ibsa isaan barbaachusu Paarlamaaf kennatanniru. Cuunfaa mare garee adda addaan godhamees paarlamaa biyya Netherlandiif kennaniiru.

Mariin galgala sana Warren aangowoota biyya, Waarra mana barnoota adda adda irra dhufanii fi uummata giddutti adeemsifame kan milkii ture. Sagantuma kana irrattis rakkoon orommof furmaata kan jedhamee ibsa ejjennoo bahee keessatti hammatameera. Ibsa ejjennoo dubbifamee kana keessattis rakkoon Oromoo xiyyeffaannoon kan kennameefi ta’uu nama hubachiseera. Itti dabaluun namoota shan ibsa ejjennoo hirmaatotta hiriira kanaa akka dubbisan filataman keessa lama Oromoota turan.

 
Akka waligalaatti, qophiin sun Oromoof milkii guddaa kan qabu ture jechuun ni dandahama. Kana milkeessuufis Oromoon biyya Netherlands jiran addatti ammoo; jaarmayaan dhaabaa biyya Nethelands keessa jiran hojii boonsaa hojjetaniiru.

I.U.Of!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net