Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

FDG Ilaalchise: Ibsa ejjennoo KHG ABO kutaa Iskandanaaviyaa

 

Ummatni Oromoo gaafa biyyaa fi mirga isaa sarbamee kolonii Habashaa jalatti kufee as bifa garaa garaatiin naannoo addaa addaatti fincilaawwan diddaa kolonii fi diddaa gabrummaa akka gochaa ture seenaa irraa ni hubanna.

Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasaa 9, 2005 labsa ABO irraa kannameen eegalame kunis wareegama kaleessa qabsaawonni Oromoo qaqqaaliin baasanii asiin ga’an akka ta’e ifaa dha. Fincilli kunis kaabaa- kibbatti, bahaa- dhihattii fi gidduu galeessatti walitti dhaammachuudhaan daran barattoota oromoo bakka sadarkaa hundaatti kan hirmaachisee fi ummata oromoo bakka bakkatti diddaa gabrummaa isaanii ifatti fincilaa waan turanii fi fincilaa waan jiraniif seena qabeessa dha.

  • Kanaaf; Diddaan jalqabame kuni bifa hundaan hawaasa Oromoo mara hirmaachiseen hanga bilisummaatti itti fufuu qaba.
  • Oromoon gabrummaa bara jaarraa 21ffaa kana keessa kan ba’uu danda’u yoo jabaate qofaa ta'uu hubachuudhaan humna jabeeffatnee socho’uutu nu irraa eegama.
  • Biyyaa keenyaa, Seenaa, Aadaa, Afaan keenyaa fi walumaa galatti eenyummaa keenya hanga dhabuu geenyee fi mirga abbaa biyyuummaa kan sarbamne humnaan waan ta’eef humnaan debisachuu malee filannoon biraa hin jiru jechuu ni danda’ama akka amaloota wayyaanee guyyaa guyyaatti jijjiiramuu fi haala yeroo ammaa biyya sana keessatti deemaa jiru yoo xiinxalame.
  • Afaan wayyaaneefis galu yoo jiraate humna qofa ta’uu hubatnee afaan galuufiin ittiti himuu qabna.
  • Humni yoomi iyyuu murteessaa waan ta’eef humnoomuu qabna.
  • Haawaasa addunyaa birattis hawwannoo fi tumsa argachuu kan dandeenyu yoo humni keenyii fi hojiin keenya jabaate qofaa dha.
  • FDG irratti wareegama firii itti gochuuf xurree isaan nuuf saaqan itti fufnee gumaa jaallan wareegamanii injifannootti jijjiiruudhaan galii qabsoo keenyaa bakkaan ga’uu qabna.
  • Warri dirqama fudhanee fi irbuu galle hundi qabsoo keenya gama hundaan halkanii fi guyyaa osoo hin jedhiin sochoosuutu nu irraa eegama.
  • Sanyii duguuggii ilmaan oromoo irratti wayyaaneen rawwaachaa jirtu jabeessinee balaallefatna.
  • Ilmaan Oromoo beelaan, hidhaan,dhukkubaanii fi jireenya bu’uura ilmi nama jiraachuuf umaamaan kennameefii jiru dhorkachuun bittaa umurii ishee dheereffachuuf wayyaaneen tattaafattu irree Oromoo hundaan akka of irraa deebisu waamicha keenya ilmaan oromoo hundaf goona.
  • Hireen ilmaan oromoo godoonuu, hidhamuu fi du’uu otoo hin taane biyyaa abbaa isaa keessatti jireenyi ilmi nama addunyaa kana irratti jiraatu jiraachuu waan ta’eef, ilmaan Oromoo hundi qooda qabsoon bilisummaa gaafattu akka raawwatu gaafatna.
  • Murtii WBOn ZK tokummaa qabsaawotaa dabarse irratti ibsa ShG GS ABO dabarse ni deeggarra.
  • WBOn abdii fi gaachana Oromoo hundaaf waan ta’eef wareegama lubbuu isaa bakka hin buufamneen of kennee dirree qabsootti argamniif, jabina kutannoo fi injifannoo dachaa hawwaafii nutis waan nu irraa barbaachisu hundaan akka isaan cina jirru gadi jabeessinee dhaammanna.
  • Miseensotni ABO,Deeggartootnii fi hawaasni Oromoo hundi WBO cina akka dhaabbatan, gargaarsaa fi tinnisa barbaachisus QBOf akka godhan gaafatna.
  • Ilmaan Oromoo mooraa diina keessa jiran hundaaf, beekaas ta’e otoo hin beekiin warri dinaaf ulee ta’anii jirani gara qabsoo bilisummaa ummata keessaniitti akka dachaatani waamicha goona.
  • Ilmaan Oromoo hundaaf, humna qabu qindeeffatee of humneessuudhaan dantaa isaa fi mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiifachuuf harka wal qabatee diddaa isaa akka cimsu gai jabeessinee gaafatna.
  • Diddaa gabrummaa, mirga abbaa biyyummaa fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoof lubbuu isaanii qaqqaalii dabarsanii kennaan hundi wareegamni isaanii gatii malee akka karaatti hin hafne tokkummaadhaann diina irratti akka kaanu gadi jabeessinee dhaammanna

IUOf!
GGB ti!


Sadaasa 9, 2009 ABO Kutaa Iskandanaaviyaa



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net