Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Dhaamsaa fi Yaada Dabalataa Kabaja Waggaa Haarayaa Amajji 01, 2010

(Tokkummaa Barattoota Oromoo Yuniversity Finfinneen!)

Oromoon akkuma Saba kamiiyyuu Sirna Heer fi Seera, sirna Siyaasaa fi Bulchiinsaa (Mootummaa), Diinagdee fi Hawwasummaa mataa isaa qabaachaa ture dha. Sirnootni kun Kabajaa, Jaalala, Nagaa, Badhaadhina, Walqixxummaa, Haqa, Safuu fi Bilsummaa dhala namaa irratti kan bu'uureffamani dha. Karaa gara biraan, 'Sirni Gadaa' utubaa waltahiinsa sirnoota kanneeniti jechuun ni dandayama. Aadaa fi Amantiin(Waaq-tokkichatti amanuun) Uummatichaa (ka kaleessa ture, ammas kan jiru) calaqqee duudhawwan 'Sirna Gadaati'. Akka Sirna Gadaatti, Oromoon 'BAR-LAKKOFSA' kan ofii isaa akka qabu ambaalee seenaa qabatamaa gara garaa irraa hubachuun ni danda'ama. Barreeffamni kunis kan inni xiyyeeffatu kana irratti ta’a.


Falaasmni Oromoo kunis sababoota quubsaa jiruu fi jireenya sabichaa fi Uumama gidu-galeessa kan godhate(tolfate) dha. Haaluma kanaan Amajji 01 akka guyyaa jijjiirama bara haarayaatti kabajama. Fknf. Baatiin kun(Amajjiin) Oromoof; yeroo inni itti firii(bu'aa) dadhabbii isaa
waggaa tokkoo ijaan argu dha; ji'a kana keessa Oomishatu manatti gala, Saawwantu gad-lakkifama, Dorrobaatu dhala, Kormi ni bookkisa, Goromsatu rimaa qabata fi kkf. Kun kan inni nuti argisiisu 'Sirni Lakkoofsa Yeroo/Baraa' nuti hordofnu hagam tokko Saayinsawaa fi taheef  jiruu fi jireenya hawwaasichaa bu'uura ka godhate tahuu isaati. Gad fageenya isaa Seenaa dhugaa sabichaa irraa qoratanii mirkaneessuun ni dandayama. Kana irraa kan ka'e hardhaan tana
hawwaasa addunyaa keessaa dhibbantaa irraa harka 97 (97%) ol ka tahe sirna lakkoofsa baraa kan keenyaan wol fakkaatu hordofaa jira. Kun kanaan osoo jiru Oromoon jaarraa tokkoo fi gannota kurnan oliif 'SIRNA MOOTUMMAA ABBAA IRREEDHAAN' akka 'Lakkoofsa Baraa' kanatti hin fayyadamne uggurameera. Haa tahu malee, dhalootni hardhaa sirna boonsaa fi ammayyaa akkasii kana osoo qabuu kan ormaa hordofuu irraa deebi'uu qaba. Kana raawwachuun yakkas cubbuus miti. Kun fedhii fi duudhaa saba guddaati; dhimma nam-dhuunfaas miti. Seerris tahe Siyaasaan Mirga ykn Fedhiii akkasii kana daanggessuu hin danda'u. Waan ergisaa kan ofii
hin tahu akkuma jedhamu, 'ergisa dhiifnee kan keenyatti  deebinee of haa taanu'. Nuti Oromoon Hireen keenya tokkicha; jechuun: Biyya-Tokko(Oromiyaa badhaatuu), Afaan-Tokko(Afaan Oromoo hundee Oromummaa), Saba-Tokkicha(Oromoo Saba Qaroo) fi Hiree tokkicha (Mirga hiree murteeffannaa dhugomsuun bilisummaan gahuu) qabna. Waan dhabne hin
qabnu;  Harka ormaa ilaaluun nurratti haa dhaabbatu, halagaan bulfamuun as irratti haa gahu!  Garaagarummaan ilaalcha Siyaasaa gidduu keenyatti uumame shira diinaa akka tahe hubachuudhaan Oromoon hunduu gara 'Haqa Eenyummaa' isaa irraa sarbame deebifachu irratti akka deebi'u dhaamna. Adda addummaan amantaas gochaa qoqqooddii warri diina keenyaa nu'rratti raawwatani dha. Ilaalcha siyaasaas tahe kan amantii irra dursi kennamuu ka qabu Oromummmaaf haa tahu; maal jennaan ilaalchawwan kana yeroo feenetti akka meeshaatti jijjijiiruus ta’e dhiisuus ni dandeenya; Garuu, Oromummaan dhaloota(Uumama) dha; kana waan taheef jijjiiruus tahe dhiisuu hin dandeenyu; yoo kana goone jiraatti du'uu(dhabamuu) irraa garaagarummaa hin qabnu.


Kanaaf, nuti 'Tokkummaan Barattoonni Oromoo Yuunbarsiitii Finfinnee', Oromoon
akamuu bara haarayaa itti deemaa jirru (Amjjii 01,2010) jala bultii isaa irraa kaasee bakka jirutti bifa ho'aa taheen tokkummaadhaan akka kabajatu gamanumaan yaadachiifna.


Akkataa Raawwii Isaa:

Guyyaa Ayyaana kana kabajatu Oromoon hunduu, keesumattuu 'Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa ol aanaa irra jiran'  kanneen armaan gadii keessa yoo xiqqaate bifa tokkoon raawwachuu raawwachuu qaban:
-Seenaa dhugaa saba Oromoo, keesummattuu waa'ee 'Bar-lakkoofsa' Oromoo irratti hubannoo waliif qooduu.
-Waa'ee rakkoo sabni keenya si'a kana itti jiru irratti mari'achuun yaada furmaataa wal jijjiiru.
-Oromoon naannoo gara garaa irraa dhufe wol baruu qaba.
-Oromoota haqaa fi mirga saba isaaniif  osoo falmatanii  wareegaman yaadachuu, akkasumas Lammiiwwan keenya bakka garaa garaatti sababa haqa eenyummaa isaaniif fknf. mana hidhaatti dararamaa jiran bifa barbaachisaa taheen jajjabeesuu(qarqaaruu).
-Huccuu/Wayyaa aadaa uffachuudhaan suuraa fi yaadannoo waliin ka'uu.
-Yaada 'Beekumsi, Barnootni fi Qabeenyi Furmaataaf sabaaf haa oolu!' jedhu irratti xiinxaluu.
-Ilaalchi gandummaa bu'aa shira warra inaaftota keenyaa tahuu isaa hubannee, tokkummaa keenya daran haa cimsinu; Haqa Oromummaa irratti  yeroon nuti ejjennoo tokko qabaachuu qabnu hardhaa fi amma jechuun, barbaachisummaa ijaarssaa Oromoo irratti woliigaluudhaan hojii irra oolchuu akka qaban dhaammatan.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net