(Madda Oduu ABO/MOA/Sadaasa 16, 2009) Yaadatnoon guyyaa FDG Nairobitti kabajame kun dursa eebba manguddootiin eegalee ,jaarsoleen dungoo qabsiisuun darga-gootatti laachun ,faaruu tokkummaa ,itti aansuun sagantaan ayyaana Fincila diddaa gabrummaa yaadatanii ooluun itti fufe,
Itti aansuun haasawaa gabaaba barreesa Sochii Baratootaa Oromoo Bahaa Afrikaan(SBOBA) Amsaaluu Wiirtuun ergaa godhee booda itti dhansuun dhamsaa waliigalaa Oromoo hundaaf,Oromoo biyyaa keessa jirataanif , dhabbilee siyaasaa Oromoof hundaaf ilmaan Oromoo biyya hambaa jiratan maraaf dhiyaate,jidduutti sirbi warraaqsaa sirbamee dhaamsi dhaaba ABO damee konyaa Naroobiitiin dhiyaate.itti aansuun dhaamsi waldaalee Oromoo naannoo NBI jiranii walduraa booda dabarfatanii diraamaan Tokkummaa jedhu miseensota baandii Eenyummaatiin dhiyaate.Itti aansuun walaloon Gootota Barattoota Oromoo Fincila diddaa gabrummaa irratti wareegaman faarsu Jaalataa Sabaan dhiyaate.

Artistoonni Oromoo bakka hundatti qooda qabsoo Oromoo keessatti kennaan jiranii fi turan seenaa keessatti bakka guddoo qaba,akka kanaan Artistoonni Oromoo sirna bittaa fi dhiittaa garbroonfataa jalaa bahanii Nairobi Kenya jiran,guyaa FDG kana irrattti tokkummaan argamuun faaruu fi walleelee warraaqsaan sa'aa 5 oliif Oromoota onnachiisaa fi gammachiisaa akka turan MOA gabaasa.
SBOBAn barruulee xiyyaa jedhuu lakk3ffaa seenaa barattoota Oromoo wareegaman haala yeroo kan QBO irraa jiru kan of keessa qabdu Oromoo hundaaf dhamsaa ykn ergaa qabu maxxanfamee waan jiruuf Oromoonni aduunyaa kana irra jiran martinuu akka dubbbisanii dhaamsa Oromummaa irraa hubataniif SBOAn guyyuma kana dhaamsa dabarsee jira.
Haasawaa barreesa Sochii Bartoota Oromoo Bahaa Afrikaa fi Dhamsaa sochiichaa: Gabaasa Guutu
MOA