Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Hawaasti Oromoo Awustiraaliyaa magaalaa Adelaide, Ayyaana FDG sirna ho’aan kabajatan.

(Madda Oduu ABO/MOA/ Adelaide, South Australia, Sadaasa 17, 2009) Hawaasti Oromoo Awustiraaliyaa magaalaa Adelaide keessa jiraatan guyyaa Fincila Diddaa Garbummaa, Sadaasa 9, sirna oo’aan kabajatanii ooluun gabaasame.

Maddi Oduu ABO,MOAn, Adelaide irraa akka gabaasetti, hawaasti Oromoo magaalaa Adelaide keessa jiraatan kunneen ayyaana FDG kana kan kabajatan Dilabata darbe, Sadaasa 15, 2009 walitti dhufuudhaan ture.

Ayyaana yaadannoo waggaa 4ffaa FDG Oromiyaa kanarratti hawaasa Oromoo Awustaraaliyaa Kibbaatti gaafatamaan damee jaarmayaa Jaal Kadir Ibrahim, Fincilli Diddaa Gabrummaa Sadaasa 9, 2005 bifa haaraan eegale sochii jaarraa 16ffaa keessa Oromoon daga isaa bilisoomsachuuf finiinsaa ture wajjin kan wal fakkaatu ibsee jira.

Dhalli Oromoo garbummaa didan marti, bakkayyuu irraa ka’anii faajjii jaallan kaleessaa qabsoo irratti wareegaman kaasuun hawwii biyya ofii irratti abbaa biyyaa ta’uu, bilisummaa, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu bakkaan gahuu; gaaffiilee mirgi dhala namaa fi dimokraasii akka kabajamu gaafachuu isaaniis JaalKadir yaadachiisee jira

Amma illee qabsoo keenya fininsuun ilmaan Oromoo sababa Oromoo tahan qofaaf mana hidhaa keessatti gidiraa argaa jiran haal duree tokko malee akka hiikaman, namoota seeraan alatti ilmaan Oromoo hidhan, gidirsan, hiraarsanii fi ajjeessan murtii seeraaf akka dhiyaatan  gaafachuun bakka jirru hundatti sochii FDG keenya  jabeessuu qabna jedhee jira.

Ayyaana yaadannoo FDG kana irratti gaafatamaan Hawaasa Oromoo Awustaraaliyaa Kibbaa, Ob Ibiraahim  gama isaatiin dhaamsa dabarseen ummati Oromoo bakka jirutti tokkummaa isaa jabeeffatee gamtaan  akka socho’u dhaamee jira. Miseensoti Hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa Kibbaa gama isaaniitinis, ayyaana kana irratti FDG bifa bilchaataa ta’een daran jabeessuuf waan danda’an maraan kan hojjatan ta’uu hubachiisanii jiru.

Daa’imman Oromoos ayyaana FDG kana irratti faaruu Alaabaa oromoo dhiyeessanii hawaasa Oromoo dhiibbaa sirna garboonfattootaan biyyaafi saba isaanii irraa dhiibamanii, Australia magaalaa Adelaide keessa qubatan  waliin ayyaana FDG waggaa 4ffaa yaadatanii oolaniira.

MOA

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net