Seenaa
gabaabaa obbo Taayyee Tafarraa Guumaa
Obbo Taayyee Tafarraa, abbaa isaa Obbo Tafarraa Guumaa fi harmee isaa adde
Caaltuu Birru irraa, Onkoloolessa 15, bara 1948
koonyaa Waajetii Suphee, aanaa Gimbii, Oromiyaa lixaa keessati dhalatee.
Obbo Taayyeen Tafarraa Obbolaa afur qabu. Isaaniis:
obbo Biraasaa Tafarraa, obbo Gizaawu Taasisaa, adde Tsahaayi Taasisaa fi addee
Zawudituu Taasisaa ti.
Mana barnootaa kutaa duraa, Harrojjii Hagamsaatti jalqabee, Aqaaqii
Advetist Missionitti, bara 1964 tti raawwate. Barnoota
isaa kutaa ol’aanaas, Aqaaqiidhaa fi Kuyyeeraa Advetist Seveth day
Mana barnoota kutaa ol’aanaa erga raawwatee booda, obbo Taayyeen ministeera
community development keessaat
social worker ta’e
hojjetaa ture. Akkasumaas Hospitaala Zawudituu,
John Hanson fi Coesfeld pharmaceautical company keessa hojjeteera. Hojiidhuma issa kana
waliin mana barnoota galgalaa
Obbo Taayyeen yeroodhuma mana barnoota ol’aanaa ture
Bara 1971 akkuma mana hidhaatii baheen biyyaa baqatee guyyaa saddet
milaan deemee Sudaaniin erga ga’ee booda hanga bara 1972 akka baqataatti achi
jiraate. Yeroodhuma kana keessa university Khartoumiin seenee
ture. Bara 1972 Pan African Movement university
Khartoumitti miseensa ta’e. Akkuma kanaan duraa qabsaawaa
ta’uun isaa mootummaa Sudaani itti kaase. Haalli kun
waan hammachaa adeemeef Sudaaniin dhiisee kooluu gafachuuf gara
Dirree Xiyyaraa magaalaa
Afaan Germanii erga baratee
booda bara 1973-1974 Krone and Albrecht KG keessa hojjete. Bara 1975
American
Obbo Taayyeen
baqataa ta’ee Berliniin guyyaa seenee jalqabee utuu of hin qusatin walqixxummaa,
haqa dhala namaa fi mirga sabasaatiif (Oromoof) hojjetaa ture. Waan kanas bakkaan gahudhaaf kutanoodhan
jireenya isaa kenne.
Obbo Taayyeen karaa namoota
beekuu fi firoota isaa warra mediyaa, ijaarsolii(Partiilee)) politika keessa jiranii fi political activistii biyya
German keessumaayyuu warra Magaalaa
Bara 1974-1976 Obbo
Taayyeen hammina mootummaa abbaa irree dergii
Bara 1978 obbo Taayyeen
namoota akka aadde Briggitte, Axel Klapoth, Dr. Thomas Zittelmann fi frotasaa
Germaniif Oromoo ta’an waliin “Oromo Human rights organization” dhaban. Bara 1979 waldaan gargaarsa Oromoo (ORA) Khartoum/Sudaan keessatti
yeroo dhaabate deggeeraas waliin hojjechaas ture.
Baruma kana keessaas hiriira adda addaa
qindeesuudhan namoonii Oromoo mana hidhaa keessa turan warra akka Qees Guddinaa
Tumsaa, aadde Tsehaayi Tolasaa fi Naimat Iisaa akka hiikaman gaafacha turan. Maraa hedduu guyyaa ayyana waldaa kristaanaa Germanii irratti
namoota argamanirraa malateessa kumaan lakkaawamu funaananii waajjira Mangistuu
fi Embasy adda addaatti erguudhaan namoonni hidhaa jiran akka hiikamaniif gaafachaa
turan.
Obbo Taayyeen namoota haccuuccaa
mootuummaa
Bilqisitooti kun kara
Kunis
Bara 1984 obbo Taayyeen geggessitoota
TBOA warra akka Makuriyaa Bulchaa, Aster Gammadaa, Tasfaayee Alamuu, Fissahaa
Gannatii fi Kuulanii Guddinaa waliin ayyaana waggaa kurnaaffa TBOA Qopheesan.
Baruma
Akkasumas obbo Taayyeen tajaajila(service) Baqattootaaf hedduu barbaachisaa
ta’an kennuudhaaf Nomoota akka Dr. Gunnar Hasselblatt, Mr. Peter Niggli, Mr.
Manfred Voegele, Mr. Fredrich Grün, Frau Fraucke Hoyer, Mr. Tom fi Ms. Ritta
Venste, Rev. Gerd Decke, Dr. Rheinhard Kees fi Ms. John (itti gaafatamtuu
waayee nama alagaa waliin hojjechaa ture. Warra African council
Bara 1984/1985 TBOAn dhaba Caayaa ABO waan ta’eef obbo Taayyeen Oromoota
hundumaa waliin hariiroo cimaadhaan hojjetee qabsoo saba
Oromoo akka jabaatu tatafachaa ture. Akka miseensa Adda Bilisumma Oromoottis
sagalee bilisumma Oromoo(SBO) hojii isa erga jalqabe
kaasee achi keessaa hojjechaa ture.
Gargaarsa mootummaa Magaalaa
Bara 1990 yeroo jibbi nama alaa irratti bayyachaa
adeeme, obbo Taayyeen racismii fi miidhaan mormuudhaaf murteefate. Bara 1995 kaasee, Ijoollee xixiqqoo mana barnootaa jiran, irra deemee
sababa namootni biyyaa baqatanii as galaniif, jibbaa fi miidhaa isaan irra gahu
barsiisaa turee. Bara 1998 jalqabee,
mana barnoota police keessati kana irrati hojjetaa ture.
Hojii guddaa inni hojjetaa ture keesaa tokko, jibba gosumaa warra adeemsisan dura dhaabachuu
turee. Garee kubbaa milaa fi warra taxi oofan waliin
hojechuudhaan, isaanif namoota alaa gidduti wal’dhageetiin akka argamu carraaqaa
ture.
Bara 2004/5 miseensa koree gegesituu Migration Kommittee fi miseensa
koree Afrika ture. Obbo Taayyee Tafarraa, nama nandadhabe osoo hinjedhin,
halkanii fi guyyaa hojjetuudha. Waan fuulleeffatetti humna isaa qusatee
hinbeeku.
Dhuma Guraandhal 2008 dhukkubsatee dadhabbiin itti dhagahamuutti kahe. Bitootessa (March) 10, hospitaala seenee yaalii guddaa warri haakimaa godhaniif. Dhukkubnisaa
waan itti cimeef obbo Taayyee Tafarraa Ebla 04, 2008 addunyaa kanarraa du’aan boqote.
Obbo Taayyee Tafarraa jireenya qabsaawaa waggaa 40 irra diriiruun jiratee, namoota kumaatamaan
lakkaawamaniif jijjiirama hedduu fideera. Namoota isa
waliin hojjetaniifis humna ta’uudhaan dhaloota dhufuufis fakeenya gaarii dhiisee darbe. Akkuma jedhamu
qabsaawaan ni darba qabsoon itti fufa.
Sirna awwaalcha obbo Taayyee Tafarraa biyya Jarmanii magaalaa
Barlinitti Ebla 12, 2008, bakka maatiin isaa firoottansaa, hiriyonni fi ummatni dhibba heddutti
laakkaawaman argamanitti raawwate.