(Madda Oduu ABO/MOA/Muddee 28,2009) MOAn akka gabaasetti sirni kabaja guyya gooticha WBO,biyya Nezerlanditti gaggeeffame kun kan eegalame akka sa'atii Amsterdamitti guyyaa keessaa sa'aatii 11;00 hanga galgalaa keessaa sa'aa 8'00tti yemmuu ta'u ,miseensootni fi deeggartootni ABO konyaa kanaa guyyaa guutuu WBO leellisaa fi faarsaa oolaniiru.
J/Hangaatuu Baalchaa, dura teessuun Konyaa ABO Nezerland hirmaattoota ayyanichaatiin erga baga nagaan dhuftanii jechuun haasaan erga banaanii booda,guyyaa gooticha WBO seenaa qabessa kana kan kabajnu muranno fi kutannoon cinaa isaa dhabbachaa akka jirru guyyaa ittii mirkaneessinuu fi dirqama Oromummaa isa irraa maayii bahuu keenya kan waadaa keenya irra daddeebifnee itti haaromsinu ta'uu qaba jechuun dhaamaniiru.
Dura teessuun konyaa ABO Nezerlands J/Hangaatuu Baalchaa itti dabalauun guyaan WBO maaliifii fi akkamitti , WBO fi uummata Oromoo biratti akka kabajamu hirmaatoota sirnicha irratti argamanii fi ilmaan Oromoo kanneen sarara paltalk irraan hordofaa oolaniif erga ibsanii booda ifatti saganticha bananiiru.
Guyyaan kabaja gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo kuni keessummootni kabajaa, miseensotnii fi deeggartootni ABO, manguddootni shamarran,dargaggootai, daa’immaan walumaaa galatti hawaasni Oromoo biyya Netherlands erga bakka teessuma isaanii qabatanii booda akka duudhaa Oromootti eebba manguddootaan eegale. Itti aansuudhaan faaruun ALaabaa Oromiyaa jedhu gamtaan farfaatameera.
Akkuma aadeffame wagga waggaan biyya Netherlands keessatti kan kabajame guyyaan Waraana Bil;siummaa Oromoo kuni walaloolee, faaruu fi daadhannoolee hirmaattotaan dhihaataniin miidhagee kan oole ta'uun beekameera
Ittiaansuudhaanis gooticha WBO kan yeroo kamii caalaatti cinaa isaa dhabbachuu keenya kan ittiin mirkaneessuu dandeenyuu,"mata duree ni tinnisna dhaadannoo" jedhuun Oromootni sirnicha irratti argaman qaaman, kan haalli osoo mijatuufii didee irratti hin argamne immoo bilbilaan akka ABO karaa danda’an maraan cinaa jiran mirkaneesssaniiru.
Akka kanaan daa’ima baatii 9 kan ta’e Dinagdee shimallis Shaanqoo irraa eegalee hanga manguddootti WBO horiitiin tumsaa oolaniiru. Miseensii gameessii dhaaba keenyaa J/Dr.Baaroo Qannoo batalumati euro 500.00 arjoomaniiru.fulduratti Ogummaa qabaniin WBO 'f waldhaansaa qaamaan argamanii gochuuf waadaa seenaniiru. Daa’imman Oromoo biyya Netherlands kan biroos hanga Oromoiyaan bilisoomtutti kan aannanittiin dhugnu irraa kutnee WBO tinnisina jechuun euro 10 arjomaaniiru.
Walumaa galatti miseensootnii fi Deeggartootni ABO konyaa Nezerland Gooticha WBO dingadeen jabeessuudhaaf battalumattii Euro 3200 ol (Euro kuma sadii fi dhibba lamaa ol ) gumaachaniiru. Gumaachi WBO'f godhamu kunis hanga Amajjii 1/2010tti kan itti fufu ta'uun beekameera.
Gootowwan Miseensota WBO lubbuu isaanii jijjirraa hin qabne gotummaan wareega qaalii baasaniifis yaadannoon sammuu jalqaba irratti godhameera.
Jidduu jidduuttis sirboota qabsoo leellisaanii fi dadhannoolee onnee hirmaattoota kakaasanii dhiyaataa oolaniiru.
Walaloon mata duree "dubaddhu Amajjii" jedhu J/Inkosaa Gurmeessaan kan dhiyaate yemmuu ta'u WBO bifa addaatiin yaadachiisuun hirmaattoota onnachiiseera.
Sirni ayyaan guyyaa WBO kunis karaa sararaa Paltatalkii Oromootaa carraa dhageeffachuu qaban maraaf darbaa ture,maayyii irratti faaruu alaabaa fi dhatanoon haala miidhagaan xumuramuu MOA naannoo san irraa gabaasa.
MOA